Kondomiin waggaa 200 ture agarsiisaf dhiyaate

Kondomii umrii waggaa 200 qabu agarsiisaf dhiyaate

Madda suuraa, Rijksmuseum

Magaalaa guddoo Neezarlaandis kan taate Amestardaam keessatti kondomiin waggaa 200 ture agarsiisaf dhiyaate.

Muuziyeemin Rijiks kondomii kana agarsiisaf kan dhiyeesse yoo ta'u, kondomichi ammayyuu haala gaarirra akka jiru beeksise.

Mar'umaan hoolaa irraa hojjatamuun akka hin oolle kan himamu kondomiin kun fakkiin dubartii monoksee taatefi dhiironni abbootii amantaa sadii irratti kaafamee jira.

Kondomiin kun kan hojjatame bara 1830tti yoo ta'u, muuziyeemin magaalaa Amistardaam keessatti argamu bara darbe caalbaasii baheen bituu beeksise.

Amma ammoo agarsiisa meeshaaleefi waa'ee daldala saal-qunnamtii jaarraa 19ffaa jedhu sababeeffachuuni kondomii waggaa 200 kana agarsiisaf kan dhiyeesse.

Agarsiisa muuziyeemichi dhiyeessaa jiru kanarratti, suurawwan, maxxansiifi fakkiiwwan daldala saal-qunnamtii jaarraa 19ffaa wajjin wal-qabatan dhiyaataniiru.

Muuziyeemii Rijiks keessatti ogummaa bobbocaa irratti kan hirmaattu Jooyis Zelen jalqaba yeroo kondomii waggaa 200 guute kana caalbaasii irratti argitu akka kofalte BBCtti himte.

Nama waliin hojjatan wajjin waggaa tokko dura bakka caal-baasin itti gaggeeffamu wayii deemun kondomii caalbaasiif dhiyaate arguu kan himtu Jooyis, "namuu qalbiin ilaalee hin turre" jechuun kondomichi yaadasaanii hawwatee bituun muuziyeemicha keessa akka godhan himti.

Erga caalbaasiin bitamee muuziyeemii keessa godhamee as namoonni heddu muuziyeemicha daawwachuu akka eegalan himti.

Akka Jooyis jettutti, yeroo ammaa kondomiiwwan gosa akkanaa lama qofatu jira.

Komdomii kanarratti dubartiin monoksee taate, abbootii amantii dhiira ta'an sadi dura teessee jirti.

Barreeffamni "Voilà mon choix" jedhus kondomii kanarratti barreeffamee mul'ata. Hiikni isaa "filannoo kooti" kan jedhuudha.

Muuziyeemin Neezarlaandis kun akka beeksisetti yeroo ammaa maxxansawwan, fakkiiwwaniifi suuraalee garaa garaa 750,000 ta'an kan qabu yoo ta'u, isaan keessaa kondomiin waggaa 200 guute keessatti argama.

"Hanga beeknutti, kondomii bifa kanaan maxxanfame kan qabu nu qofaadha," jetti Jooyis Zelen.