Sanyii jaldeessaa baalarraa qoricha hojjetatee madaasaa fayyifate

Madda suuraa, Armas + Safruddin
Akaakuu bineensotaa keessaa hanga namaa ta’uu baatus akka namaatti yaaduu kan danda’an yoo argitan ajaa’ibsiifachuuu hin ooltan.
Wanti biyya Indoneezhiyaa -Sumaatran irraa argame tokko ammoo hedduuma nama ajaa’ibuu hin oolu.
Bineensi jaldeessa gur’aacha fakkaatu Oraangutan jedhamu baala mukaa ciree tumee bulleessuun qoricha hojjetee madaa guddaa maddiisaarratti bahe fayyifachuu danda’uu saayintistoonni himan.
Lubbu qabeessi ykn bineensi bosonaa qoricha baalarraa hojjetee madaasaa yoo fayyifatu argamuun kun seenaa haaraa galmaa’edha jedhameera.
Oraangutan maqaan isaa Raakus jedhamu kun baala mukaarraa waan dibamu qopheessee madaasaatti dibatee jennaan madaan isaa kun dhiphachaa dhufee ji'a tokko keessatti qooreeraaf.
Saayintistoonni akka jedhanitti, amalli akkasii kun hundee tokkorraa kan dhufan akka dhala namaafi qamalee durii [great apes] waliin kan qooddatanidha.
"Isaan hiriyyoota keenya dhiyoodha. Kun ammoo caalaattiyyuu wantota isaan waliin wal nu fakkeessu qabaachuu keenya irra deebiin kan mirkaneessudha.''
''Waan gara gara nu fakkeessu caalaa waan wal nu fakkeessu qabna," jedhu hayyuun baayoloojii Dr. Isabeelaa Laahumar.
Dr. Isabeelaa inistitiyuutii Maaks Pilaank kan Jarmaniitti argamutti hojii qorannoo kan hojjetaniifi argannoo kanarratti ammoo dursaa barreessaa qorannichaati.
Gareen qorattootaa Paarkii Biyyaalessaa Lahuser Gunuung, Indoneezhiyaa yeroo Raakus madaa guddaa tokko maddii isaarraa qabu Waxabajji 2022 argan.
Gareen qorattootaa kun oraangutan korma biroo morkattootasa ta'an waliin osoo wal loluu akka madaa'etti amanu.
Sababiin isaas osoo madaa kana irratti hin argiin dura iyya guddaa "long calls" [caraanuu] jedhamu dhageessisaa tureera.
Isaan booda gareen kun osoo Rakuus mukaafi baala muka Akaar Kuniing jedhamurraa cabsee alanfatu argan.
Mukti (biqiltuun) Akaar Kuniing jedhamu kun ammoo farra qaama madaa'eefi farra baakteeriyaa naannoo sanatti busaafi dhibee sukkaaraa wallaanuuf gargaara.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biqiltuu kana ammoo daqiiqaa 30 oliif ture kan nyaate.
Qorichi inni hojjetate kunis akka jaa'ibaatti isa fayyise.
Raakus ji'a tokkoon booda guutummaatti fayyeera.
Raakus baalli kun qoricha akka ta'e akka beeku saayinitistoonni mirkaneeffataniiru.
Sababiin isaas oraangutan biqiltuu (baala kana) yeroo kaan hin yaatan.
Orgaangutanichi dhangala'aa mukaafi baala kanarraa hojjete madaa maddiisaarratti ba'etti daqiiqaa torbaaf dibate.
Kana malees, Raakus yeroo kaan caalaa boqonnaarratti dabarse - madaa isa mudateen booda dandamachuuf jecha walakkaa guyyaatiif boqonnaarratti dabarse.
DR. La'umar akka jedhanitti, Raakus wallaansa akkasii kan ofiif taasise yeroo jalqabaatiif ta'uu danda'a.
"Tarii quba isaa baalli kun irra jiruun tasa madaasaa tuqe ta'a. Isaan booda baalli (biqiltuun) kun ammoo humna dhukkubbii fayyisu of keessaa waan qabuuf isaan of tuqee battalumatti itti foyyeessuu isaa hubatee irra deebiee fayyadame," jetti.
Qorattoonni kunneen amma orangutoonni kaan akkuma Raakus qoricha kana ni fayyadamu yoo ta'eef itti dhiyeenyaan hordofaa jiru.
"Waggoota dhiyoo dhufan keessatti amalootaafi ogummawwan biroo kan baayyee dhala namaa waliin isaan fakkeessan ni argina jedheen yaada," jechuun dubbatti qorattuun kun.












