Ziilaataan Ibiraahimovich, taphataa duraanii 'ani leenca' ofiin jedhu

''Yeroon ani waaqadha si jedhu, waanuman baacu sitti fakkaata. Garuu an baacaan jira miti. Yeroon dirree seenu, miira akkasiitu natti dhagahama. Akkuman waaqa tahetti natti dhagahama. Nama daandiikorra dhufe hundaa waanan caccabsee mo’u natti fakkaata.

Kun imaammata sammuukooti. Fakkeenyaaf nama adunyaa irratti buunyaan beekamu Taayisan Fuurii osoo naa fiddee, isa mo’attaa? jettee na gaafatte, eeyyeen si jedha.

Kun sammuukoo keessattidha. Garuu osoo dhuguma dorgommii buunyaaf riingii keessa galle sekondii lama keessatti dhahee lafa na buusuu danda'a taha. Garuu ilaalcha ani qabu, eeyyee hundaa gochuu danda’a kan jedhudha."

Kun dubbii taphataa beekamaa kubba miilaa Ziilaataan Ibraahimoovichidha. Lammii Iswiidin kubba miilaa hanga umuriin isaa 41 darbuti gahumsa olaanaan taphate, dirree keessatti taphattoota doorsisaa taphatuu fi seenaa jireenya isaa keessaa wantoota yeroo hedduu hin dhagahamne isinitti himna.

Ziilaataan nama ofitti amanamummaa guddaa fi namoota kaan irraa adda tahe qabaachuun beekamudha.

Waa'ee dubbii isaa kanaaf of tuulummaadhamoo jedhamee gaafatamee deebiin kennes kun of tuulummaa osoo hin taane ofitti amanamummaadha jechuun deebise.

Ziilatanii fi Helenaan waggaa 20 waliin jiraatanii maaliif wal hin fuune?

Ziilaataan Ibiraahimovich haadha warraa isaa [michuu] Helenaa Sheger waliin waggoota 20 oliif jiraatus ammayyuu wal hin fuune. Ijoollee lama waliin qbau. Haati warraa Ziilaataan Ibiraahimovich wagga 11 isa hangafti.

Iswiidin keessatti guyyaa tokko daandii irratti walitti dhufanii konkolaataadhaan tasa karaa walitti cufuun achumaan wal baran.

Barruu afaan Faransaay Elle jedhamu irratti akkas jechuun haalatti jaalala jalqaban dubbatte.

Konkolaataa isaa Feeraarii akkan ani bahuu hin dandeenyetti natti cufee dhaabee ture. Kun Iswiidin Maalmoo keessattidha. Daandiirraa naaf gori jedheen itti dubbadhe. Waan narratti jaalate tokko qaba fakkaata,’’ jette.

Helenaa jalqaba yaada itti kennitee tole hin jenneef. Ziilaataan bilbila ishee argateeru ergaa gabaabaa barreessuu fi bilbiluu hin dhiisne. Yaalii yeroo dheeraan booda akka tole jetteef Piirs Morgaan waliin gaaffii fi deebii taasisan irratti hime.

Ziilaataan ofitti amanamummaa guddaa waan qabuuf innis hammam akka gahu itti agarsiisuu irraa duubatti hin jenne. Helenaan dubartii waa sodaattu miti. Maatiin ishee ija jabeettii gochuun ishee guddisan. Umurii ishee wagga 13 hojii biizinasii fi modelii keessa kan galte Helenaan osoo Ziilaataan waliin wal hin bariiniyyuu dubartii qabeenya guddaa horatte taateetti.

Amma ijoolle elama Viinsentii fi Maaksimiilaan jedhaman qabu. Waggaa 20 ol waliin jiraatanis wal fuudhuu dhiisuun isaanii namoota hedduuf gaaffiidha.

Ziilaataan isheen haadha warraakoti. Ani abbaa warraa isheeti. Isheenis akkasitti beekti. Garuu seeraan waliif mallatteessuun sirna gaa’ilaa hin dhaabbanne ejdhe.

Helenaan ani Ziilaataniin nan jaaladha. Anis duduubee gaariin qaba. Jireenyakoo kanatti gatii guddaa baaseen ijaare. Aarsaa guddaa kaffaleen as gahe. Ziilaatanis akkasuma. Kanaaf lamaan keenya waan wal nu fakkeessuu hedduu waan qabnuuf waliigallee waliin jiraanna jette.

Akkuma jette Helenaan dubartii qabeenya guddaa qabdudha. Investimantii riil isteetinis beekamti.

‘’Heerumuun miira of danda’ukoo najalaa jeeqa jedheen yaada. Haadha manaa taphataa tokkoo ykn abaluu jedhamee waamamuu hin barbaadu. Waanan nama tokkotti hirkadhee jiru na fakkeessa. Namootni hedduun hammam akkan baradhe, dadhabee hojjedhee fi qabsoo jireenyaa taasise waan hubatan nati hin fakkaatu’’ jette.

Ziilaataan waa’ee kanaa gaafatamee fedha Helenaa eeguufan tole jedhe. Waggaa 20 erga wlaiin jiraannee maaliif wal hin fuunu jedhee qubeelaa kaa'ufiif jennaan, na didde. Carraa tokko kenneeraaf. Carraa lammaffaa hin argattu. Garuu ijoollee lama narraa qabdi waan taheef suniyyuu gaa'ila dhaabbachuu caala'' jedhe.

Ammas kabaja caalu anarraa argatti kan jedhe Ziilaataan namni na mo'u hin jiru jedhee waan yaaduuf amma gaafa sin barbaadu jettuun akka xiqqoo itti dhagahame hime.

Hamma haadha ijoolleekoo taatee na waliin jiraattetti, sirna gaa’ilaa hin raawwanne jedhee yaaduu nain barbaachisu jedhe.

Icciitii jireenya isaanii garuu yeroo hedduu dhoksuun jiraatu.

Qabattoo gurraacha Tekwaandoo

Ziilaataan tapha kubba miilaan qofaan hin beekamu. Ijoollummaadhaan gosoota ispoortii biraa keessas galeera.

Ispoortii teekwaandoodhaan qabattoo gurraacha kan argate yeroo umuriin isaa waggaa 17ti.

Ammayyuu adeemsaa fi akkaataa tapha teekwaandoo kana waan dagate miti. Jireenyi isaa kubba miilaa keessatti haa tahu malee, Ziilaataaniin namni beeku dudduubee isaa waan wallaalu miti.

Ibraahimovich adunyaatti yaadachiisuu kan barbaadu akka namoota kaanii akka hin taanedha.

Ziilaataan yeroo hedduu leencatti of fakkeessa. Al takka takka ammoo waaqa xiqqaa of godha.

Hojjaan isaa qofa namoota kaan sodaachisuuf gahaadha. Meetira1.95 dheerata.

Amma dhiyeenya tapha kubba miilaa irraa soorama haa bahauuyyuu malee hanga umuriin isaa waggaa 41 guututti gahumsa olaanaan taphachaa ture. Garuu miidhama jilbaa yeroo Maanchister Yuunaayitid ture isa mudatetu booda kana akka kubba dhaabuuf isa dirqisiise.

Dhaabbii qaamaa bareedaa qabuuf ispoortiin tekwaandoo sun gumaacheeraaf. Hojjaa isaa jabina qaamaa inni qabu taphattoota morkattoota isaa tahaniif yaaddodha.

Ziilaataan bara 2010 badhaasa qabattoo gurraachaa Tekwaandoo nama beekamaa Mawuroo Sarmeentoo jedhamu irraa fudhate. Namni kun bara 2008 keessa dorgommii Olompikii irratti injifachuun badhaasa medaaliyaa argateera.

Kan yeroo umuriin isaa waggaa 17 argate sun gahumsa gaarii tekwaandoo agarsiiseen yoo tahu inni kun garuu badhaasa kabajaati.

Taphattootni muraasa Ziilaataan waliin walitti bu'anii wal dhahanii jiru. Isaan keessaa Ziilaataan akka kitaaba isaa keessatti eeretti, taphataa Ac Miilaan duraanii Oguchi Oonyewuu jedhamu waliin bakka shaakalaatti wal lolan.

Ziilaataan buunyaan dhahee lafee cinaachaa isaa akka cabseeru kitaaba isaa keessatti ibseera.

Inumaayyuu diina walii tahuun wal ajjeesuuf wal barbaadaa turre jedhe.

Oonyewuun dhimma kana irratti gaafatamee gar-tokkeen isaa dhugaa kaan ammoo soba tahuu Telegiraam irratti dubbateera.

Geenaroo Gatusoo kan tibbana leenjisummaa kilaba Faransaay Maarsee jedhamu irraa ari'ame guyyaa sana gargar qabuuf gidduu seenee buunyaadhaan fuularra akka dhahame kan ibse ammoo taphataa guyyaa sana achi ture Maasimoo Oddoo jedhamudha.

Guyyaa tokko taphataan sarara ittisaa duraanii Maan Siitii kileba Ameerikaa keessaa Riil Saalti jedhamuuf taphataa ture Needum Onohaa Ziilaataan waliin dirree keessatti walitti bu'uu ibse.

Ziilaataan dirree keessatti duubakoo irra deemee siifan godha, gatiikee argatta jedhee na doorsisaa ture jedhe.

Yeroo kana taphattootni dhagahan yeroo Ziilaataan kubba qabatu itti siiqanii irraa buusisuu sodaatu.

Dhumarratti garuu dhufee dhiifama na gaafate, Ziilaataan dirree keessatti akkas nama sodaachisaa nama taphatuudha jechuun Daily Mail irratti dubbate.

Roomeluu Lukaakuu waliinis akkasuma wal dhabanii ture. Lameen garuu hedduu waan hamaa keessa wal hin galchine. Ziilaataan yeroo maanchister Yuunaatidiif taphataa ture lammiin Biriitish ispoortii buunyaan beekamu Daanii Roobertis, Ziilaataan waliin waliif bahuu dandeenya jechuun akka baacootti dubbatee ture.

''Yoo ana waliin wal loluu ykn buunyaa wal dorgomuu barbaade rakkoo homaa hin qabu. Eeyyee riingii bakka dorgommii taasifnu sana keessa gallee maal akka fakkaatu isa ilaaluun barbaada,'' jechuun bara 2016 dubbatee ture.

Ziilaataan maaliif lola jaalata?

Yeroo ijoollummaa isaa haati isaa fal'aana mukarraa hojjetameen mataa keessa dhahuun ture.

Al takka takka mataa isaa keessa dhahuun fal'aanichi caba ture.

Harmeen isaa abbaa isaa wlaiin waan wal hiikaniif ijoollee shan guddisuun itti cimee ture.

Guyyaa tokko meeshaa namaa hatanii osoo galanii harkatti qabame. Ergasii rakkoon isaanii hubatamuun tajaajila hawwaasumaa akka argatan taasifame.

Haati isaa araada qoricha sammuu hadoochuu fayadamuus qabu. Kana irraa kan ka'e Ziilaataan Ibiraahimovich umurii isaa waggaa sagliin abbaa isaa biratti akka guddatuuf ergame.

Odeeffannoon waa'ee Ziilaataan Wikipidiyaa irratti barraa'e akka agarsiisutti, mana abbaa isaa erga deemee ammoo beela'uu jalqabe.

Diilalleesituu ykn firiijii mana abbaasaa keessa jiru keessa guutee kan oolu biiraadha malee nyaata miti. Yoo beelli isaaf gamtu gara mana harmee isaa deemuun irbaata nyaatee deebi'aa ture.

Akkasumas gaaf gaaf suuqii deemee hatee galee beeka. Baayiskilii namaas hateera. Deevid Laagerkiraantiz kitaaba Ziilaataan '' I am Zlatan'' jedhu kan barreesse akkas jechuun seenesse.

''Jechi wal xaxaa jedhu Ziilaataaniin sirriitti ibsa. Karaa tokkoon baay'ee cimaadha, akka loltuuti jabaa maal yoo godhe akak ooluu danda'u beekuuti. Kanarraa kan ka'e jiraachuuf namaan wal lolee mo'achuu waan qabuuf haala rakkisaa kana keessa darbeera.

''Karaa biraan yoo ilaalte ammoo nama miidhamee guddatedha. Nama ijoollummaa isaatti akka malee miidhamee guddate waan taheef godaannisa hedduu qabudha. miidhama sana fayyadamee cimina har'aa kana ijaarrate.

Nama aarii isaa fayyadamee cimina isaa baasudha. Akkas jedhee natti hime. Deevid ''haala gaariin taphachuuf aaruun qaba. Yeroo ijoollee waliin taphataa ture gadi aantummaan itti dhagahamaa ture. Uffata gaarii hin qabu ture. maallaqa hin qabu. 'Guyyaa tokko maal irra akkan gahu isaanittan agarsiisa' jedha ture jechuun seenesse.

Rakkina irraa kan ka'e kubba miilaa dhaabee hojii humnaa hojjechuuf yeroo murteesses ture. Kun Malmo yeroo ture yoo tahu leenjisaa isaatu isa amansiisee akka itti fufee taphatu isa taasise.

Arsenaal galuuf yaadee…

'Yeroo ijoollummaakoo kilebootni gurguddoo hedduu na mallattesisuuf na hordofaa turan. Isaan keessaa tokko Arsenaal ture," jedhe Ziilaataan.

Gaaffi fi deebii Piirsi Moorgaan waliin taasise irratti '' Waajjira Arsene Weenger deeme. Yeroo sanaisa dura dhaabbachuunuu waan guddaa ture. Arsenaal keessa ammoo taphattoota yeros maqaa guddaa qaban akka Teerii Henerii, Paatrik Veeraa fa'aatu jira.

Taphattoota bebbeekamoo kanneen achitti argeen amma dhuguma ani isaan kanneen waliinan dorgomaa jedhee nan yaade jedhe.

Iswiidin keessatti kileba guddaa keessa taphadhuyyuu taphattootan foddaa televizhiniin beeku akkasitti arguunkoo garuu a raajeffachiise'' jedhe.

''Torban darbe jara kana waliin Play Station' taphachaan ture. Har'a ammoo wajjiira Arsene Weenger keessan jira. Ijaanis isaan arge jedheen yaade.

Yeroon Arsene Weneger argu hojjaa isaa baay'ee dheeraa tahuun hubadhe. Isa dura akkasitti hin yaadnen ture.

Isa waliinis dubbanne. Waajjira isaa keessa yeroo gallu, ati amma maal barbaadda? na jedhe. Inni maal akkan tahe, eessa gahuu akkan barbaadu na baruu barbaadeeti.

Nama akkamii mallatteesisaa akka jiru hubachuuf yaadeeti. Harka isaatti Tishartii lakkoofsa sagal qabu qabateera. Dhumarratti dhuftee torban lamaaf shaakala hojjechuun gahumsikee maal akka fakkaatu ilaaluun si mallattesisuuf dhiisuu murteessina na jedhe jechuun waan isa mudate dubbate.

''Hanga shaakala hojjettee booda na jedhutti waan hunduu gaarima deemaa ture. Ija keessa isa ilaaleen, dhugaadha Weenger nama kabajamuu fi sodaatamudha. Garuu kun anadha! Shaakala jette kana hin hojjedhu jedheen itti hime.

Maal jechuu barbaadde? na jedhe. Ani shaakala jettu kana hin hojjedhu. Na barbaaddamoo na hin barbaaddun jedhe. Yoo akkasis tahe asii maalan fuudha jedheen deebiseef jechuun yaadannoo isaa hime.

Dubbiin kanumaan goolabame. Sana booda ani takkaa kileba Arsenaal jedhamu galuu hin barbaanne jedhe.

Ziilaataan maqaa isaa jalqabaan jedhuun of waamuu jaalata. Cimina isaa yoo ibsu ammoo leencatti of fakkeesuu jaalata.

Yeroo PSG irraa Maanchister Yuunaayitid galu, taphattoota duraan kilebicha keessatti maqaa guddaa qabanii fi mootii jedhanii of waaman akka Roy Kiin fa'aa dubbiin tuquu jalqabe.

Kileba tokko keessa mootiin lama hin jiraatu. Amma mootiin kileba kanaa anadha.

Asitti seenaa hojjedheen baha jechuun dhaadataa ture. Dhuguma miidhamatu isa rakkise malee waggaa tokko keessatti waliigalaan galchii 28 tahu maan Yuunaatitidiif lakkoofsiseera.

Ziilaataan yeroo miidhamni jilbaa yoo xiqqaate ji'oota saddetiif dirree irraa isa fageessuu mudate akkas jedhe.

Akka hakiimni namaa jedhu sana ani akka namoota kaanii waggaati ykn ji'a saddet tureen fayyee deebi'a miti. Leencotni akka namaatti miti kan fayyan. Yeroo gabaabaa keessattidha jechun dubbate.

Akkuma jedhes shaakalaa fi hordoffii fayyaa jabaa gochuun yeroo jedhame dursuun taphatti deebi'e.

Ziilaataan Ibiraahimovich eenyu?

Ziilaataan Ibiraahimovich abbaa isaa dhalataa Boosiniyaa tahan biyya Boosiniyaa irraa bara 1977 gara Iswiidinitti baqatanii amantaa islaamaa hordofanii fi harmee isaa amantaa Kaatolikii leellisan irraa Maalmootti dhalate.

Ziilaataan ofii amantaa Kaatolikii leellisuun beekama. Umurii isaa wagga jahaatti kubba taphachuu kan jalqabe Ziilaataan dandeettii gaarii qabu arguun achuma Malmoof mallatteesse. Ooso hin turiin Ayaaksi, achii Juuvantas, itti aansuun ammo masaanuu isaanii Inter Miilaaniif mallatteesse.

Inter Miilaan waliin waancaa waancaa Serie A sadii wlaitti aansuun mo’ateera.

Gahumsa guddaa inni agarsiiseen Baarselonaan mallattesise. Akkuma Baarseloonaa galeen Pep Gaardiyoolaa leenjisaa Baarseloonaa tahan.

Gaardiyoolaan taphattoota jajjaboo yeroo Sanaa Saamu’eel Etoo, Roonaaldinoo Goochoo fi Ziilaataaniin akka hin barbaanne itti hime. Ziilaataan Gaardiyoolaan maal akka narraa qbau hin beeku. Anis carraa taphaa na dhowwate jennaan yoo ana hin barbaanne natti himi jedheen haasofsiise jedhe.

Ziilaataan kanumaan gara Xaaliyaaniitti deebi’uun amma immoo AC Miilaaniif mallatteesse. Baruma jalqabaatti AC miilaan waliin waancaa Serie A mo’atan. Xumura bara taphaa siaas achuma AC miilaan godhachuun achumatti soorama bahe. Waggaa tokko isa jalqabaa erga turee PSG gale.

PSG waggoota 19 booda shaampiyoonaa Liig 1 taasise.Ergasii wlaitti aansuun waggoota afuriif waancaa injifachuu qofa osoo hin taane waggoota sadiif galchii olaanaa lakkoofsisuun xumure. Bara 2016 ammoo maanchister Yuunaayitidiif malleesse.

Itti aansee ammo gara Ameerikaa deemuun LA Gaalaaksiif taphatee, achiimmoo gara AC Miilaanitti deebi’e. Hanga umuriin isaa wagga 41 darbutti taphachuun irra deebiin AC miilaan shaampiyoonaa Serie A taasiseera. Ziilaataan waliigalaan waancaa 34 mo’ateera.

Ziilaataan gara Mejer Liig Sookerii Ameerikaa yoo deemu namootni bebbekamoo akka Le Broon Jeemsi fi Kim Kaardishiyaan fa'aa isa ilaaluuf deeman.

Bakka isaan taa'anii daawwatanittis tapha jalqabaan galchii lakkoofsiseera.

Tapha Los Anjelos fi Inter Miyaamiin taphatan Ziilaataaniin ilaaluuf tikkeettiin gurgurame rikardii cabsee ture.

Namoota hedduu bebbeekamoo tahan 38 ol argamaniiru. Isaan keessaa Ilma mootichaa Haarii fi taatoo beekamaa Hooliwuud Liyaanaardoo Dikaapirii isaan eeramanidiha.

Bara 2018 erga gara Liigii Ameerikaa deemee yeroo gabaabduu keessatti dhiibbaa guddaa fiduu danda'eera.

LA Galaaksiif galchii hedduu lakkoofsisuun AC Miilaanitti debi'e. Miilaan Ziilaataniif akka qe'ee isaati. Achumattis soorama bahe.

Ziilaataan akkuma Mesii ammaa Ameerikaa deemuun ammoo akka liigihi jaalatamuu fi daawwatamu taasiseera.