Sudaan Kibbaatti haleellaa boombii hospitaalaa fi iddoo gabaatti mudateen torba du'an

Madda suuraa, MÉDECINS SANS FRONTIÈRES/REUTERS
Sudaan Kibbaatti haleellaa boombii hospitaalaa fi iddoo gabaatti mudateen yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefamuu dhaabbata gargaarsa namoomaa tokko ibse.
Haleellaan boombii kun yeroo biyyattiin waraana waliiniitti seenti jedhamuun sodaatamaa jirutti mudate.
Gareen hakiimoota daangaa hunda ce'uun tajaajila kennu (MSF) akka jedhutti helikooptariin meeshaa waraanaa hidhattee turte mana qorcihaa hospitaala Ooldi Faangaak, bulchiinsa Joongilee, keessatti argamu irratti boombii darbuun guutummaatti barbadeessite.
Isa booda dirooniin gabaa naannawa sana jiru tokkorratti boombii darbachuu MSF ibseera.
Uummata Fankaagaa keessa jiraatu kuma 110 ta'uuf tajaajila fayyaa kan kennu hospitaala haleelame kana qofa.
Haleellaa hospitaala tokkicha kanarra ga'een meeshaaleen fayyaa hundi barbadaa'uu ibse MSF.
Kanneen du'aniin alatti haleellaa kanaan namoonni 20 ta'an madaa'uu kan gabaase MSF, haleellaan uummatarratti raawwate kun ''seera namoomaa idil addunyaa ifatti kan sarbuudha,'' jechuun balaaleffate.
Dubbi himaan MSF Maamaan Musxafaa dhaabbatisaanii ammallee odeeffannoo walitti qabachaa jiraachuu ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu namoonni ijaan argan xiyyaarattiin ''helikooptara humnoota mootummaa,'' ta'uu akka ibsaniif sagantaa BBC Newshour irratti dhihaachuun dubbataniiru.
''Hospitaalichi barreeffama maalummaasaa ifatti mul'isu fuulduraa qaba. Argamaa fi eenyummaa keenya kanneen wal falmaa jiran hundattuu beeksifneerra. Kana waan ta'eef gareen hunduu hospitaalli kun eessatti akka argamu beekuutu irra ture,'' jedhan dubbi himaan kun.
Haleellaa kana ilaalchisee BBCn ministeera dhimma alaa biyyattii gaafatus yeroo barbaadamutti deebii hin arganne.
Dhihoo kana Sudaan Kibbaatti erga addaa UN kan hoogganan Nikoolaas Haayisom biyyattiin guutummaatti waraana waliiniitti seenuuf qarqara irra geesseetti jechuun akeekkachiisanii turan.
Yaaddoo kana kan uume ammoo waldhibdeen Pirezidant Salvaa Kiir fi itti aanaa isaanii Riik Machaar gidduu ture hammaachuusaati.
Haleellaa boombii kana dura ajajaan waraana biyyattii Pool Maajook Naang, bidiruuwwan hedduun erga ugguramanii booda tarkaanfii hamaa akka fudhatan dhaadatanii turan.
Ajajaan waraanaa kun haleellaa boombii kanaaf hidhattoota Itti Aanaa Pirezidantii Riik Machaar waliin hidhata qaban himatan.
Machaar garuu himata irratti dhihaateef hanga yoonaa deebii hin kennine.
Machaar Bitootessa darbe ''hookkara kaasisuuf yaalaniiru,'' jedhamuun waahillaan isaanii hedduu waliin hidhamanii turan.
Dhiheenya kanammoo mootummaan kutaalee biyyattii dawoo Machaar ta'an ykn iddoowwan qondaalli kun keessatti deeggarsa olaanaa qaban tarreesseera.
Kun ammoo biyyattiin waraana waliinii hunda hirmaachisetti seenti sodaa jedhu umeera.
Sudaan Kibbaa bara 2011 Sudaan jalaa ba'uun walabummaashee gonfatte.
Haata'u malee, waggaa lama booda Pireezidaanti Salvaa Kiir, Riik Machaar ''fonqolcha mootummaa narratti yaale,'' jechuun himachuun itti aanaa pirezidaantummaarraa ari'an.
Kun ammoo biyyattii waraana waliin balaafamaatti galche.
Waldhabdee deeggartoota hooggantoota lamaanii gidduutti uumameen lubbuun namoota kuma 400 darbeera, miliyoona 2.5 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.
Sana booda bara 2018 nagaa buusuuf waliigalterra ga'uun mootummaa tokkummaawaa hundeessan.
Waliigalteen nagaa kun filannoo dimokiraatawaa lammiileen hoggantoota isaanii itti filataniif haala mijeessa jedhamee abdatamus, hanga yoonaa filannoon biyyattii keessatti gaggeeffamee hin beeku.
Kana malees, waliigalteen kun milishaa hunda bakka tokkotti fidee humna waraanaa biyyattii tokkummaawe uumuuf yaadamee ture, garuu kun akka karoorfametti hin ta'in jira.
Gareewwan hidhatan hedduun ammallee namoota siyaasaa adda addaatiif amanamoo ta'uun walqoqqoodanii jiru.
Rakkoon amma jiru kun ji'oota dura kan jalqabe yoo ta'u, loltoonni White Army jedhaman yeroo waraana biyya keessaa Machaar waliin hiriiranii turan, loltoota naannoo Upper Nile keessaatiin walitti bu'uun buufata waraanaa Nasir keessa jiru erga weeraraniiti.
Sana booda baatii Bitootessaa keessa helikooptarri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii loltoota buufata sana keessaa baasuuf osoo yaaltuu rasaasaan rukutamuun jeneraal olaanaa dabalatee namoonni hedduun du'aniiru.












