Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni Viizaa Ameerikaaf iyyatan dol. 15,000 akka qabsiisan gaafatamuuf
Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa namoonni gara biyyasaanii seenuudhaaf viizaa 'Business' fi 'Tourist' argachuuf iyyatan maallaqa hanga doolaara kuma 15 gahu qabsiisuu akka gaafatamu danda'an beeksise.
Sagantaa yaalii torban lama keessatti hojiirra oolfamuu eegala jedhame kun doowwattoota yeroo viizaa isaaniitiin ol turani ittisuuf kan kaayyeeffate ta'un ibsameera.
Biiroon Dhimma Alaa Ameerikaa beeksisa kana kan baasee namoonni hedduun gara biyyattii seenuuf adeemsa taasisan rakkisaa ni taasisa jedhameera.
Akka beeksisa galmee mootummaa federaalaatti adeemsi kun baatiiwwan 12 dhufan keessatti biyyoota muraasa irratti akka yaaliitti hojiirra ni oolfama.
Sagantaan yaalii viizaa kun biyyoota yeroo viizaa isaanitiin ol Ameerikaa keessa yeroo dheeraaf turan qabaniifi kanneen sanadoota biyya keessaa irratti to'annoo cimaa hin taasifne irratti hojiirra oolfamuu akka eegalu himameera.
Lammiileen biyyoota kanneenii viizaaf yoo iyyatan doolaara 5,000, 10,000 ykn 15,000 qabsiisuuf gaafatamu akka danda'an ibsaniiru.
Adeemsi waajjira dhimma alaa kun ifa kan ta'e bulchiinsi Tiraamp gara Ameerikaa seenuudhaaf ulaagaalee iyyattoonni viizaa gaafataman cimsaa yeroo iti dhufeedha.
Erga Tiraamp gara aangootti dhufanii booda, baqattoota sanada maleeyyii biyya keessaa baasuuf akkasumas to'annoo daangaa cimsuudhaaf bajata ol kaasuu fi namoota karaa seeraan alaatiin biyya keessa seenan to'achuuf tarkaanniif fudhataa tureera.
Baatii Waxabajjii keessa namoota biyyoota 19 irraa gara Ameerikaa seenuuf viizaaf iyyatan irratti sababii nageenya biyyaaleesaatiin wal qabateen daangaa imalaa kaa'eera.
Sababii imaammata baqattoota Tiraampiin doowwattoonni muraasni imala gara Ameerikaatti taasisan haqaa jirachun dhagahamaa jira.
Adooleessa 20 irraa kaasee hojiirra oolfama kan jedhame sagantaa viizaa haaraaf maallaqa qabsiisuun waggaa tokkoof ni tura jedhamee tilmaamameera.
Aanga'oonni gaaffii viizaa ilaalanis doolaara 5,000, 10,000 fi 15,000 qabsiisuudhaaf filannoon kan kaa'ameef yoo ta'u, irra caalaan isaanii garuu doolaara 10,000 qabsiisuuf akka gaafataman qajeelchiichi qabateera.
Ibsichi dabaluudhaan imaltoonni haaluma yeroo viizaa kaa'ameefiin gara biyyasaaniitti kan deebii'an yoo ta'e maallaqni qabsiisan akka deebiifamuuf kaa'eera.
Dhuma bara aangoo Tiraamp jalqabaa irratti, baatii Sadaasa 2020 hojiimaata walfakkaatu hojiirra oolfamee ture.
Haata'u malee, weerara koronaatiin walqabatee baayyinni imaltoota addunyaa hir'achuusaatiin kan ka'e osoo guutummaatti hojiirra hin ooliin hafuu ibsichi ibseera.
Dubbii himaan Waajjira dhimma alaa Ameerikaa tarree biyyoota qajeelcha kana keessatti hammataman akak ibsu dubbateera.
Dubbii himaan itti dabaluudhaan, ''biyyoonni kan adda baafaman kan hayyamameefiin ala baayyiina lammiilee Ameerikaa keessa turan, hanqina sanadoota eenyummaa adda baasuu fi sakkatta'uuf, ulaagaa jireenyaa malee lammummaa sababa invastimantiin argachuu fi imaammata alaa kan hubannoo keessa galcheedha'' jedhan.
Waajjiirri dhimma allaa kuni murte kanaan iyyattoonni viizaa meeqa akka miidhaman garuu ifa hin taasiifne.