‘Misaayilli Ameerikaa Raashiyaatti yoo dhukaafame deebii mul’atuun kenna’- Mooskoo

Madda suuraa, Getty Images
Yuukireen misaa'ela Ameerikaa fageenya dheeraa gargaaramuun Raashiyaan yoo haleelte deebii ''sirrii fi qabatamaa'' kennina jetti Raashiyaan.
Haleellaan akkanaa daangaa Raashiyaatti raawwatamnaan,’’Ameerikaan kallattiin waraanatti hirmaachuu fi saatalaayitoonni Ameerikaas itti hirmaachuu akeeka'' jedha ibsi Ministeera Dhimma Alaa Raashiyaa.
Pirezidant Joo Baayiden Waayit Haawusii ba’uuf ji’a lama wayita isaan hafutti imaammata Ameerikaa jijjiruun- Yukireen misaayiloota Ameerikaatiin daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa raawwachuu akka dandeessu eeyyaman.
Baayiden Pirezedantii Ameerikaa haaraa filataman Doonaald Tiraamp waliiin mari’ayachuu ykn murtee waraana Yukireen-Raashiyaa xumuruuf waadaa galanitti cichuun isaanii ifa miti.
Yukireen misaayila tarsimoo Ameerikaa ATACMS (Army Tactical Missile System) jedhamu kan fageenya 300km (190 miles) imalutti gargaaramteetti.
Misaa'elonni Faransaayii fi Biritiish fageenya kanaan walfakkaatu qaban gargaaramuun Yukireen Raashiyaa – akka hin haleelle dhorkanii turan.
Baayiden haal-duree itti fayyadamaa kana jijjiruun guyyaa1000ffaa Kibxata waraanni kun itti jalqabetti dhimma murteessaadha.
Raashiyaan Guraandhala 24 bara 2022 humna guutuun Yukireen weerarte.
Mooskoon bu’uuraalee misoomaa Yukireen haleelu hammeessiteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Murteen Ameerikaa kun kan dhagahame dhiha Raashiyaa iddoo Kurisk jedhamu, bakka humnoonni Yukireen lafa xiqqoo qabataniitti-loltoonni Kooriyaa Kaabaa 10,000 ol humnoota Raashiyaa gargaaruuf bobbaafamuu hordofeeti.
Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa kan Raashiyaaf ergaa jirtuun madditti, loltoota 100,000 Mooskoof erguu akka dandeessu gaabaasaleen hin mirkanoofne akeekan.
Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin wanta Ameerikaa wajjiin waliigallee ifatti beeksisuun hin barbachisu ''misaa'eloonni kun ofumaa isaaniif ni dubbatu,'' jechuun Dilbata darbe kana dubbatan.
Yukireen misaayila ATACMS jedhamu Kuriskitti fayyadamuu dandeessi jedhameera.
Kooriyaa Kaabaa Raashiyaa gargaarsa erguu dhaabnaan Ameerikaan misaayiloota kanatti akka hin gargaaramne daangessitee turte jedhu gabaasaaleen muraasni.
Baayiden misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamanitti Yukireen akka gargaaramtu eeyyaman.
Biyyoonni akka UK fi Faransaayii akkasuma tarkaanfii Ameerikaa kana hordofuu malu.
Biyyoonni Lixaa hogganaa Raashiyaa waraana Yukireen karaa waraana injifachuu akka hin dandeenye akeektuu akka ta’eetti ilaalu.
Vilaadmiir Puutiin tarkaanfii Ameerikaan fudhattee kanarratti ammaaf yaada hin kennine.
Fulbaana darbe hogganaan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa kana gargaaramuun biyyoonni miseensota NATO “kallattiin” waraanichatti hirmaachuu agarsiisa jedhanii turan.
Wixata kaleessaa dubbi himaan Puutiin Ameerikaan ''ibiddatti boba'aa dabalaa jirti'' jedhan.
Gorsaa ittaanaan dhimma nageenyaa Ameerikaa Joon Faayinar, humnoonni Kooriyaa Kaabaa jiraachuusaanii fi haleellaa qilleensarraan Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Yukireenirratti raawwattuuf Waashingitan ''deebii akka kennitu lammilee Raashiyaaf ibsiteetti'' jedhan.
Sambattan darbe haleellaa Raashiyaan buufata humnaa elektirikii Yukireenirratti raawwatte biyyattii keessatti ibsaa bal’aan akka addaan kute.
Namoonni hedduunis du'aniiru ykn madaa'aniiru.
Wixata kaleessaa haleellaan Raashiyaan Odeesarratti raawwatte lubbuu namoota 10 kan galaafate yoo ta’u, namoonni 50 ammoo madaa’aniiru.
Doonaald Tiraamp murtee Baayidenirratti hanga ammaatti deebii hin kennine.












