Dubartiin Ameerikaa haleellaa saal-qunnamtiin pirezidant Baayidan himatte Raashiyaa lammummaa gaafatte

Madda suuraa, MAX WHITTAKER/NEW YORK TIMES/REDUX/EYEVINE
Dubartiin Ameerikaa Pirezidant Joo Baayidan haalleellaa saal-qunnamtii narraan gaheera jechuun himatte gara Mooskoo deemuudhaan Raashiyaan akka lamummaa kennituuf gaafatte.
Dubartii umurii waggaa 59, Taaraa Reedii, miidiyaa mootummaa Raashiyaa tokkotti akka himtetti, Raashiyaa keessatti nageenyi waan itti dhaga'amuuf achuma jiraachuu barbaaddi.
Dubartiin kun bara 1993 keessa wayita waajira Kongireeshinii Bayidan keessa hojjechaa turtetti akka miidhaa saal-qunnamtii irra gahe dubbatti.
Baayidan garuu himannaa dubartii kana wakkateera. "Wanti isheen jettu kun gonkumaa waan hin ta'iinidha, tasa waan hin ta'iinidha," jechuun himannaa irratti dhiyaate mormeera.
Taaraa Redii yeroo Baayidan Senaatara Delaaweer turetti gargaartuu isaa taatee hojjetteetti.
Bara 2020 wayita duulli filannoon pirezidaantummaa gaggeeffamutti, Taaraa Redii yeroo umuriin waggaa 29 turte karaa gara Kaappitol Hiilitti dabarsurratti Joo Baayidan miidhaa saal-qunnamtii 'narraan gaheera' jettee himachuushee hodofee dhimmichi ijoo dubbii ta'ee tureera.
Gara keenyaniitti (girgiddaatti) na butee harkasaa shamiziisheefi qamisii (wandaboo) koo keessa galchuudhaan miidhaa narraan gaheera jechuun Baayidaniin himatteetti dubartiin kun.
"Yeroo jalqabaatiif Mooskoo qaqqabee yeroon xiyyaara irraa bu'u nageenyatu natti dhaga'ame. Akkan dhaga'amuufi kabajamu natti dhaga'ame," jechuun taaraa Redii miidiyaa Raashiyaa Ispuutiniikitti dubbachuushee Ze gaardiyaan gabaaseera.
Taaraa Redii Ameerikaa gadhiistee kan baate namoonni siyaasaa Rippabilikaan ta'an balaan akka ishee mudachuu danda'u erga itti himanii booda ta'uu dubbatteetti.
"Lammummaa raashiyaa argachuudhaaf iyyachuun barbaada. Pirezidantii Raashiyaa federeeshinii Vilaadmiir Puutiniif lammii gaarii akkan ta'u waadaa nan gala," jette.
Taaraan lammummaa Ameerikaa qabdus akka qabaatttee itti fuftu dubbatteetti.
Bara 2019 fi 2020 keessa dubartoota baayyee tuttuqqaa hin barbaachifne, hammachuu, akkasumas dhungannaatiin Joo Baayidaniin himatan keessaa tokko Taaraa Rediidha.
Wanti galmaa'eru jiraachuu baatullee, akkasumas himannaa dhiyaaterratti qorannoon gaggeeffamuu isaa ifa ta'uu baatus Taaraa Rediin garuu komiishee dhiyeeffachuu ibsiteetti.
Dubbi-himaan Joo Baayidan gama isaatiin, dubartoonni mirga dhaggeeffatamuu akka qaban ibsuun, himannaan dhiyaate garuu "tasa waan hin ta'iinidha," jedheera.












