Taphataan Tuuniiziyaa gatiin muuzii dabaluu mormee shororkeessummaan himatame gubee of ajjeese

Taphataan kubbaa miillaa Tuuniiziyaa Nisaar Isuuyii himannaan poolisii ''haqa maleessa'' jedhame erga irratti banamee booda abiddaan gubee of ajjeesuu maatiin himan.

Taphataa gameessi kun poolisiin dabaan akka isa himate himuun, daba kana mormuuf hiriira erga gaggeessee booda tarkaanfii ofirratti akka fudhatu ibsee ture.

Innis akkuma hime bakka uummanni kumaa-kitilaan ba'etti abiddaan of gube.

Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti maxxanse keessatti haqa dhabuusaa iyyachaa ture.

Daldaltuu muduraa waliin waan wal-dhabeef poolisiin shororkeessummaan akka isa himate ibsaa ture.

Haala mudate kanaan baayyee kan mufate taphataan kun maxxansa kan biraan ammoo ''abiddaan gubee of ajjeesuu''akka ofirratti murteesse ibseera.

Sirna awwaalchaa gameessa kubbaa miilaa umrii waggaa 35 Jimaata darbe magaalaa inni jiraataa turetti gaggeeffamerratti mufii mudaterraa walitti bu'iinsi dhalatee ture jedha gabaasi miidiyaa biyyattii.

Taphataan kun gabaa kuduraa fi muduraa ba'ee osoo waa bibbitaa jiruu, muuzii kiilogiraama tokko doolaara 3.30 (dinaara biyyattii 10 gadi) ta'een bituu hin danda'u jechuun waldhibdeen uumame.

Gatiin kun dachaa isa mootummaan murteessee ta'a, kanarraa ka'uun nama muuzii gurguru waliin walitti bu'e.

Haata'u malee poolisiin taatee mudateef taphataa kana shororkeessummaan himate, kun baayyee isa mufachiise.

Barreeffama feesbuukii isaarratti maxxanseen taphataan kun akkas jedhe:

''Nama muuzii kiilogiraama tokko dinaara 10n gurguretti waanan dubbadheefan waajjira poolisiitti shororkeessummaan himatame. Gatii muuziirratti mufii ibsachuu kootiin yakka shororkeessummaan na himatan. Waanan jedhee dubbadhu hin qabu. Adabbiin kun har'a [harka kootiin] akka raawwatu poolisoonni yaa beekan.''

Mormii kanaan Isuuriin abiddaan gubee of ajjeese.

Sirna awwaalchaa taphataa kanaarratti namoonni haala mudatetti akkaan mufatan waajjira poolisiitti dhagaa darbachuun hookkarri dhalatee ture.

Poolisiin ammoo aara nama imimmaanessu mormitootarratti dhukaase.

Taphataan kun kilaba sadarkaa olaanaa Tuuniiziyaa US Manastir jedhamuuf taphataa ture, abbaa ijoollee afuriiti.

Obboleessi isaa miidiyaa biyya keessaatti akka himetti Isuuriin erga qaamasaa guutuu abiddaan gubee booda mana yaalaa geeffamus baraaramuu hin dandeenye.

Gochi taphataa kanaa kan daldaltuun daandiirraa Mohammad Bo'aaziiz bara 2010 of gubuun madda hookkara biyyattii ta'een walfakkaata.

Mormiin bara sana taatee kanarraa eegale hanga Pireezidanti Zine al-Abidine Ben Ali aangoorraa fonqolchuutti ga'eera.

Pireezidantiin amma aangoo harkaa qabus erga bara 2021 ministira muummeerraa aangoo mulquun, paarlaamaa biyyattiis hojii dhaabsisee burjaajii biyyattii keessatti uumee jira.

Erga tarkaanfii kana fudhatee booda akkaataa aangoosaa cimsuun heera biyyattii fooyyesse.

Mootummaan Tuuniiziyaa ajjeechaa taphataa kanaarratti hanga ammaatti homaa hin jenne.