Hogganaan waraana Liibiyaa balaa xiyyaaraa Turkitti qaqqabeen du'an

Hogganaan waraana Liibiyaa balaa xiyyaaraa Turkitti mudateen du'uu Ministirri Muummee Liibiyaa beeksise.

Jeneraal Mohaammad Alii Ahimad al-Haddad fi namoonni afur waliin Kibxata galgala xiyyaara Faalkoon 50 jedhamuun magaalaa guddoo Turk Ankaaraarraa balali'aa ture keessa turan.

Ministirri Muummee Liibiyaa Abdul Hamid Dibeybeh Liibiyaan ''namoota garaa qulqulluun of kennanii biyya isaanii tajaajilan dhabde'' jedhan.

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Turkii Alii Yerlikaayaan barreeffama X irratti maxxansaniin, jeettii daldalaa kun buufata xiyyaaraa Ankaaraa irraa erga ka'ee daqiiqaa 42 booda mallattoon xiyyaarichi balali'a jiraachuu akeeku baduu dubbatan.

Jeettiin gara Tiriipooliitti balali'u kun osoo quunnamtiin isaa addaan hin citiin dura muddamaan deebi'e qubachuu akka barbaadu gaafate ture.

Boodarra caccabaan xiyyaarichaa kibba-dhiha Ankaaraatti kan argame yoo ta'u, amma maaltu balaa kanaaf sababa akka ta'e adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa jira.

Yerlikayaan boodarra barreeffama X irratti barreessaniin, poolisiin caccabaa xiyyaarichaa naannoo ollaa Kesikkavak, bulchiiinsa Haymanaatti argamutti akka argee barreessan.

''Taatee mudaterratti odeeffannoo dabalataa uummata ni beeksifna'' jedhan.

Ministirri Muummee Liibiyaa, Mootummaa Tokkummaa Biyyaalessaa biyyattii sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argatee Abdul Hamid Dibeybeh akka himanitti Jeneraal Haddad fi qondaalonni olaanoo waraana Liibiyaa biroo jeettii sana keessa turan du'aniiru.

Ministirri Muummee biyyattii Libiyaaf kun ''kasaaraa guddaadha'' jechuun Liibiyaan ''namoota garaa qulqulluun of kennanii biyya isaanii tajaajilan dhabde' jedhan.

Jeneraal Haddaad fi gareen isaanii marii tumsa waraanaa fi nageenyaa biyyoota lamaanii daran cimsuuf kaayyeffatef Turk dhaqan.

Turkiyaan bara 2019 waraana biyyattii gidduu erga seente as mootummaa Libiyaa hawaasa idil addunyaarraa beekamtii qabu waliin hariiroo siyaasaa, waraanaa fi dinagdee cimaa uumte.