Handaara galaanaa Liibiyaatti bidiruun garagaluun godaantonni 53 dhuman

Bidiruu godaantotaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bidiruu godaantotaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Qarqara galaanaa Liibiyaatti bidiruun namoota 55 baattee turte garagaluun daa'imman lama dabalatee godaantonni 53 dhumuu Dhaabbanni godaantotaa- IOM beeksise.

Bidiruun tun Kamisa al-Zaawiyaa irraa ka'uun Jimaata Zuwaaraa iddoo jedhamutti garagalte.

Al-Zaawiyaa fi Zuwaaraan magaalota Lixa Tiriippooliiti.

Akka aangawoonni IOM jedhanitti dubartoota lama qofatu aangawoota Liibiyaatiin baraarame.

Bidiruun tun godaantotaa fi koolugaltoota biyyoota Afrikaa garaagaraa baattee turte.

Bidiruun tun magaalaa handaara galaanaa al-Zaawiyaa irraa kaatee sa'aatiiwwan jaha booda Zuwaaraa yoo geessu garagalte.

IOM akka jedhutti bara 2026 kana galaana Mediteraaniyaanii cehuuf godaantonni 500 ta'an kuun dhuman kuun immoo achi buuteen isaanii dhabame.

Bara 2025 keessa immoo godaantota 1,300 ta'antu dhabame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Liibiyaan erga bara 2011 hogganaan ishee Muhammar Gaadaafii ajjeefamee ulaa godaantonni biyyoota Sahaaraa gadii gara Awurooppaa ittiin cehan taatee jirti.

Oduun kun himamuuf maaliif akka ture garuu hin beekamne.

Kanneen lubbuun hafan lamaan keessaa dubartiin takka abbaa warraa ishee dhabuu himte, takka immoo daa'imman lama dhabuu dubbatte. IOM gargaarsa fayyaa isaan barbaachisu godheef.

Ji'a Amajjii darbe qofa godaantonni 375 dhumuu fi dhabamuu IOM himee jira. Sababni isaas haala qilleensaa galaanarraa hamaa ture akka ta'e himame. Baay'inni namoota dhumanii kanaa olis ta'uu danda'a.

Balaawwan kunniin itti fufanis godaantonni yaalii gara awurooppaa cehuu itti fufanii jiru.

Qondaalonni mirga namoomaa UN akka akeekkachiisanitti Liibiyaa keessatti dararaan, nama daddabarsuun,dirqiin nama hojjechiifachuun, saamichii fi sarbamni garaagaraa mootummaa fi milishaa dabalatee qaamolee mootummaa hin taanen godaantotarra gaha.

Daddabarsitoonni seeran alaa fi caasaan isaanii bidiruurratti godaantota humnaa ol fe'uun, bidiruu moofaatti guuruun bu'aa hin malle argatu akka ragaa IOM'tti. Dhumaatii namaa olaanaaf sababa waan ta'aa jiru keessaa tokko kana.

IOM godaansa seera alaa kana to'achuu tumsa idil-addunyaa jabaatu barbaachisa.

Bidiruuwwan dhidhiman gariin daddabarsistoota namaatiin osoo hin gabaafamne hafu. Maatiin nama isaa godaansarratti sababa kanaan achi buutee hin beekne hedduu dha.

Biyyoonni akka UK, Ispeen, Norweey fi Seeraliyoon Liibiyaa giddugaloota dararaa kanneen godaantonni keessatti dararaman, fi ajjeefamana akka cuftu gaafataniiru.