Jaalalleensaa duraanii erga himattee booda Antoniin garee biyyaalessaa Biraazil keessaa baafame

Madda suuraa, Getty Images
Jaalalleensaa duraanii miidhamuu erga himattee booda Biraazil taphataa Maanchistar Yunaayitid Antonii garee biyyaalessaa keessaa baaste.
Federeeshiniin kubbaa miillaa Biraazil, taphataan umrii waggaa 23 kun jaalalleesaa duraanii miidhuun himatamuunsaa erga ifa ba'ee booda, dhimmi kun gadi fageenyaan qoratamuu waan qabuuf garee biyyaalessaa keessaa baasuu ibse.
Himannaajaalalleen duraanii Antonii kun dhiheessite maddi oduu Biraazil UOL jedhamu Wiixata kaleessaa (Fulbaana 04, 2023) maxxansee ture.
Poolisiin magaalaa Saa'oo Pooloofi Gireeter Maanchistar himannaa taphatichi haalu kana qorataa jiraachuu ibsan.
''Himannaan kun himannaa sobaati, ragaa fakkeessanii qindeessaniiru. Ragaan gama biraan qophaa'u ammoo an himata narratti baname irraa bilisa ta'uu koo kan mul'isu ta'a,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasaarratti barreesse Antoniin.
''Qorannoon poolisiin gaggeessaa jiru dhugaa baasuun yakkarraa bilisa ta'uu ni mirkaneessa jedheen amana.''
Taphataan Maanchistar Yunaayitidiif moggaarraan fuulduratti ba'ee taphatu Antoniin, hiriyaasaa duraanii Gabreellaa Kavaliin mataa keessa rukutuun himatame.
Dubartiin kun akka jettutti haleellaan kun kan isheerra ga'e hoteela magaalaa Maanchistar keessatti argamu kutaa tokko keessatti gaafa Amajjii 15, 2023ti.
Sababa kanaan mataanshee baayyee miidhamee yaalamaa turuu himte.
Dubartiin kun laphee keessa bunyaadhaan rukutamuus himatte, sababa kanaanis harmishee namtolcheen hojjetameefii ture miidhamuun wal'aansa baqaqsanii yaaluun hanga sirrachuutti ga'uu ibsite.
Hariiroon hiriyaasaa duraanii waliin qaban gaarii akka hin taane kan ibsu Antoniin, garuu sababa kanaan miidhaa qaamaa tokkollee akka irratti hin raawwanne dubbate.
Waxabajjii darbes hiriyaasaa duraan himannaan irratti dhihaate bu'uura kan hin qabnee fi soba ta'uu ibsee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolisiin Gireeter Maachistar himannaa kana akka quba qabuu fi wantoota himannaa kanaan walqabatan hunda qulqulleessaa jiraachuu hime.
Garuu ammaaf dhimma kanarratti ibsa bal'aa kennuu akka hin barbaanne ibse.
Kilabiin Maanchistar Yunaayitid dhimma himannaa Antonii irratti dhihaate kana ilaalchisuun yaada kennu akka hin qabne BBC Sport'tti hime.
Himannaan Antonii irratti dhihaate kun kan dhagahame erga kilabiin Piriimiyer Liigii kun taphataan sarara fuulduraa Maason Giriinwuud baafamuusaa ibsee boodadha.
Dhimmi taphataa kanaa ji'oota ja'aaf qoratamaa erga turee booda murtee kanarra ga'ame.
Himannaawwan Giriinwuud irratti dhihaatan kanneen akka gudeeddii fi qoccollaa saalaa Guraandhala darbe keessa adda citanii turan.
Taphataan umrii waggaa 21 kun torbee darbe ergisaan kilaba Ispeen Geetaafee seene.
Tapha gulaallii waancaa addunyaa Boliiviyaa fi Peeruu waliin taphachuuf deeman irratti gareen biyyaalessaa Biraaziil Antonii keessaa baasuun bakkasaa taphataa sarara fuulduraa Arsenaal Gaabreel Jesuus buuseera.












