Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Michummaan Tiraamp fi Maask karaatti hafe siyaasa Ameerikaa garam geessa?
Tujaarri addunyaa kanaarratti qabeenyaan tokkoffaa ta'eefi namni siyaasaa biyya guddoo addunyaa yoo wal lolan wanti uumamu maal ta'uu danda'a?
Taatee kana addunyaan waan ilaalaa jiru fakkaata; garuu wanta nama gammachiisu hin qabu.
Doonaald Tiraamp fi Elon Maask michuu jabaa waliif turan. Amma garuu wal arrabsaafi wal doorsisaa jiru.
Waldhabdeen isaan gidduutti uumame gara jechaan wal qoccoluutti kan jijjiirame yeroo baayyee hin fudhanne.
Tiraamp waliigaltee hojii Maask mootummaa Federaalaa waliin qabu, waliigaltee daldalaa SpaceX'f hidda dhiigaa ta'e addaan kutuuf dhaadateera.
Baajata keenya keessatti dolaara biliyoonotaan lakkaa'aman qusachuudhaaf karaan salphaan diggomaa Elon Maaskiif kenninuufi waliigalteewwan addaan kutuudha," jechuun miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesse Tiraamp.
Mootummaan Tiraamp Maask irratti dugda galagalfannaan biiyeenariin kun baayyee miidhamuu danda'a.
Kamisa yeroo Maaskfi Tiraamp jecha afaaniin walirratti duulaa jiranitti gaheen Tesla [warshaa konkolaataa Maask] dhibbentaa 14n bu'eera.
Dirreen taphaa kun garuu Tiraamp qofaaf miti banaa kan ture. Maask hanga danda'e humna qabuun ofirraa ittisuuf carraaqeera.
Tiraamp waliigaltee Ameerikaan meeshaalee gara garaafi astiroonoomeroota gara wiirtuu hawwaatti erguuf SpaceX waliin qabdu akka addaan kutan yeroo dhaadatu, Maask ammoo aangoorraa bu'uu qaba jechuun dubbate.
Maask duula jechaan waliif bahan kana keessatti kan inni fayyadamu filannoo bara dhufu gaggeeffamu keessatti morkattoota Tiraamp deeggaruudhaaf qabeenyasaa akka itti dhangalaasudha.
Maask Kamisa gara galgalaa nama yakka saal-qunnamtiin walqabsiisee osoo mana hidhaa jiruu lubbuun isaa darbe Jeefirii Ippisteeyin ilaalchisee galmeeewwan ifa hin ta'iin jiran keessa maqaan Tiraamp jiraachuu ragaa gahaa osoo hin dhiyeessiin dubbateera.
Pirees Sekireetaariin Waayit Hawus Kaarolaayin Leeviit himannaafi arrabsoo Maaskiif deebii laafaa kenniteetti.
"Maak seericha [Seera gibiraafi baasii] irratti gammaduu dhabuun isaa taatee gaddisiisaadha. Sababiin isaas [seerichi] imaammatawwan inni barbaadu hin hammatu," jette.
Maask mootummaa Tiraamp qabsaa'ee mo'achuu dadhabuu mala. Haata'u malee, Tiraampiinis ta'e paartii warra Rippabilikaanii gatii guddaa baasisuu danda'a.
Tiraampis kun waan jalaa dhokatu miti.
Tiraamp qophii galataafi dinqisiifannaa imaammatawwan isaa ilalchisee Kamisa Waayit Hawusitti qophaa'erratti dhimmicha gadi qabuun qabbaneessee yaada kennuurraa of qusatee kan darbe yoo ta'u, miidiyaa hawaasaa isaa Turth jedhamurratti, "isarratti ka'uun" akka dhimmasaa hin taane ibsuun, ji'ootaan dura garuu mootummaa isaa keessatti hojii gaarii hojjechuusaa eereera.
Achiin booda seera galiifi gibiraa haaraa dinqisiifachuu itti fufe.
Haata'u malee, Kamisa jechoota walitti deddeebisuu hammaatee tureen booda yeroon itti aanu akkasumaan akka salphaatti kan bira darbamu akka hin taane agarsiiseera.
Arrabsoofi jechoota doorsisaa walitti deddeebisuu
Fajoon kun kan jalqabame torban darbe saffisaan ture.
Gaafa Roobii daran hammaachuu jalqabee Kamisa waaree booda waajira pirezidantii [Oval Office] keessatti guutummaatti dhohe.
Chaansilariin haaraa Jarmanii Fireedirik Mertiz daawwannaa hojii guyyaa tokkootiif Waashigiteen deemee callisa namatti hin tolle keessa taa'ee osoo jiruu pirezidant Tiraamp ammoo michuu dagatame fakkaatee ture.
Qeeqa Maask seericharratti dhiyeessee ilaalchisee waan isa ijaa'ibe fakkaata.
Maask osoo deeggarsa dolaara miliyoonaan lakkaa'amu taasisuu baatee filannoo pirezidaantummaa bara darbe gaggeeffame ni mo'ama ture jechuun yaada inni kenne qeeqeera Tiraamp.
Maask gara fuula X isaa hordoftoota miliyoona 220 qabuu deemuun "waan fedhe haata'u" jechuun maxxanse.
Itti dabaluun konkolaataa omishurratti diggomaa taasifamu ilaalchisee dhimma akka hin qabne ibsee, idaa biyyaalessaa balaa jiraachuufi jiraachuu dhabuu biyyaalessaati jedhe hi'isuu akka barbaadu dubbateera.
Bara darbe deeggarsa isaa malee dimokiraatonni mo'achuu akka danda'an eeruun, "galata dhabeessa ta'uu" Tiraamp kaasuun deebii kenne.
Kamisa waaree booda jechaan wal miidhuun baayyeen kanaan dura hin beekamne erga dhaga'ameen booda gaarerfannaan cime.
Maask fi Tiraamp tokkummaa cimaa ta'ee garuu wara'aa hin taane uummatanii ture.
Michhummaan isaan gidduu ture kun biliyeenarichi bulchiinsa Tiraamp keessatti aangoo baajata hir'isuu keessatti bakki aangoo murteessaa ta'e akka kennamuuf taasiseera.
Waajirri Maask hojii mootummaa saffisiisuufi bu'a qabeessa gochuu ykn Doge, waajiraalee mootummaa cufuufi hojjetoota kumaan lakkaa'aman gaggeessuuudhaan guyyoota 100 jalqabaa Tiraamp keessatti milkaa'ina guddaa tokko ta'ee eerameera.
Baayyee osoo hin turiin, eesattiifi akkamiin akka ta'e sirriitti beekamuu baatus jarreen ciccimoo kunneen lamaan daandiin isaanii addaan bahaa, haasaan isaanii waliif sifaa'uu didaa dhufe. Warri kana taajabanis, michummaa namoota jajjaboo kanaa qilleensi seenaa jira jedhan.
Tiraamp jaalalli isaanii yeroo hira'ataa dhufettiyyu, Maask yeroo aanga'oota bulchiinsa isaa waliin walitti bu'utti Maask waliin dhaabbateera.
Atakaaroo bu'aa hin qabne...
Amma gaaffiin jiru falmiin jiru kun garam geessa kan jedhuudha. Maask haasaa taasisuufi mallaqa deeggaruun Rippabilikanonni Kongiresii miseensota isaanii seera Tiraamp waliin dhaabbacuu akka danda'an gochuun isa rakkisuu danda'a.
Tiraamp kontiraata mootumman Mask waliin qabu addaan kutuuf dhaadateera.
Haata'u malee, bulchiinsicha keessa mochoota Maask Doge keessa jiran irratti xiyyeeffachuu ykn qorannoo hariiroo daldalaa Joo Baayiden Maask irratti jalqabee ture irra deebiin kaasuu danda'a.
Yeroo ammaa kana wanti hundinuu akka filannootti dhiyaatee minjaalarra jira.
Kun soo kanaan jiruu, warri Dimokiraatotaa akkamitti akka deebii kennan yaaduudhaan qarqaratti ba'anii dhaabatanii ilaalaa jiru.
Duraan paartii isaaniif harka toleessa kan ture Maaskiin gara mana isaaniitti kanneen barbaadan lakkoofsi isaanii xiqqoo miti.
Haata' malee, yaadni durii 'diinni diina kootii,' fira kooti' jedhamu sun jira.
Istiraateejistiin warra Dimokiraatotaa Lihaam Keer marsariitii beekamaa ta'e 'Politico' jedhamu irratti akka dubbatanitti, 'atakaaroo bu'aa hin qabnedha'. Wanti kamiyyu Domokiraatotatti dhiyaatu warra Rippabilikaanii ni miidha."
Yoo xiqqaate, warri Dimokiraatotaa yeroo namoonni kunneen laman jechaan wal fajaa jiranitti qarqara dhaabatanii ilaaluun bashannannaa waan jiran fakkaatu.
Kanaaf, falmiin kun hanga xumuramutti wal dhabdee michoota walii gidduutti dhalate Siyaasni ameerikaa hunda liqimsuu danda'a.
Gaarerfannaan kun yeroo dhiyootti dhaabbata jedhamee hin eegamu.
Maask fuula isaarratti, "pirezidaantummaan Tiraamp waggaa 3.5 isa hafeera, ani garuu waggoota dabalataa 40 ol nan jiradha," jechuun barreesseera.
Umurii nuu kenninna, teenyee ilaalla!!