Faransaayitti ambaassaaddarri Afrikaa Kibbaa hoteela Paaaris cinaatti du'anii argaman

Madda suuraa, Gallo via Getty Images
Faransaayitti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa Nathi Mthethwa Paaris Hoteela Haayaat Reejensii abbaa urjii afurii cinaatti du'anii argamuu aanga'oonni Faransaay BBCtti himan.
Ga'eessi umuriin isaa wagga 58 ta'e Nathi Mthethwa, Wixata galgala erga "ergaan yaaddessaa ta'e isa biraa dhufee booda" achi buuteen isaa dhabamuu haadha warraa isaaniitiin gabaafameera jedhe waajirri abbaa alangaa Paaris.
Hoteela gamoo baayyee dheeraa ta'e keessatti kutaa darbii 22ffaa irraatti argamu kan foddaan nageenyaa isaa dirqamaan baname qabatee ture jedheera waajirichi.
Sadarkaa amma jiru kanarratti haala du'aatii dippilomaatii olaanaa kanaa ilaalchisee wanti ifa ta'e kan hin jirre yoo ta'u, qorannoo gaggeessuun jalqabamuu waajirri abbaa alangaa kun himeera.
Qaamoleen nageenyaa guyyaa sana dabareerra turanis bakka sana deemaa turuus dabalee ibseera.
Mthethwa miseensa sadarkaa olaanaa Kongiresii Biyyoolessaa Afrikaati. Paartiin bara 1994 pirezidaantii gurraacha Afrikaa Kibbaa isa jalqabaa ta'uun bulchiinsa dimokiraatawaa fidan Nelson Maandeellaan kan hundeeffamedha.
Muddee bara 2023 irraa eegalee Paarisitti ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, kanaan duras ministeera poolisii ta'uun, akkasumas ministeera aartii fi aadaa ta'uun mootummaa keessa turan.
Michuu dhiyoo pirezidaantii duraanii Jaakoob Zuumaa kan turan yoo ta'u, qorannoo Afrikaa Kibbaatti gaaga'ama mootummaa (state capture) jedhamuun gaaffii ka'e keessatti himannaa malaammaltummaa sadarkaa olaanaa yeroo pirezidaantummaa Zuumaa ture ilaale keessatti maqaan aanga'aa kanaa ka'eera..
Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Roonaald Laamoolaa ibsa kennaniin, Mthethwa ''tajaajilaa sabaa kabajamaa'' jechuun dippilomaatii kana jajataniiru.
Itti dabaluudhaanis, "Duuti isaa kasaaraa biyyaalessaa qofa osoo hin taane hawaasa dippilomaasii idil-addunyaa keessattis akka itti dhaga'amu shakkii hin qabu," jedhan.
Lamolaan haalli naannoo du'a Mthethwa mudate aanga'oota Faransaayiin qoratamaa akka ture mirkaneessaniiru.












