Jarman garee 'Birgeed Nihaamaduu' kan mootummaa Ertiraa fonqolchuuf shira xaxan jette 'shororkeessummaan' farrajje

Aanga'oonni Jarman namoota sochii garee Birgeed Nihaamadu jedhamuun kaayyoo mootummaa Ertiraa fonqalchuu qabu keessatti hirmaachuun shakkaman irratti bulchiinsoota jaha keessatti duula pooliisii eegaluun ibsame.

Mormiitoonni mootummaa Ertiraa garee Birgeed Nihaamadu jedhamuun biyyoota alaa garaagaraa keessatti jeequmsa uumaniiru jedhaman, seera Jarmaniitiin akka ''shororkeessaa biyya keessatti'' farajamuu waajjirri abbaa alangaa biyyattii beeksiisuu APn gabaase.

Yoo xinnaatee waggoota sadan darban keessatti shakkamtoonni dameen Birgeed Nihaamadu Jarmaniitti argamu keessatti itti gaafatamummaa olaanaa qabaachuun shakkaman 17 adda baafamuu waajjirri kun ibseera.

Garee Birgeed Nihaamaduu hidhata idil-addunyaa mootummaa Ertiraa fonqolchuudhaaf kaayyeeffate socha'aa jira jedhame kanarratti poolisiin guyyaa Roobii Bitooteessa 26, 2025 bulchiinsoota jaha keessatti weerara gaggeessuu maddi oduu kun gabaaseera.

Poolisoonni federaalaa fi naannoolee 200 ta'an bulchiinsoota biyyattii keessatti argaman jaha keessatti manneen jireenya 19 irratti sakkata'insa gaggeessaniiru.

Jarmaniin alattis, Deenmaarkittis akkasumas yeroo walfakkaatuutti sakkatta'iinsi gaggeeffamuu eegalu maddi oduu AP gabaaseera. Ta'ulleen hanga ammaatti namni to'annoo jala oolfame akka hin jirre ibsame.

Mootummaan Ertiraa gareewwan mirga namoomaaf falman hedduu biratti abbaa hirree jedhamuun balaaleeffatamu, lammiilee isaarratti sarbama cimaa taasisuun himatama.

Kanaan wal qabatee lammiileen biyyatti hedduun cunqursaa siyaasaa fi bilisummaa amantii akkasumas tajaajila biyyaalessaa daangaa yeroo hin qabne baqachuudhaan biyyaa bahaa jiru.

Bulchiinsa pirezidanti Isaayaas Afawarqii kan Ertiraa bulchaa jiran irratti kanaan dura mormiiwwan diyaasporaa kan dhagahamu ta'ulleen, waggaa darbe keessa garuu bifasaa geeddarachuudhaan qophiilee deeggartoonni bulchiinsichaa qopheessan mormuun walitti bu'insa umamuun miidhaaleen yoo qaqaban mu'ataa jira.

Haaluma wafakkaatunis paarlaamaan Israa'eli baqattoota Ertiraa mootummaa Isaayaas deeggaran biyyaa hari'achuuf kan dabdeessisu wixinnee seeraa marsaa jalqabaasaatti sagalee guutuudhaan mirkanneesseera.

Manni maree bakka bu'oota Siwiizarlaandis sagantaa Ertiraanoota gaaffiin kolugaltummaa saanii fudhatama hin arganne karaa biyya sadafaatiin gara Afriikaatti akka deebii'aniif dandeessisu raggaasiseera.

Landan dabalatee walitti bu'insawwan deeggartootaa fi mormitoota bulchiinsa Isaayaas jidduutti mudatuun kan ka'e aanga'oonni Yunaatid Kingidam feesitivaaloota lammiileen Ertiraa kabajan haqaniiru.

Abbootiin alangaa Jarman shakkamtoonni garicha keessatti itti gaafatamummaa olaanaa kan qaban ta'u qorannoowwan ni eeru jedhaniiru.

Jarmaniitti, garichi bara 2022 irraa kaasee qophiilee mootummaa Ertiraatiin wal qabatan irratti okkora qindaa'aa keessatti hirmaachun himataman.

Abbaan alangaa feesitivaaloota Jiisan keessatti bara 2022 keessa gaggeeffaman akkasumas Fulbaana bara 2023 kan Situtigaartiitti gaggeeffamee ture waldaa Lammiilee Ertiraa waabii godhateera.

Qophiilee kanneen irratti miidhaa cimaa dabalatee miseensoonni poolisii miidhamuu akkasumas mormiitoonni hedduun hidhamuunsaanii himamee ture.

Jeequmsa bara 2023tti Stuutgaartiitti ka'ee tureen wal qabatee namoonni 56 hidhaan adabamanii ture.

Miseensoonni sochiichaa tokko tokkoos miidhaa dhaabbilee Jarmanii fi miseensoota poolisii biyyatti irra gahe seera qabeessa gochuun akka lakkaa'an abbootiin alangaa ibsuusaanii maddi oduu kun gabaaseera.