'Filisxeem biyya akka taatu Faransaay beekamtii ni kenniti'- Maakiroon

Madda suuraa, Rooyitars
Faransaay Filisxeem biyya akka taatu Fulbaana dhuftu ifatti beekamtii kenniti jedhan Pirezidant Imaanu'eel Maakroon.
Kunis biyyoota miseensa garee biyyoota torbaa (G7) biyya jalqabaa taasisa.
Maakroon barreeffama X irratti maxxansaniin, Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niw Yoorkitti taa'amurratti akka ibsamu dubbatan.
"Amma atattamaan kan barbaadamu waraana Gaazaa goolabuun namoota nagaa baraaruudha.
Nagaa buusuun ni danda'ama. Dhukaasi atattamaan akka dhaabatu barbaanna, namoota butaman hundi akka gadhiifamanii fi gargaarsa namoomaa bal'aa ummata Gaazaa qaqqabsiisu barbaachisa," jechuun barreessan.
Qondaaltonni Filisxeem murtee Maakroon kana simataniiru.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaanaahuun garuu haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el irratti raawwate hordofuun tarkaanfii ''shororkeessummaa jajjabeessuu'' jedhanii balaaleffatan.
Gama biraan Filisxeemiif beekamtii lachuuf akka jiran Maakroon beeksisuu Ameerikaan ''cimsitee mormiti'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon, murtee kana ''of eeggannoo kan hinqabne'' jechuun qeeqan.
Gareen biyyoota dinagdeen badhaadhan torbaa (G7) Faransaay dabalatee US, UK, Xaaliyaanii, Jarman, Kaanaadaa fi Jaappaan hammata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maakroon barreeffama Kamisa darbe X irratti maxxansan keessatti akkas jedhan; "Baha Giddugaleessaatti nagaa waaraa akka jiraatuuf ejjannoo seena qabeessa ta'e qabaachuu isheetiin, Faransaay biyya Filisxeemii beekamtii akka kennitu murteesseera" jedhan.
"Hamaas hidhannoo akka hiikkatu mirkanaa'uu qaba, akkasumas Gaazaa tasgabbeessuu fi deebisnee ijaaruu qabna."
"Xumurarratti, biyya Filisxeem ijaaruu qabna, akkasumas hidhannoo hiikkachuu fudhachuun biyyummaa Israa'eliif guutummaatti beekamtii kennuun nageenya Baha Giddugaleessaa hundaaf gumaacha qabna. Filannoon biraa hin jiru."
Maakroon xalayaa murteesanii mirkaneessu Pirezedantii Abbaa Taayitaa Filisxeem Mahmuud Abbaasiif erganillee maxxansaniiru.
Deebii Maakrooniif kan kennan Pirezedantii ittaanaan AbbaaTaayitaa Filisxeem Huseen al-Sheek, "Ejjennoon kun Faransaay seera addunyaaf kutannoo qabduu fi mirga hiree murteeffannaa ummata Filisxeem kan deggaruu fi biyya walaba keenya hundeessuuf gargaara" jechuu AFP gabaase.
Gama kaaniin, Netaanaahuun X irratti, "Ajjeechaa jumlaa Onkoloolessa 7 raawwatamee hordofuun, Pirezidanti Maakroon Filisxeemiif beekamtii kennuuf murteessuu cimsinee balaaleffanna" jedhan.
" Haala kanan Israa'el bakka rokkeettiin Israa'el baleeessuuf irraa dhukaafamu ta'uuf deemti- wal cinaatti nagaadhaan jiraachuuf miti jedhan.
Filisxeem Israa'el cinatti biyya ta'uu hin barbaadan; biyya Israa'el bakka buutu barbaadu malee," jechuun Netaanaahuun dubbatan.
Hamaas murtoon Faransaay kun ''tarkaanfii gaarii kallattii sirriitti deemaa jiru'' ta'uu ibsuun, biyyoonni addunyaa hundi ''faana Faransaay akka hordofan' gaafate.
Yeroo ammaa biyyi Filisxeem biyyoota miseensa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii 193 keessaa 140 ol beekamtii argatteetti.
Ispeeniifi Ayerlaand dabalatee biyyoonni Gamtaa Awurooppaa muraasni isaanii kanneen beekamtii kennaniif keessatti argamu.
Garuu deeggartuun Israa'el jabduu kan taate Ameerika fi UK dabalatee biyyoonni michuu Israa'el biroon biyyummaa Filisxeemiif beekamtii hin kennine.
Ministirri Muummee UK Kiir Istaamer ''ajjeechaa raawwatamaa jiru dhaabuuf atattamaan maal gochuu akka qaban Jimaata har'aa hoggantoota Faransaayii fi Jarmanii waliin mariyachuu akka jiran Kamisa kaleessaa ibsan.
Biyya ta'uun ''mirga ummata Filisxeemirraa hin mulqamnedha'' kan jedhan Istaamer, dhukaasni dhaabbachuun ''karaa beekamtii biyya Filisxeemiif kennamutti kan geessuu fi furmaata biyya lamaan wal cinaatti hundeessutti nu geessa'' jedhan.
Ministeerri dhimma Alaa Sa'udii Arabiyaa murtee Faransaay kanaa galateeffachuun, "mirga hiree ofiin murteeffannaa ummanni Filisxeem qabuu fi biyya walabaa hundeessuuf hawaasni addunyaa waliigaluu irran deebiin mirkaneessa" jedhe.












