Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mucaakoo dhiisii maaloo ana gudeedi'- seenaa jibbisiisaa waraanaa
Sudaaniitti waraana cimaa gara waggaa lamaa oliif biyyattii barbadeesseen booda, humni waraana biyyattii naannoowwan mgaalaa guddoo biyyattii Kaartuumiitti, tarkaanfii cimaa ta'e morkataa isaa, Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) irratti tibbana jalqabeera.
Haleellaa kanaanis waraanni biyyattii eddoowwan humna Deeggarsa Saffiisaan to'ataman deebiisee qabachuu irratti kan xiyyeeffate fakkaata.
RSFn jalqaba waldhabdee kanaa Ebla 2023 irratti Kaartuum harka caalu kan qabate yoo ta’u, waraanni biyyattii ammoo magaalaa lamaan Omdurmaan jedhamtu kan laga Naayilii ce’ee argaman to’ate.
Haata'u malee, ammalleen bakkeewwan namoonni gama lamaan gidduutti ittiin qaxxaamuruu danda’anis jiru.
Haala akkasiitiin ture gabaastuun BBC Baarbaraa Plett Usher kan, garee dubartootaa miilaan daandii saʼaatii afuriin imaluudhan gara gabaa naannoo waraanaan toʼatamtu qarqara Omdurmaan, bakka nyaanni gatii salphaadhaan itti argamutti deeman tokkon waliin kan wal agarte.
Dubartoonni kunneen naannoo RSFn qabame Daar Salaam irraa kan dhufan turan.
Sababii humnootiin RSF isaan reebanuu abbootiin warraa isaanii manaa akka hin baaanee dubbatan.
Maallaqa isaan argatan kamiyyuu irraa fudhatu ykn ukkaamsanii erga qabaniin booda hiikuuf kaffaltii gaafatu.
''Ijoollee keenyaaf nyaataa argachuu waan barbaannuuf rakkina kana obsina. Beelofneerra, nyaanni nu barbaachisa,'' jette isheen tokko.
Akeekkachiisa: Seenaan odeessa kana keessatti ibsi tokko tokko miira keessan jeequu danda’a.
Baarbaaraan akkasiin qindeessite: Kanaafuu dhiiroota caalaa dubartoonni nageenya qabu jechuudhaa? jedheen gaafadhe. Taateen gudeedamuu hoo?
Sagaleen dubartootaa kanneenii battalatti gadi bu'e. Achiinis ishee tokko dubbachuu eegalte.
''Addunyaan eessa jirti? Maaliif nu hin gargaartu?" jette osoo imimmaan morma ishee irraa dhangala’uu.
“Asitti sarbamni dubartoota irra ga’uu baay’eedha, garuu waa’ee kanaa hin dubbatan. Dubbatamus garaagarummaan inni fiduu danda'u maaltu jira?”
“Humnootiin RSF halkan shamarran tokko tokko daandii irratti akka waliin ciisan godhu,” jechuun itti fufte. “Gabaa kanarraa halkan kan deebii'an yoo ta'e, humnootiin RSF guyyaa shan ykn ja’aaf ofi bira isaan tursiisu.”
Yeroo haatishee dubbattuutti shamarreen tokkoo mataashee harkaan qabattee boo'aa teessee turte. Dubartoonni naannoo ishee jiran kaanis boo'uu jalqaban.
“Wayita mucaan dubaraa kee manaa gadi baate, harka jaraatti ishee dhiistee deemtaa?” jettee gaafatte.
“Intala kee barbaachaa hin deemtuu? Mee nutti himaa, maal gochuu dandeenya? Wanti nu gochuu dandeenyu omtu hin jiru, namni nuuf yaadus hin jiru. Addunyaan eessa jirti? Maaliif nu hin gargaartu!”
Imaltoonni waraana Dhaabbanni Biiyyoota Gamtoomanii, namoonni miiliyoona 1.5 ta'an qe'eesaanii irraa akka baqatan dirqamaniiru jedheen kanaan, seera maleessuummaa, saamichaa fi gara jabummaaf saaxilamuu ibsu.
Haata'u malee, wal dhabdee kana keessatti miidhaan saalaa amala ibsituu waraanichaa ta’ee yeroo dheeraaf kan turedha.
Waldhabdeen aangoo gareewwan waraana biyyatti lama jidduutti eegalame, amma gareewwan hidhattoota biyya keessaa fi qabsaa’ota biyyoota ollaa irraa harkisee hawataa jira.
Komishinarri Olaanaan Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Volker Turk, gudeeddiin akka “meeshaa waraanaatti” itti fayyadamaa jira jedhan.
Ergamni dhugaa barbaacha UN dhiheenya kana odeffannoo taateewwan gudeeddii fi doorsisa gudeeddii miseensota waraanaatiin raawwataman hedduu galmeesseera. Haata'u malee, miidhaan saalaa bal’aan RSF fi milishoota michuusaanii ta’aniin kan raawwatame yoo ta’u, kunis gochaa seera idil-addunyaa cabsuu akka ta’e hubateera.
Dubartiin BBCn dubbise tokkoos miseensoonni RSF ishee akka gudeedan dubbatte.
Baarbaraanis daandii qaxxaamura gara gabaa geessuu kan Souk al-Har jedhamutti wal agran.
Erga waraanni jalqabee booda gabaan kun lafa gogaa karaa gammoojjii Omdurmaan keessaa ba’urratti babal’atee sababii gatii gadisaatiif namoota baayyee iyyeeyyii ta'an hawwate.
Miriyaam, (kan maqaashee dhugaa hin taane), manashee Daaree Salaamiitti argamu irraa gara obboleessa isheetti baqattee jirti.
Amma bakka shaayii itti gurguran keessa hojjetti. Jalqaba waraana kanaarratti namoonni hidhannoo qaban lama manashee seenuudhaan ijoollee durbaashee lama- takkaa kan waggaa 17 fi isheen biraa kan waggaa 10- kan ta'an gudeeduu yaalan jetti.
''Shamarran mana keessatti akka hafan itti himeen, hidhattoota RSF'n: 'Nama gudeeduu yoo barbaaddan ana gudeedaa' jedheen ture,'' jetti.
''Isaanis na rukutanii uffatakoo akkan baafadhu na ajajan. Osoon uffatakoo ofiirraa hin baasin duras shamarrankoo achii akka deemanan itti hime. Isaanis ijoollee kaan fudhatanii dallaarraa utaalanii baqatan. Achiis dhiiroota kanneen keessaa inni tokko quunnamtii narratti raawwate.”
Humnootiin RSF garuu miidhaa saalaa fi gosoota jeequmsa biroo sarbama mirga namoomaa ta’an ittisuudhaaf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda fudhachuu isaa qorattoota idil-addunyaatti hime.
Haata'u malee, Sudaaniitti seenaan miidhaa saalaa baay’ee fi kan wal irraa hin cinne yoo ta’u, miidhaan dubartota kanneen irra ga’es dhiibbaakan dhiibbaa bara jireenyaa qabuudha.
Gaaddisa mukaa jala teessuma xiqqoo tokkoorra teessee kan turte, Faaximaan, (maqaan ishee dhugaa kan hin taane), daa'iamman lakkuu da'uuf gara Omdurmaan akka dhuftee fi achuma turuudhaaf karoorfachuu natti himte.
Ollaashee keessaa tokko, shamarreen ganna 15 fi erga isheefi obbooleetiin ishee kan umuriin waggaa 17 erga gudeedamaniin booda ulfoofte tokkoos loltoota RSF afuriin gudeedamu dubbatte.
Namoonni iyyaan dammaqanii waan ta'aa jiru ilaaluuf gadi ba'uu dubbatti, hidhattoonni garuu ummannii yoo gara manasaaniitti kan ol hin deebiine ta'e akka itti dhukaasuun ajjaassan itti himan.
Borumtaa itti aanu ammoo, shamarran lamaan qaamasaanii irratti mallattoon miidhaa qaama irratti kan mul'atu yoo ta'u, obboleessi isaanii angafaa ammoo kutaa tokko keessatti itti cufamee ture.
“Yeroo waraanaa, erga humni RSF dhufeen battaluma sanatti, hanga ijaan fulduura keenyatti agaruutti waa'een gudeeddii dhaga’uu jalqabne,” jetti Faaximaan.
“Jalqaba irratti [himannaa kanarratti] shakkii qabna turre, garuu booda keessa shamarran kan gudeede RSF ta’uu ni beekna.”
Dubartoonni kaan ammoo gara naannoolee RSFn to'atamee irraa gara biyyaatti deebi'uuf deemsa jalqabuuf walitti qabamaa jiru.
Isaanis jireenya haaraa eegaluudhaaf baayyee iyyeeyyidha. Akkuma Maariyaan Daaree Salaam gadi dhiisuudhaan jireenya haaraa eegalte isaanis jalqabuuf jedhu.
Dubartoonni kunneenis hanga waraanni kun itti fufee jiruutti gara haala sodaachisaa ta'e kanaatti deebii'u malee filannoo biraa hin qaban.