Faayidaa daqiiqaa 20f paarkii keessa deddeemuun fayyaaf qabu

Madda suuraa, Getty Images
Paarkii ykn bosona keessa erga deddeemtanii booda miirri tasgabbii yoo isinitti dhanga'ame, kun isin qofa keessatti yaada dhalate miti; sirnuma lubbu-qabeessaaf hojjetudha.
Manaan ala ta'uun hormonii nama dhiphisu hir'isuun, dhiibbaa dhiigaa salphisuurra darbee fayyaa miya garaa fooyyeessuun qaama keessan keessatti jijjiirama fiduu danda'a.
Faayidaawwan kanneen argachuudhaaf, sa'aatii ta'eef miillaan deemuun dirqama barbaachisaa ta'uu dhiisuu danda'a. Guyyaa keessan keessaa daqiiqaa 20 kanaaf aarsaa gochuun jijjiirama arguu dandeessu.
Kanaaf, saatii laaqanaatti bakka paarkii bashannannaa ykn bosona keessa deemuun daqiiqaa 20f keessa nanaanna'uun qaama keessaniifi sammuu keessan fayyaduu danda'a.
Uumama walakkaa ykn keessa deemuun karaa afur ittiin fayyaa keessan foyyeeffatan kunooti.
1. Osoo isinitti hin beekamiin aara galfattu
Mukkeen magariisaa yeroo ilalatan, fuuluu urgaa'aa baalaafi abaaboo bosona keessaa, akkasumas sagalee baala mukaafi weedduu simbirrootaa yeroo dhageessan, narviin keessan sirna sammuu to'atu itti tolee deebii kenna.
Yunivarsiitii Oksifoorditti pirofeesara sirna lubbu-qabeeyyii kan ta'e Baarnees Kaatii Wiiliis, "dhiibbaa dhiigaa hir'isuun dha'anna aonnees jijjiiruun qaama keenyarratti jijjiirama agarra; kanaaf onneen keessan suuta jedheeti dha'ata jechuudha," jedha.
Akka qorannoon Yunaayitid Kingidam namoota 20,000 hirmaachise tokko agarsiisetti, namoonni giddu-galeessaan torban tokko keessatti daqiiqaa 120 bakka magariisaa keessatti dabarsan fayyaa gaariifi nageenya qoor-qalbii olaanaa carraan agarsiisuu isaanii guddaadha.
Bakka magariisaa keessa uumamaan marfamanii yeroo dabarsuun faayidaa inni qaburratti ragaan amansiisaafi gahaan jiraachuusaarraa kan ka'e namoonni tokko tokko 'bakkeewwan magariisa ta'an keessatti yeroo dabarsuu' akka wallaansa fayyaatti ajajaa jiru.
Kana jechuun, namoota uumama waliin walitti fiduun fayyaan qaamaafi sammuusaanii akka fooyyaa'u, akkasumas miiraafi nageenya isaaniirratti jijjiiramni gaariin akka dhufu gochuudha.
2. Hormooniin ni dabala

Madda suuraa, Getty Images
Adeemsa bashannanuu keessa sirni hormoonii qaama keessanii fooyya'insa agarsiisa.
Wiiliis manaan alatti yeroo dabarsuun hanga hormoonotaa, kolestiroolii fi adireenaaliinii yeroo dhiphinaafi muddamaa baayyatan hir'isa jedha.
Akka qorannoon agarsiisutti, dhum-torbeerra paarkii bashannanaa magariisa qabu ykn bosona keessatti dabarsuun dandeettii qaamni keenya vaayiresii dabalatee dhibee garaa garaarraa of ittisuu cimsa.
3. Humna guddaa suufuun qabu
Uumama suufuun akkuma waa arguufi dhaga'uu cimaadha.
Fooliin mukkeeniifi biyyoo, makaa wantota orgaanik ta'anirraa gadhiifamaniin kan guutee fi "yeroo argansuu molokkiyuloonni tokko tokko gara dhiigaa keessa seenu".
Wiiliis fooliin muka gaattitaa ykn birbirsaa sekondii 20 keessatti akka namni tasgabbaa'uufi qalbiisaatti deebiyu taasisa jedha.
Kun karaa ittiin uumamni nama bashannansiisu keessaa tokkodha.
Fooliin gaattiraa kun namoota ga'eessota ta'an qofaa miti, daa'immanillee foolii gaattiraa argannaan akka tasgabbaa'an taasisa jedha qorannoon.
4. Baakteeriyaan gaariin gara mi'a garaa keenyaa akka galu gargaara
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sammuu tasgabbeessuutiin alatti biyyoo fi biqiltoonni baakteeriyaawwan gaarii ta'aniin kan guutaman waan ta'aniif walitti qabama maayikiroobii akka ol guddatu taasisuu ibsu qorattoonni.
Wiiliis, "gosa baakteeriyaawwan gaarii Piroobiyootikiin ykn dhugaatiin kaffallee argannuuti," jechuun ibsa.
Piroofeesar Miing Kuwoo wantota akka saaxilamummaa infekshiniifi fayyaa sammuu irratti dhiibbaa inni qabu kan qorate yoo ta'u, hanga tokko gara keessatti miira arganuu ol guddisuun humna qaba jedha.
Akkuma kana keemikaalonni farra lubbu-qabeeyyii shishifoo biqiltoonni gadhiisan dhukkuba dadnamachuufgargaaru.
Doktora Vaan Tuleeken akkuma saayintisitii infekshinii, uumama akka naannoo [naankaluu] faayidaa qabuutti ilaala. "Sirna dhukkuba ittisuu qaama keenuaa dadammaqsu," jedha.
Ijoollee isaanii balfa bosonaa keessa akka taphatan gochuun qaama sirna argansuu isaaniibaakteeriyaawwan gaarii ta'an kanneen akka ol galfatan gochuun muuxannoo dhuunfaa akka qabu kaasuun ibsa.

Madda suuraa, Getty Images
Uumama gara ofii keessaniitti waammadhaa
Tokkoo tokkoon namaa gara bosonaa deemuu hin danda'u. Oduun gaariin dirqama dhaquu hin qabu kan jedhudha.
Akka jecha Wiiliisitti uumama xiqqoo mana keessa jirtu waliin walitti dhufeenya (tuttuqqaa0 qabaannaan jijjiirama ni fida.
Abaaboo adii ykn keelloo mana keessa jiran ilaaluun sochii sammuurratti tasgabbii olaanaa uuma.
Gara urgeeffachuutti yoo dhufame ammoo Zayitiiwwan warra Laaveender jedhamanii mana keessatti biiffachuu fi aarsuun ittiin bashannanuun ni gargaara.
Kun hunduu yoo milkaa'uu hin dandeenye ammoo, suurru bosonaallee gargaaruu danda'a.
Qorannoon akka agarsiisanitti, fakkiiwwan uumamaa laaptooppii keessanirratti ilaaluun ykn salphaatti waan magariisa ta'e ilaaluun dambalii sammuu namaa tasgabbeessu wal fakkaataa keessa nama galchuun jijjiirama akka fiduufi dhiphina akka hir'isu agarsiisa.












