Baqattoonni 46 ol konkolaataa fe’iisaa tokko keesatti du’anii argaman

Hojjattoonni to'annoo balaa sa'aatii 18:00 irraa kaasanii deeggarsa kennaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Teksaas mandaara magaalaa Saan Antoniyoo jedhamu keessatti yoo xiqqaate baqattoonni 46 konkolaataa qophaatti gatame tokko keessatti du’anii argaman.

Hojjattoonni ibidda dhaamsan akka jedhanitti daa’imman afur dabalatee walumaagalatti namoonni 16 gara hospitaalaa geeffamaniiru.

Namoota balaa kanarraa lubbuun hafan qaamni isaanii ‘’garmalee gubaa’’ fi ukkamamuun muddama keessaa kan turan.

Saan Antoniyoon daangaa Ameerikaa fi Meeksikoorraa km 250 fagaattee kan argamtu yoo ta’u, iddoo daddabarsi godaantotaa itti hammatu.

Faddaaltonni godaantota eeyyama imalaa hin qabne wajjin waliigaluun konkolaataa fe’iisaatiin gara US Ameerikaatti qaxxaamursu.

Kantibaan magaalaa Saan Antooniyoo Roon Nireenberg akkass jedhan; "Godaantoonni kunneen maatii qabu turan, jireenya fooyyee kan barbaadan fakkaatu," jedhan.

Reeffii namootaa argamuu hordofee hojjattoonni deeggarsa yeroo muddamaa kennaan bobbaafamu isaanii Hogganaan To’annoo Balaa Ibiddaa Saan Antooniyoo Chaarlis Huud gaazixeessitootatti himan.

"Konkolaataa fe’iisaa sana bannee reeffa namoota hedduu arguun nurra hin turre. Eenyumti keenyallee kanatu ta’a jennee yaadaa iddoo hojii hin dhufne," jedhan.

Itti dabaluun akka himanitti, konkolaataan fe’iisaa konkolaachisaan isaa qophaatti gate sun afuursituu qilleensaa(air conditioning) hin qabu, akkasuma bishaan dhugaatii keessatti hin argamne jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Meeksikoo Marseelloo Ibraard, godaantota hospitaala geeffaman keessatti lammileen Gutaamaalaa argamaniiru jedhan.

Namoonni miidhaman biroon lammummaan isaanii eessa akka ta’e ammatti ifatti hin beekamne.

Namoonni sadii to’atamuun dhaabbata federaalaa Ameerikaa dhimmicha qoratutti darbafamanii kennamaniiru.