'Humni nageenyaa Itoophiyaa galma walgahii Gamtaa Afrikaa ''akkan hin seenne'' na dhorkuuf yaalan'- Pirezidaantii Somaaliyaa

Madda suuraa, Villa Somaliyaa
Kora dureewwan biyyoota Gamtaa Afrikaa 37ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuf Itoophiyaa kan jiran Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Itoophiyaan wal-gahii Gamtaa Afrikaa "kabajaa hin jirtu" jechuun himatan.
''Humni nageenyaa Itoophiyaa galma wal-gahii Gamtaa Afrikaa akka hin seennef na dhorkuuf yaalaniiru'' jedhan pirezidaantichi.
‘’Ganama kana yeroon wal gahii cufaatti gaggeefamu hirmaachuuf qophaa'ee bahu, humnootni nageenyaa Itoophiyaa na danqanii akka hoteelakoo hin baane na ittisan.
Dhumarratti konkolaataa pirezidaantii biraan as dhufe. Ammas yeroo as dhufnu [Galma Gamtaa Afrikaa] ammas nu ittisan. Loltootni qawwee qabatan fuuldura keenya dhaabbatan,'' jechuun gaazexessitotatti himan.
Boodarra akka eeyyamameefi galmatti galanis himaniiru. Itoophiyaan komii pirezidaantichi kennaniif deebii kenniteetti.
''Akkuma gaggeesitoota biyyoota Afrikaa kaanii wal gahii Gamtaa Afrikaaf Finfinnee dhufanii pirezidaantii Somaaliyaafis simannaa kabajaa gooneerra.
''Akka biyya wal gahicha keessummeesituutti mootummaan Itoophiyaa yeroo biyya keessa jiranitti nageenya gaggeesitoota biyyaa hundaaf itti gaafatamummaa qaba.
''Jilli Somaaliyaa humnoota nageenya isaaniif ramadameef fudhachuu didan. Inumaayyuu humnootni nageenyaa jila Somaaliyaa waliin jiran meeshaa waraanaa qabachuun mooraa Gamtaa Afrikaa galuuf yoo yaalan humnoota nageenyaa Gamtaa Afrikaa [AUC] dhorkamaniiru,’’ jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad guyyaa har'aa, Guraandhala 17, 2024, Finfinneetti gaazexeessitootatti akka dubbatanitti, Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee wal-hubannoo mallatteessushee seera qabeessa gochuuf dhama'uusheetti baay'ee akka mufatanii jiran himan.
Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad kora dureewwan biyyoota Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuf kaleessa yeroo Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gahan Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideefi De’eetaa Ministiraa Dhimma Alaa Aadde Birtukaan Ayyaanootin simannaan godhameefii ture.
Hasan Sheek Mohaammad turtii miidiyaalee wajjin taasisaniin "Itoophiyaan lafa Somaaliyaa fudhachuu barbaaddi" jechuun dubbatan.
Itoophiyaan garuu lafa biyya kamiiyyuu ofitti fudhachuuf akka hin hojjenne himteetti.
Dabalataanis pirezidaantichi waligaltee waliif mallatteessan lafa qabsiisuf, "Ammatti qondaalonni waraanaa olaanon Itoophiyaa Somaalilaanditti argamuun haal-duree mijeessaa jiru," jechuun Itoophiyaan dubbii hammeessaa akka jirtu himan.
Itoophiyaafi Somaalilaand walii-galtee wal-hubannoo Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennu Amajjii 1, 2024 waliif mallatteessunsaanii ni yaadatama.
Walii-galteen wal-hubannoo kun gara walii-galtee seera qabeessatti kan cehu yoo ta'e, Itoophiyaan hulaa galaanaa daldalaafi buufata waraanaaf ishee gargaaru Somaalilaandirraa ni argatti jechuudha.
Gama biraan ammoo Somaalilaand Itoophiyaarraa beekamtii biyyummaa akka argattu ibsitee ture.
Itoophiyaan beekamtii kennuurra hin geenye jettee ibsite.
Somaalilaand beekamtii biyyummaa kan hin qabneefi akka qaama Somaaliyaatti ilaalamtudha. Kanarraa ka'uun Somaaliyaan Itoophiyaa wajjin hariiron dippiloomaasii qabdu baay'ee laafeera.
Itoophiyaan walabummaa koo sarbiteetti jechuun yeroo garaa garaatti hawaasa idil-addunyaatti iyyataa jirti.
Wal gahii Gmataa Afrikaa kana dursuun Somaaliyaan gamtichii fi UN dhimma wlaiigaltee Itoophiyaa fi Somaaliilaandi irratti ejjennoo ifa tahe qabachuun naaf ilaaluu qabu jechuun iyyattee ture.












