Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akkamiiin mormiin Baangilaadesh aangoo Sheek Hasinaa waggaa 15 ture diige
“Tokko, lama, sadii, afur, Sheek Hasinaan abbaa irreedha!”
Jechoonni kunneen sagalee dhaadannoo dargaggoota Baangilaadesh torbanoota dhiyoo as itti fayyadamanidha.
Akkasiin itti fufanii aariin isaanii kun Wixata ministira muummee biyyattii waggoota 15 aangoorra turte diigeera.
Dubartii umuriin ishee wagga 76 taate Aadde Hasinaan biyya Kibba Eeshiyaatti argamtu ummata miliyoona 170 qabdu kana bara 2009 irraa kaastee abbaa irrummaan hacuuccee bulchaa turteetti.
Mormiin ji’a tokko darbe akka dubartiin kun aangoo gadhiistu gaafachuun eegalame kun kanarra gaha jedhamee hin yaadamne.
Haata’u malee, Wixata ganama, mormii jabaa lubbuu galaafateefi gara itti baatu ishee dhorketu ishee mudate.
Mormiin kun barattoonni sirna kootaa, kan hojii mootummaa harka sadii keessaa tokko kutaalee hawaasaa muraasaaf addatti hambisu akka dhaabbatu gaafataniin eegale.
Namoonni carraan hojii kun hafuuf firoota loltoota Baangilaadesh waraana bara 1971 Baangilaadesh Paakistaan irraa walabummaa yeroo argatturratti hirmaatanii dabalata.
Manni Murtii Olaanaa Baangilaadesh gita hojii kootaa jedhame mormii kaase kana erga haqee guyyoonni baayyeen lakka’amaniiru.
Haata’u malee, aariin ummataa cimee mormiin mootummaa itti fufuun akka isheen aangoo gadhiistu gaafachuurra gahe.
Dhumarratti dubbii kan hammeesse ammoo walitti bu’insa jabaa mormitootaafi poolisii gidduutti Dilbata gaggeeffamedha.
Hokkara mormii kanaan walqabatee dhalateen haga ammaatti namoonni 300 akka du’an kan tilmaamamu yoo ta’u, isaan keessaa yoo xiqqaate poolisoota 13 dabalatee namoota 90 kan ta’an gaafa Dilabataa du’an. Kun ammoo seenaa Baangilaadesh yeroo dhiyoo keessatti moriirratti du’aatii hamaa guyyaa tokko keessatti qaqqabedha.
Osooma Aadde Hasinaan aangooshee qabattee jirtuullee qeeqxonni taatee kana “dhumaatii” jedhaniiru.
Dhumaatii kana boodallee mormichi hin dhaabbanne. Wixata mormitoonna kuma hedduutti lakkaa’aman daandiitti kan ba’an yoo ta’u, guutummaa biyyattii keessatti labsiin sochii daangessu labsamee otuma jiruu magaal aguddoo biyyattii Daakaatti dacha’an.
Lammileen Baangilaadesh soda rasaasaa waan dhiisan fakkaata ture. Sochii siyaasaa kan ture booda gara diddaa ummata bal’aatti jijjiirame.
Aadde Hasiinaan akka biyyaa baqattuuf kan murteesse humna waraanaa biyyattiidha.
Humni waraanaa biyyattii kun biyyattii bulchaa kan ture yoo ta’u, biyyattii keessatti ammallee kabaja guddaa qaba waan ta’eef siyaasa biyyattii keessatti dhageettii guddaa qaba.
Hokkarri dhum-torbeerra tureefi moriin jabaa haaraa jiraachuu mala tilmaamni jedhu humni waraanaa biyyattii akka irra deebiyee yaadu taasisuun hin oolle.
Walga’ii Jimaata darbe ajajaa waraanaa Jeneraal Waaker -Uuz-Zamaan waliin Jimaata gaggeeefamerrattiqQodaalonni dargaggeeyyii ta’an mormitoota sivilii ta’an irratti akka dhukaasan gaafatamanii yaaddoo qaban kaasaa turan.
Fuula duratti wanti ta’uuf jiru ifa miti, haata’u malee, Jeneraal Zaman paartilee mormitootaafi gareewwan dhaabbilee sivilii dabalatee “qaamolee dhimmi ilaallatu garagaraa” waliin dubbiitti jiru.
Kun ammoo furmaata “yeroo” fiduuf akka ta’e madden dhimmichatti dhiyeenya qaban BBCtti himaniiru.
Aadde Hasiinaan gara Hinditti balaliiteetti. Gorsa akkamii biyya alaa irraa arachuun akka biyyaa baate ifa miti. Garuu biyyi ollaa guddoon kun yeroo hundayyuu michuu ishee turte jedhan.
Hindiin nageenya naannolee ishee torbaaf Baangilaadeshiin akka biyya murteessituutti ilaalti.
Naannoleen torban hulaa bahumsa galaanaa waan hin qabneef karaa Kaaba Baha Hindiin naannoleen Hindii kunneen akka hulaa bahumsaa daangaa Baangilaadesh irraa argatan taasisaniiru.
Baangilaadesh keessa maandheffachuun hidhatanii kanneen mootummaa Hindii mormaniifis bakka hin laanne.
Aadde Hasiinaan intala hundeessaa fi pirezidaantii duraanii Baangilaadesh yoo tahan, abbaan ishee miseensota maatii irra caalaa waliin bara 31975 yeroo fonqolchi mootummaa irratti gaggeefffame ajjeefaman.
Aadde Hasinaa fi obboleettii ishee quxisuu qofatu lubbuun oole gara Hindiitti baqatan.
Bara 1981 gara biyyasheetti deebi'uun waarraaqsa dimokiraasii dhohee ture dursaa turte.
Bara 1996 filannoon aangoo qabattus waggaa shan booda bara 2001 ammoo mo'amte. Irra deebiin bara 2009 filatamuun aangootti deebite.
Sana booda morkattoota ishee suuta suuta dhabamsiisuu, hidhuu fi dararuun himatamaa turte. Isheen himata kana haaltus mormiin tibbanaa garuu hammaachuun akka ammas biyyaa bqatattu ishee godhe.