Ilmi Robart Mugaabee konkolaattota mancaasuun himatamee hidhame

Ilmi Pirezedantii duraanii Zimbaabwee Roobart Mugaabee magaalaa guddoo biyyattii Haraaree bakka bashannanaa tokkotti qabeenya mancaasuun himatamee hidhame.

Robart Mugaabee Juuniyeer dargageessa umriin isaa ganna 31 yoo ta’u, Sambata darbe konkolaattota mancaasuun himatame.

Ilmi Pirezedantii duraanii Zimbaabwee kun hiriyaan isaa himachuu hordofuudhaan hidhame jedhe poolisiin biyyattii, toora tiwitaraan hidhamuusaa wayita mirkaneessu.

Robart Mugaabee Juuniyeer, ilma isa quxisuu Pirezedantii duraanii Zimbaabwee Mugaabee fi haadha warraasaanii Girees waliin horatan ture.

Poolisiin akka jedhutti, qabeenyi Robart Mugaabee Juuniyeer mancaasuu himatame Doolara Ameerikaa 12,000tti tilmaama.

Toorri oduu ‘ZimLive’ ilmi Robart Mugaabee inni quxisuun mana murtii Haraareetti suufii uffatee, maaskii keewwatee , namoonni heddu waliin isa wayita adeeman viidiyoo agarsiisu maxxanse.

Pirezedantiin duraanii Zimbaabwee Roobart Mugaabeen bara 2019 umrii ganna 95tti du’aan boqotan.

Mugaabeen waggoota 37 biyyattii erga bulchanii booda otoo lubbuun isaa hin darbiin waggaa lama dura dirqiin aangoorraa buufaman.

Otoo Mugaabeen aangoo pirezantumaarra jiraatee, ilmisaa hidhamuun carraan isaa garmalee xiqqaa ture jedhuun xiinxaltoonni.

Mugaabeen erga aangoorraa buufamee booda gorsaa isaa kan ture Imersan Nangaagwaatu bakka isaa bu'e.

Maatii Mugaabeen boodarra Nangaagwaan icciitii Roobart Mugaabee baase jechuun erga himatanii asitti hariiroo gaarii hin qaban ture.

Haati warraan Mugaabee Girees Mugaabee aangoo abbaa warraa ishee dhaaluuf hawwitullee, deeggartoota Nangaagwaatiin moggaatti baafamte.

Haa ta’u malee, Robart Mugaabee Juuniyeer Pirezedantii Zimbaabwee yeroo ammaa Nangaagwaa waliin erga aararamee booda hiriira Paartii biyyattii bulchaa jiru Zanu PF jedhamurratti hirmaatee ture.