Yeroo du'uuf jennu sammuu keenya keessatti maaltu ta'a?

Yeroo duu'uuf jennu sammuu keenya keessatti maaltu dhagahama

Ofii yeroo du'uuf jennu sammuu keenya keessatti maaltu akka ta'u yaaddanii beektuu? Qorattuu kanatti dubbiin kun ajaa'ibuma itti ta'e.

Jimoo Borijiin qorattuu sammuu (niwurosaayintistii)dha. Duutiin qaama jireenya ilamaan namaa ta'ulleen, yeroo duunu waan sammuu keenya keessatti mudatu ''homaa akka hin beekne'' yeroo adda baasteetti amanuu dadhabe.

Taateen kun waggoota kudhan dura ''akkuma tasaa'' kan mudate ta'u BBCtti himte. ''Hantuutarratti qorannoo gochaa osoo jiranu, achii wal'aansa baqaqsanii hodhuutiin booda'' haalaa saanii hordofaa turan.

Garuu akkuma tasaa, hantuunni qorannoo irratti gaggeeffamaa ture lamman isaanii du'an.

Taateen sun ammo qorattuun tun akkaataa adeemsa du'a sammuun isaanii akka baran gargaare.

Hantuunni tokko keessa kemikaala muudii to'atu, serotonin, akkaan dabale. Kuni baay'uma isaan dhibe.

Achumaan ''akkaataa du'aa irratti wanti hin barre jira'' jechuun qorannoo itti cimsan.

Eegasii hayyuun Yunivarsitii Michigaanitti pirofeesara gargaartuu molekiyulaar, fiziyolojiifi niwuroloojii ta'an kun yeroo duunu waan sammuu keenya keessa ta'u qorachuutti gad taa'an.

Akka isaan jedhanitti, waan ammatti irra gahan, waan kana dura yaadamaa ture ni faallessa.

Duuni garuu maali?

Sammuu namaa keessaa yeroo du'atti dhiyaatan maaltu ta'a

Madda suuraa, Getty Images

Ija medikaalaan namni tokko yoo dhahannaa onnee hin qabu ta'e du'e jedhama.

As keessatti xiyyeeffannoon ijoo onneerrattidha.

''Hubannoon saayinsii sababa sochiin hin jirreef sammuun hojjetaa hin jiruudha: namoonni du'an kuni hin dubbatan, hin dhaabbatan, gad hin taa'an.''

Sammuun namaa dalaguuf oksijinii baay'ee barbaada. Yoo onneen dhiiga hin dhiibu ta'e, oksijiniin sammuu bira hin gahu.

Haa ta'u malee, gareen qorannoo Dr Borijii waan haaraa tokko mul'iseera.

Waan sammuu hantuutaa keessa mul'ate

Bakkee owwaalchaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo dheeraaf onneen gaafa dhahannaa dhaabde sammuun battaluma hojii dhaaba jedhamee yaadama ture

Bara 2013 qorannoon hantuutarratti taasifame akka agarsiisutti, erga onneen ishee dhaabatee booda toora niwuroonii ishee ergaa daddabarsu keessa sochiin jabaa mul'ate.

''Serotoniin dachaa 60 guddate, akkasumas doppaaminiin jechuunis kemikaalli akka miirri gaarii dhagahamu godhu dachaa 40 hanga 60 dabale.

''Akkasumas norepinephrine jechuunis akka namni haalaan dammaqu godhu dachaa 100'n dabale.''

Yeroo hantuunni lubbuun jirutti sadarkaa hammanaan jijjiirama arguun hin danda'amu.

Bara 2015, gartuun kuni hantuuta du'aa jiran irratti qorannoo biraa ifa godhe.

''Keeziwwan lamaan irrattuu sammuun bineensotaa 100% sochii dabale yookiin dammaqe,'' jedhan.

Qorannoo biroo namarratti

Bara 2023 qorannoo biraa dhukkubsattoota afur wal'aansa addaa kennamaa jiruufi of wallaalan irratti taasisani.

Namoonni afur kuni du'aa jiru turan. Doktaronniifi maatiin walitti dhufanii si'achi gargaaruu hin dandeenyu jedhanii itti dhiisan.

Namni yoo du'u

Madda suuraa, Getty Images

Maatiirraa eeyyama fudhachuun ventileetariin lubbuu isaan tursuuf gargaaru akka cufamu ta'e.

Achii qorattoonni dhukkubsattoonni lamaan sammuun isaanii haalaan dammaquu bira gahan.

Dambaliin sammuu haalaan saffisaa ta'e, 'gamma waves', jedhamuus keessatti mul'ate.

Dambaliin kuni odeeffannoo wal xaxaa xiinxaluu fi yaadachuu keessatti qooda fudhata.

Namoota qarqara du'aarra gahan

Akka Dr Borijiin jedhanitti, namoonni dhibee onnee nama galaafaturraa oolan ykn qarqara du'aa gahanii deebi'an, namaaf akka gaarii yaadan isaan godha.

Inumaa namoonni qarqara du'aa gahanii deebi'an yeroo lubbuun isaanii bahuuf jettu wantoota ijoo keessa dabarsan yaadachuu dubbatu.

Baay'een isaanii ifa guddaa arguu fa'i dubbatu.

Dr Borijiin ''Namoonni dhibee onnee nama galaafaturraa oolan keessaa 20% -25% kan ta'an ifa adii arguu dubbatu, kana jechuun korteksiin fakkii uumu dammaquu isaa mul'isa,'' jedhu.

Dhukkubsattoota lamaan sammuun isaanii dammaqee mul'ate keessatti qaami fakkiin sammuu keenya keessa akka mul'atu godhu haalaan dammaquu qorattoonni himani.

Sammuu fi onneen wal dubbisu

Madda suuraa, Getty Images

Waan haaraa barre

Dr Borijiin qorannoon namarratti godhan baay'ee xiqqaa ta'uufi qorannoon dabalataa akka barbaachisu amanu.

Haa ta'u malee, damee kanarratti waggoota kudhan oliif qorannoo erga taasisan booda wanti isaaniif ifa ta'e tokko jira:

''Akkan yaadutti, yeroo onneen keenya tasa dhahannaa dhaabdu sammuun sochii dhaaba osoo hin taane haalaan ni dammaqa.''

Sammuun akka oksijinii hin arganne gaafa baru maaltu ta'a?

''Isa hubachuuf yaalaa jirra. Kanaaf qorannoon gahaa hin jiru. Homtuu hin beekamu,'' jedhan.

Dr JimoO Borijiin Yunivarsitii Michigaan keessatti barsiisu

Madda suuraa, UNIVERSITY OF MICHIGAN

Ibsa waa'ee suuraa, Dr JimoO Borijiin Yunivarsitii Michigaan keessatti barsiisu, qoratuus

Haa ta'u malee, yeroo dheeraaf bineensonni sochii malee turan (hibernation) eerun namoonnis ta'e hantuunni yeroo oksijinii dhaban waan godhan himu.

''Hanga ammaatti, yeroo dhahannaan onnee dhaabatu, sammuunis ni du'a. ilaalchi amma jiru isadha.''

Ta'us, wanti dhugaa isa ta'u isaa ni shakku. Sammuun yoo oksijiniin dhabe filmaata biraa barbaada yaada jedhu qabu.

Sammuu oksijinii yoo dhabu sammuun karaatti dandamatu jedhanii ibsan keessaa tokko kan duratti kaafne sochii malee yeroo dheeraa turuu (hibernation) dha.

Ta'us, qoratamuu akka qabu gorsu.

Dr Borijiin qorattoota isaanii waliin wanti bira gahan xiqqoo ta'uufi wanti ifa hin taaneefi qoratamuu qabu akka jiru dubbatu.

''Amma gaaffiin jiru: sammuun du'uuf deemu maaliif sochii guddise?'' jechuun gaafatu.

Tarii qorannoo du'aarratti wanti taasifamaa jiru guutuu ta'u dhabuu mala jechuun shakku.

Kanaaf walitti dhufnee qorachuu, hubachuu qabna jechuun dhaamu.