Pireezidantiin Somaaliyaa turtiisaanii Finfinnee adda kutuun Moqdishootti deebi'an

Pirezedantii Hasan Sheek Mohaammad

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaant Hasan Itoophiyaan yaa'ii Gamtaa Afrikaa "kabajaa hin jirtu" jechuun himatan

Pirezidantiin Somaaliyaa humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa walgahii Gamtaa Afriikaa (AU) irratti akka hin hirmaanne ''na dhorkuuf yaalan'' jechuun erga himatanii booda turtiisaanii Finfinnee addaan kutuun gara Somaaliyaatti deebi’uun gabaafame.

Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee wal hubannoo ulaa galaanaa ilaallatu erga mallatteessiteen booda, Somaaliyaan mormuun biyyoota lamaan gidduutti muddamni uumameera.

Hariiroon Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti erga qorree booda, yeroo jalqabaaf walgahii Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee kan dhaqan Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad, humnoonni nageenyaa Itoophiyaa walgahicharratti akka hin hirmaanne na dhorkuuf yaalaniiru jedhanii himatan.

Dhaabbanni oduu Turkii Anadoluun akka gabaasetti, pirezidantichi walgahii Gamtichaa guyyoota lamaaf gaggeeffamee Dilbata kora xumuramuu addaan kutuun Sambata halkan gara Moqdishootti deebi’an.

Pirezidantichi fi jilli isaanii walga’ii kanarratti hirmaachuun booda Finfinneetti gaazixeessitootaaf akka himanitti, Sambata hoteela isaanii keessaa ba’anii waajjira muummee Gamtaa Afrikaa seenuuf yeroo yaalan humnoota nageenyaa hidhataniin akka ittifaman himan.

Himata Pirezidaantiin Somaaliyaa dhiheessan ilaalchisee, Kominikeeshiniin Mootummaa Itoophiyaa BBC'f deebii barreeffamaan kenneen, akka biyya yaa’icha keessummeessituutti, Itoophiyaan nageenya keessummoota eeguuf ittigaafatamummaa akka qabdu ibse.

Dabaluunis, jiilli Somaaliyaa qaama nageenyaa mootummaan ramade hin fudhannu jechuu ibse.

Kana malees, eegdonni Pirezedant Hasan Sheek Mohaammad meeshaa waraanaa hidhatanii mooraa AU seenuuf yeroo yaalan humnoota nageenyaa Gamtichaatiin dhorkamuu eere.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan Itoophiyaa nageenya Pirezidaantichaa fi jila isaa eeguun alattis walgahicharratti hin argamnef mooraa Gamtichaa akka hin seenne hin dhorkine jechuun ibse.

Taatee Pirezedantiin Somaaliyaa na mudate jedhan kana hordofuun, Waajjirri Dhimma Alaa biyyattii haalli kun seera dippilomaasii fi idil-addunyaa kan cabsu ta’uu ibsuun, Gamtaan Afrikaa qorannoo walabaa akka gaggeessuu fi haala biyyaa teessoo muummee Gamtichaa xiinxaluu qaba jedhe.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf gara Finifinnee yeroo dhufan, kaayyoon isaanii inni guddaan Itoophiyaan walabummaa keenya sarbitee kan jedhan himachuuf turan.

"Itoophiyaan Somaaliyaarraa lafa fudhachuu barbaaddi, kana haala mijeessuuf yeroo ammaa kana qondaaltonni waraanaa olaanoo Somaalilaand keessa jiru," jechuun himatan.

Pirezedant Hasan Sheek Mohaammad waliigaltee Itoophiyaan ulaa galaanaa Somaalilaandirraa argachuu fi Somaalilaandiif beekamtii laachuuf waliigalte ''heeraan ala, seeraan alaafi fudhatama kan hin qabne'' jechuun lafa biyya biraa dhuunfachuuf jedhan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad fi Pirezidaantiin Somaalilaand Muusee Bihii waliigaltee walhubannoo (MOU) ji'a tokko keessatti hojiirra oola jedhamee, kan Somaaliyaa dallansiise kana ALI Mudde 22, 2016 mallatteessan.