Pirezidaantiin Biraazil haleellaa Gaazaa duguggaa sanyii Yihudootarra gahetti fakkeessuun Israa'el dheekkamsiise

Luulaa Daasilvaa

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantin Biraazil Luulaa Daasilvaa yaa'ii gaggeessitoota Gamtaa Afrikaarratti argamuun haasaa taasisaniin Israa'el duguuggaa sanyii Yihudootarratti gaggeeffamee ture [Holocust] kan fakkaatu Gaazatti raawwataa jirti jechuunsaanii Israa'el heddu dheekkamsiise.

Haleellaa waraanaa Israa'el Gaazatti gaggeessitu kana "waraana sirriitti hidhatee qophaa'eefi dubartoota akkasumas ijoollee gidduutti gaggeeffamaa jira" jedhan.

Israa'el ammoo lollin Hamaas balleessuf gaggeessu duguuggaa Naazin Jarman Yihudootarratti raawwateen wal-fakkeessun badii Yihudootarra gahaa ture gadi xiqqeessudha jechuun Luulaa Daasilvaa komatte.

Dhaabbanni Yihudootaa Biraaziilitti argamus dubbii Luulaa Daasilvaa Finfinneetti argamuun dubbatan kana qeeqee jira.

Yaa'ii dureewwan biyyoota Gamtaa Afrikaarratti kan affeeraman Luulaa Daasilvaa: "Waanti Sulula Gaazatti uummata Filisxeem irratti ta'aa jiru taatee seenaa keessatti waan dorgomaa hin qabneedha. Dhugaansaa yeroo Hitlar Yihudoota ajjeesuf murteessun tokkuma.

"Waraana loltootafi loltoota gidduutti gaggeeffamuu miti. Waraana humna waraanaa sirriitti qophaa'efi dubartoota akkasumas ijoollee gidduutti gaggeeffamuudha," jechuun ibsan.

Pirezidaantin Biraazil haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa'el irratti raawwate balaaleffatanis ergasii irra deddeebin haleellaa Israa'el gaggeessitu qeeqan.

Haleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessituun hanga ammaa namoonni 28,800 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa beeksise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Luulaa Daasilvaa ajjeechaa Gaazatti raawwatu duguuggaa sanyii Hitlar yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa Yihudootarratti raawwate, Holokost, wajjin wal-fakkeessunsaanii Israa'el Kibba Gaazaa Raafatti duula waraana lafoo gaggeessuf akka jirtu era beeksiftee boodadha.

Muummen Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaniyaahuu Kibba Gaazaa bakka namoonni miliyeena 1.5 jiraatanitti duula lafoo bobbaasuf akka jiran beeksisan.

Beeniyaamin Netaaniyaahuu dubbiin Luulaa Daasilvaa "duguuggaa Yihudootarratti raawwate xiqqeessufi Yihudootarraan miidhaa kan gahu akkasumas Israa'el mirga of-ittisuu qabdu kan sarbuudha," jedhan.

Dabaluunis, "Israa'el duguuggaa sanyii [Holokost] Naazifi Hitlar raawwatanitti fakkeessun sarara diimaa darbuudha" jedhan.

Bara 1930ootaa kaasee hanga dhuma Waraana Addunyaa Lammaffaatti bulchiinsi Hitlar Yihudoota miliyeena jaha lafarraa fixe.

Pirezidaantin Biraazil Finfinneetti waa'ee haleellaa Israa'el Gaazatti gaggeessaa jirtuu duguuggaa sanyii Yihudootarratti raawwatamee turetti fakkeessuu hordofee Israa'el ambasaaddara Biraazil waamtee dubbisuuf beellamtee jirti.