Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gartuun TPLF mootummaan federaalaa waliigaltee Piriitooriyaa cabsaa jira jechuun himate
Gartuun Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) kan Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) dursan, mootummaan federaalaa dhimma bulchiinsa yeroo irratti kophaa murtee dabarsuun waliigaltee Piriitooriyaa faallessaa jira jechuun komii dhiheesse.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad pirezidantii Bulchiinsa Yeroo muudaniif ummanni Tigraay kaadhimamaa akka eeru gaafachuu hordofeeti TPLF ibsa kana kan baase.
Ibsa afaan sadi- Afaan Tigriffaa, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliffaan baasuun karaa miidiyaa hawaasaa isaa maxxanseen mootummaan Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaa cinaatti dhiisuun murteen inni addatti dabarsu fudhatama akka qabne eere.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad turtiin aangoo bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay waggaa lamaaf turu xumuraamaa waan jiruuf, hamma haalli filannoo gaggeessuuf hayyamu uumamutti bulchiinsi yeroo waggaa tokkoon akka itti fufu labsiin jijjiiramaa jiraachuu beeksisan.
Yeroo waggaa tokkoo dhufu keessatti pireezidantii bulchiinsa yeroo naannichaa nama ta'u ammoo uummanni naannichaa karaa email akka eeruu kennu waamicha godhaniiru.
Ibsi TPLF akka jedhutti pirezidantiin bulchiinsa yeroo waggaa lamaaf ture erga kaafamee booda akkaataa bakka buusuun danda'amurratti torbee darbe TPLF fi mootummaan Itoophiyaa waliin mari'atanii turan.
Bu'uura marii kanaanis raawwii bulchiinsa yeroo hanga ammaatti ture qorachuun pirezidantii jijjiiruuf waliigaluu ibse TPLF.
''Koreen giduugaleessaa TPLF Jeneraal Taaddase Warrade pirezidantii akka ta'an kan murteesse yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaas kana fudhateera,'' jedha ibsichi.
''Haata'u malee waliigaltee kana sarbuun uummanni hoogganaa akka eeruuf waamichi waajjirri Ministeera Muummee taasise, pirezidantii filuun aangoo addatti Ministira Muummeef kenname kan fakkeessuu fi faallaa waliigaltee Piriitooriyaa waan ta'eef fudhatama hin qabu,'' jedhe TPLF.
Yeroon turtii bulchiinsa yeroo waggaa lamaaf hedame xumuramuu fi garuu ammallee dhimma ijoo kan ta'e , filannoo gaggeessuun, waan hin raawwatamin jiruuf yeroo turtii bulchiinsa yeroo waggaa tokkoon dheeressuun akka barbaachise ibsan MM Abiy.
Mootummaan Federaalaa dhimma naannoo Tigraay keessa seenuun murtee akkasii dabarsuuf heera biyyaa keewwata 62/9, akkasumas labsii lakkoofsa 359/1995 bu'uura godhachuu eeran.
Waliigaltee Piriitooriyaa irratti mirga mootummaa Federaalaatiif kennameefi qajeelfama Mana Maree Ministirootaa lakkoofsa 533/2015 ilaaluun mootummaan Federaalaa dhimma naannichaa keessa seenuuf serawaa ta'uu MM Abiy ibsaniiru.
Ibsi TPLF ammoo mootummaan Itoophiyaa walitti bu'iinsa dhaabsisuuf hojjechuu dhiisee, miira qaamolee mariitti jiran waliif galchuun osoo hin taane, keewwata seeraa sirrii hin taane (labsii 359/1995 fi qajeelfama lakkoofsa 533/2015) eeruun akka fedhetti kophaasaa murteessuurratti argama jedhe.
''Bu'uura waliigaltee Piriitooriyaa keewwata 10 jalatti eerameen bulchiinsi yeroo TPLF fi mootummaa Itoophiyaatiin hundaa'a. Kanaafuu bulchiinsi yeroo Tigraay bu'aa waliigaltee kanaati malee mootummaan Itoophiyaa addatti kan murteesse miti. Ammas faallaa waliigaltee kanaa deemaa jiru,'' jechuun bulchiinsa federaalaa komate TPLF.
Akkaataa waliigaltee Piriitooriyaatiin yeroo ammaa kana silaa uumanni Tigraay mootummaa qabaachuutu irra ture kan jedhe TPLF, mootummaan Itoophiyaa qajeeltoo waliigaltechaan waan hin hojjenneef kun hin milkaa'in hafeera jedhe.
Waliigalteen Piriitooriyaa qaamoleen waliin mari'atan ''tokko isa kaan sarbuu akka hin qabne,'' keewwata 3 jalatti eeruu kan ibse TPLF, ''mootummaan Itoophiyaa kana cinaatti dhiisuun tarkaanfiiwwan hookkaraa fi jeequmsa kakaasan raawwachuu erga eegalee bubbuleera,'' jechuun komiisaa dhiheesse.
Mootummaan Itoophiyaa uummata Tigraay waraana ''duguuggaa sanyii'' jechuun ibseen miidhaman kiisuun osoo irra jiruu, boba'aa fi meeshaalee gabaa kanneen mootummaadhaan hoogganaman akkasumas tajaajiloota adda addaa naannocharraa kute jechuun komate TPLF.
''Badiin haala kanaan saba tokkoo raawwatamu waliigaltee Piriitooriyaa qofa osoo hin taane seera idiladdunyaas kan faallessuudha,'' jedha ibsi kun.
TPLF gochi mootummaa federaalaa uummanni akka jeeqamuu fi naannochi akka hookkara keessa seenu taasisuu himatus, bulchiinsi yeroo Obbo Geetaachoo Raddaan hoogganamaa ture garuu jeequmsa uumuun irraa fayyadamuuf kan socho'an murna TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin (PhD) durfamu ta'uu himatee ture.
TPLF ibsa isaa keessatti ''nagaa eegsisuuf aarsaa kan kaffalaa jiran akkasumas gaachana keenya kan ta'an hooggantoonni fi miseensonni humnoota Tigraay olola jaarmiyaalee mootummaa Itoophiyaatiin akka yakkamtootaatti hubatamaa jiru,'' jedhe.
TPLF ammas bu'uura waliigaltee Piriitooriyaan uummanni Tigraay miidhame hundi beenyaa argachuu akka qabuu fi kanneen yakka irratti raawwatan akka gaafataman gaafateera.
Mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiiwwan naannocha gara hookkaraatti geessan irraa of qusachuun hojii nageenya waaraa mirkaneessuu fi hunda fayyadu irratti akka xiyyeeffatu dhaameera jaarmiyaan kun.
Nageenyaa fi misooma naannochaa mirkaneessuuf kutannoon akka hojjetus ibseera.
Wal-dhabdee walakkeessa bara darbee irraa eegalee miseensota Koree Giddu-galeessa TPLF gidduutti uumame irraa kan ka'e paartichi yeroo ammaa murnoota Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) fi Itti Aanaa Dura Taa'aa Geetaachoo Raddaatiin durfamutti qoodamee jira.
Ajajoonni waraana Tigraay ji'ootaaf hundarraa walaba ta'anii turan irra caalaan isaanii murna Dabratsiyooni durfamuuf deeggarsa erga ibsanii booda muddamni fi sodaan naannichatti hammaateera.
Dhiheenya gara Finfinneetti imaluun ibsa kan kennan Obbo Geetachoon, gaaffii BBCn gara Tigraayitti deebi'uu isaaniirratti dhiheesseef: "Eeyyee nan deebi'a. Walgahii Ministira muummee waliin qabu xumuruun qaba. Guyyoota dhufan keessatti walgahii biroos qaba. Jalqaba torbee dhufu [gara Tigraayitti] nan deebi'a. Karoorri koo kanuma," jedhanii turan.
Tigraay keessatti waldhibdee fi walitti bu'iinsi ji'oota dheeraa fi daran hammaataa dhufe, ummata waraana hamaa waggaa lamaa irraa hanga ammaatti hin dandamanneef yaaddoo guddaa ta'eera.