Maan Yun vs Arsenaal- Tapha diraamaan guutameefi ga'ee taphataa gatii qaalii Deklaan Raayis

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaa taphni gareensaa taphatu hundi seenaa haaraa akka himan fedha, itti amanas.
Amanteesaa kana milkeessuuf ammoo guyyuu malaa fi tooftaa adda addaa fayyadamuu hima.
Tapha diraamaan guutamee fi Arsenaal 3 fi 1n Maanchistar Yunaayitid mo'ate kanarratti gareen Arsenaal tapha fooyya'aa ta'e taphateera, kana keessatti taphataan sarara gidduu maallaqa guddaan bitame ga'ee guddaa qaba.
Arteettaan erga leenjisaa duree ta'uun gara Arsenaal dhufee tooftaa taphaa garee faallaatti hibboo ta'u hojiirra oolchuun garee kana gulantaa fooyya'aan ga'eera.
Arsenaal maallaqa guddaa paawondii miiliyoona 105 baasuun Deklaan Raayis Westi Haam Yunaayitid irraa wayita fidu, taphataa gatii qaalii kanaan jijiirama guddaa akka fidu Arteettaan sammuusaa keessatti qabateera.
Dhugumattuu Arsenaal nama akka Raayis tapha akkasiirratti waan barbaaduuf maallaqa guddaadhaan fidate.
Dhiibbaan Yunaayitid irraa Arsenaal mudate salphaa miti, dhiibbaa xiinsammuu dabalatee.
Inumaa hanga gooliin Aleyaandiroo Garnaachoo shaaramutti Arsenaal mo'amne jechuun sodaa keessa galanii turan.
Boqonnaa booda jijjiiramee kan gale Garnaachoon daqiiqaa 88 irratti gooliin galche kan olaantummaa Maanchistar Yunaayitid mirkaneessu jedhamee jala muramee ture, garuu kubbaan sun taphaan ala ta'uusheetiin (Offside) goolichi haqameera.
Battala kana caalaa wanti garee Arsenaal fi deeggartoota gammachiise hin turre.
Tapha gama lamaanuu leenjistoonnu waan eegan hin arganne turan, taphichi akkaan dhiphina keessa kan nama galchu ture.
Raawwiin taphataa umrii waggaa 24 Deklaan Raayis garuu Arsenaaliif boqonnaa kenneera.
Raayis daqiiqaa dabalataa irratti goolii ittisaa Yunaayitid Joonii Ivaansi tuqsiisee galcheen Arsenaal dursuu eegale.
Goolii Raayis galche booda daqiiqaan dabalataa xumuramee warri yunaayitid taphicha walqixaan xumuruuf wayita dhiibbaa uumaa turanitti, jifataan Arsenaal lammiin Biraaziil Gaabreel Jesuus kubbaa kophaasaa fudhatee gara gooliitti qajeeluun Arsenaal 3 fi 1n akka mo'atu taasise.
Jaallattootaa Arsenaal fi namoota tapha kana ilaalan hunda jalaa dhugaan tokko hin dhokatu, eenyu akka injifannoo kana booda ture ifadha.
Taphataan muuxannoo fi dandeettii qabu, taphataan maqaa guddaa qabu battala guddaa akkasiirratti maqaa guddaadhaan gala. Kana hundaaf gumaachi Raayis olaanaadha.
Raawwii fi injifannoon Raayis tapha kanarratti argate, taphataan kun yoomuu qaamaa qalbiin tapha gurguddaarratti Arsenaaliif jiraachuusaa mirkaneesse.
Taphicha booda Raayis akkas jedhe: ''Arsenaal kilaba guddaadha. Dhiibbaa guddaan tureera, garuu dhiibbaa kana dandamachuuf dandeettii koo sadarkaa olaanaan fayyadameera.''
''An waan haaraa barachaa of fooyyessaa deemuuf qophii guddaan qaba. Gara gulantaa itti aanuutti ce'uuf dhiibbaa uumuu qabna. Hunduu ajaayiba turan. An kolfaan namootatti dubbachuun barbaada, sana dhugoomseera,'' jedhe Raayis.
Arteettaan waa'ee Kaayi Haveertiz maal yaada kan jedhu ammas gaaffii guddaadha.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Deeggartoonni Arsenaal taphataa kanaaf miira walmakaa qabu, ija shakkiin ilaalu. Arteettaan Chelsiif paawondiin miiliyoona 65 kaffalamee taphataan kun akka Arsenaal dhufu maaliif akka barbaade gaafatu.
Taphataa dandeettii qabu garuu dandeettiinsaa itti fufiinsa hin qabne, deeggartoota Arsenaalitti bitaa gale.
Tapha kaleessa Yunaayitid waliin taphatan irratti Haveertiz balleessaa taphataan sarara ittisaa Yunaayitid Aaron Waan-Bisaalaa irratti raawwateen Arsenaal rukuttaa adabbii argatee ture, boodarra VARn ilaalamee haqameera.
Kanaan ala ga'een taphataa kanaa guddoo hin turre.
Arteettaan shakkii jedhamu kana taphataa kanarraa hin qabu, garuu garee Arsenaal keessatti ga'een Haveertiz addatti qabatee jiru maali kan jedhuu fi bara kana kilabichaaf maal dabala kan jedhu gaaffii sirrii fi ijoodha.
Gaaffii fi shakkiin akkanaa hanga yoonaa Raayis irratti dhagahamee hin beeku.
Gama Maanchistar Yunaayitidiin goolii Maarkas Raashfoordi daqiiqaa 27 irratti galcheen dursuu eegalanis, sekandiiwwan booda goolii dursaan garee Arsenaal Maartin Odegaardi galcheen walqixa ta'an.
Taphataan umrii waggaa 20 Raasmas Hooyilaand kan barana paawondii miiliyoona 72n Yunaayitid seene akkaan abdatamee ture, boqonnaa booda jijjiiramee galee dhiibbaa guddaa umus garuu yunaayitidiif bu'aa eegamu hin buusne.
Dhumarrati Arsenaal gammachuu fi kolfaan, yunaayitid ammoo gaddaa fi mufannaan dirreedhaa ba'an.
Raayis Arsenaal maaliif gatii akka itti baase mul'iseera, gara fuulduraattis akka mul'isu abdii qaba.












