'Ertiraan tasumaa Oromoon hireesaa akka murteeffatu hin barbaaddu' - Qabsaa'ota Oromoo Ertiraa turan

Ertiraan walaba taatee Itoophiyaarraa adda bahuuf waggoota 30 ol mootummaa Hayilasillaasefi Dargii lolte. Afrikaa keessatti qabsoo hidhannoo waggoota dheeraa gaggeeffaman keessaa kan Ertiraa tokkoodha.

Qabsoo hidhannoo dhaabileen akka Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi TPLF fa'aa gaggeessaa turaniif akka fakkeenyatti ilaalama.

Mootummaa Dargii kuffisuu keessattis hidhattoonni adda dureen ka'an Adda Bilisa Baasaa Ertiraa (EPLF), Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF)dha.

Mootummaan Dargii erga kufee booda, EPLF Ertiraa walabaa yoo ijaaru, TPLF olaantummaan Itoophiyaa bulchuutti seene. ABOn lamaansaanitiinuu "dhiibamee" qabsoo hidhannootti deebi'e.

Walitti dhufeenyi qabsoo Oromoofi Ertiraa walakkaa jaarraa lakkoofsiseera. Ertiraan osoo Itoophiyaarraa adda hin bahin hidhattoonni Shaabiyaa, loltoota ABO leenjisuudhaa kaasee akkaataa itti mootummaa Dargii kuffisan irratti hariiroo garaa garaa qabu turan.

Hariironsaanii kun takka jabaataa, takka ammoo laafaa, yeroo kaan ammoo lolattiyyuu isaan galcheera.

Keessumaa qabsoo hidhannoo uummanni Oromoo mootummaa Dargiifi ADWUI irratti gaggeessaa ture keessatti gaheen Ertiraan qabsoo Oromo ni miite moo ni fayyadde?

Haasan pirezidaantiin Ertiraa dhiyeenya waa'ee 'Oromummaa' maal akeeka? Walitti dhufeenyi ABOfi Ertiraa seenaa keessatti maal fakkaata kan jedhu qabsaa'ota Oromoo Ertiraa turan irraa iyyaafanneera.

"Warri Shaabiyaa kaayyoo qabsoo Oromootti hin amanan"

Pirezidaantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii guyyaa walabummaa Ertiraa waggaa 34ffaa gaafa Caamsaa 5, 2025 kabajame irratti haasaa taasisaniin mootummaa Itoophiyaa "Oromummaa" jedhanii ibsuunsanii hawaasa Oromoo bakka garaa garaa jiran heddu dheekkamsiise.

Pirezidaant Isaayas haasaa "eenyummaa Oromoorran miidhaa gahu" dubbatan jechuun hayyonni Oromoo biyyoota garaa garaa keessa jiran 85 ta'an xalayaa banaa Ertiraaf erganii, mootummaan Ertiraas deebii irratti kenneera.

Qondaala duraanii ABO kan ta'aniifi Ertiraa turan Obbo Abbaa Caalaa Lataa Ertiraan durii kaasee Oromoon akka jabaatufi of danda'u akka hin barbaanne BBCtti himan.

"Warri Shaabiyaa kuni gaaffin Oromoo gaaffii hiree murteeffannaati jennee itti hin amannu jedhanii jalqabumarraa kaasanii nutti himaniiru. Garuummoo diina tokko waliin qabna waan ta'eef isin gargaarra nuun jedhanii ture.

"Ertiraan irraa cittee Itoophiyaan hangi hafte bakka tokkotti akka bultuudha kan isaan barbaadan, malee saboonni gaaffii hiree murteeffannaa akka gaafataniifi mirgi hiree murteeffannaa akka kabajamuuf hin amanan," jedhan.

Ertiraan kaayyoosheef malee Oromoon Itoophiyaa keessatti humna jabaa akka ta'u akka hin feene kaasu qondaala duraanii ABO kun.

Akka Obbo Abbaa Caalaa jedhanitti, Ertiraan gaaffii hiree murteeffannaa sabootatti amanuu diduunshee gaaffii wal-fakkaatan biyyattii keessa jiru ni dammaqsa jettee waan amantuufi.

Keessumaa yaadi Pirezidaant Isaayaas Caamsaa darbe waa'ee "Kuushifi Seem" wal-bira qabanii dubbatan Ertiraayyuu balaarra kan buusu ta'uu kaasu Obbo Abbaa Caalaa.

Ertiraa keessa saboonni sagal jiraachuu kan himan Obbo Abbaa Caalaa, "Warra Tigrinyaa, Hamaaseen, Hakaala Guzaayi, Sieaayifi warra Kabasaa jedhamtu warra kaan karaa diinagdee, siyaasafi kaanin olaantummaa qaba," jechuun saboonni kaan gaaffii mirgaa akka qaban dubbatu.

Saboonni gaaffii mirgaa qaban kunneen irra hedduunsaanii warra Kuush ta'an kanneen akka Affaar, Kunaamaa, Saahoo, Beeniyaamir, Bileen fa'aadha.

"Keessa keessa gaaffin mirgaa belbeltee jirti. Namtichatu [Pirezidaant Isaayas] ukkaamsee jira malee," jedhu.

Itoophiyaa keessatti gaaffin hiree murteeffannaa sabootaa jabaataa yoo deeme, biyyasaanif fakkeenya gadhee ta'a jedhanii waan yaadaniif keessumaa gaaffii uummanni Oromoo hiree murteeffannaaf gaafatu cimsanii balaaleffataa akka turan kaasu Obbo Abbaa Caalaa Lataa.

Qondaala olaanaa duraanii waraana Itoophiyaa kan turaniifi boodarra Ertiraatti baqachun ABOtti kan makaman Koloneel Gammachuu Ayyaanaa dubbiin gaggeessaan Ertiraa kaasan 'Oromummaa' hundeerran waan hubate hin fakkaatu jechuun BBCtti himan.

Haasaa Pirezidaantin Ertiraa gaafa kabaja guyyaa Walabummaa waggaa 34ffaa dubbatan dhaggeeffachuu kan himan qondaalli ABO kun, Isaayas "Oromummaa kan jedhamu aktivistootarraa dhagaheeti malee hundeedhan waan hubate hin fakkaatu" jedhu.

"Haasaa sana kallattumaanin dhaggeeffadhe ani afaan Tigriffaa waanan beekuf. Guyyaa bilisummaasaanii kana waggaa waggaan isuma [Isaayaastu] haasa'a, takkaa namni biraa haasa'ee hin beeku," jechuun Ameerikaafi Wayyaanee abaaruu kana dura takkaa hambisee akka hin beekne ibsu.

Bara kana garuu ''Wayyaanee osoo hin arrabsin hafuu'' kan himan Koloneel Gammachuun barana haasaa "bilisummaa Ertiraatti gaabbuu fakkaatu" akka taasise kaasu.

Pirezidaant Isaayaas haasaa isaa keessatti "Oromummaa arrabse" kan jedhan Koloneel Gammachuun, waa'ee Kuush gaafa kaasu saboonni Ertiraa keessa jiran hedduun Kuush ta'uu dagatee "dogoggora guddaa uume" jechuun dubbiinsaa Ertiraayyuu akka diigu kaasu.

"Masawwaarraa hanga Raas Duumeeraatti, daangaa Jibuutitti, [kan warra Kuushiti]. Masawwaadhaa hanga Gala'alootti lafa warra Saahoti. Gala'aloodhaa hanga Raas Duumeeraatti lafa warra Affaari. Asmaraa irraa kiilometira 10 irraa kaasee gara Kaabatti yoo deemtu lafa warra Bileeni.

"Asmaraa irraa gara Lixaatti magaalli kiilomeetira 10 irra jirtu Liiban jedhamti. Raas Duumeeraa hanga Raas Qaazaaritti Qarqara Gaalana Diimaa irra kilimeetira 1000 warri Habashaa hin jiran [kan warra Kuushiti. Kanaaf, Ertiraa diiguu barbaade moo warri kun Kuush miti? Warri Kuush warra Seem irrati duuluf jedhu yeroo jedhan, warri kunis saboota Ertiraa warra kaanirratti duulu moo maal jechuudha?" jechuun haasaa Isaayas gaaffii akka itti uume himu Koloneel Gammachuun.

Waan Ertiraan nuuf gootes waan nu gootes yoomiyyuu hin dagannu'

Qabsaa'onni Ertiraa dursanii qabsoo hidhannoo waan eegalaniif dhaabota akka ABOfi TPLFdhaf leenjii kennaa turan.

Hidhattoonni ABO keessumaa dirree lixaa turan marsaa lama gara Ertiraa deemun leenjii lolaa fudhatanii akka deebi'aniifi warra achi deemee leenjii sana fudhate keessaa tokko akka ta'an himu Obbo Abbaa Caalaa.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa ammoo walitti dhufeenya Ertiraafi qabsoo Oromoo bifa lamaan akka ilaalan himan.

Inni jalqabaa Ertiraan jalqabaa kaasee loltoota ABO leenjisuufi bara bulchiinsa ADWUI ammoo dhaabasaanif iddoo baqaa ta'uunshee galanni akka maluuf himu.

"Oromoon marsaa lamaa sadi lafa Ertiraa irratti leenji'eera. Bu'aa Oromoon qabsoo isaatin argate keessatti guddaas haa ta'u xiqqaa [warri Ertiraa] qooda qabu," jedhu.

Bara Dargii keessa Waraanni Bilisummaa Oromoofi kan Ertiraa bara Asoosatti waliin ta'uun loltoota mootummaa Dargii lolaa turuusaanis yaadachiisun ergasii bara ADWUI ABOn waajjirasaa Asmaarratti banachuun dabballootafi loltoota achitti leenjisaa turuu kan kaasan Koloneel Gammachuun, "waan akka laayyotti hin ilaalamne" ta'uu dubbatu.

Qabxiin lammataa Konoloneel Gammachuun kaasan Ertiraan dhimma Oromoo keessaa harka baafattee akka hin beeknedha.

Gama biraan ammoo faallaa kanaa Ertiraan qabsoo Oromoo dadhabsiisuu keessatti gahee guddaa akka qabdus kaasu.

"Waan isaan nu godhanis hin irraanfannu. Yeroon isaan karaa hamminaa dhimma Oromoo keessaa harka dhaban hin jiru. Bara 1991 Wayyaanee wajjin wal-qixa qabsoo Oromoorratti kan duule mootummaa Ertiraati," jedhu.

Obboo Abbaa caalas yaaduma wal-fakkaatu kaasun, keessumaa Dargiin erga kufee bara Chaartaraa keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo akka hidhannoo hiikkatuuf warra TPLF caala dhimmaa akka turaniifi ergasii booda ammoo TPLF irra goruun Oromiyaa bakka garaa garaatti loltoonni Shaabiyaa ABO lolaa akka turan dubbatu.

Bara chaartaraa sana "nuyi dantaa keenyaf jecha Wayyaanee wajjin dhaabbanna, kanaaf isin qawwee hiikkadhaatii Wayyaanen yoo isin bulchite maal qaba? nuun jedhan," jechuun warri Shaabiyaa ifatti TPLF deeggaruun ABO mormaa turuu kaasu.

Bara Chaartaraa waraana hiikkachiisuu irratti koreen ABO, EPLF fi TPLF irraa hundaa'ee hordoffii gochaa akka ture kan kaasan Obbo Abbaa Caalaa, "Warri Shaabiyaan ramadde Wayyaanota caalaa nu rakkisaa turan. Kanaaf isaan akka Addi Bilisummaa Oromoo cimu tasumaa hin barbaadan," jedhan.

Bara 1997 waraanni ABO dirree bahaa keessaa akka bahuuf sababa kan ta'e keessaa waraanni Shaabiyaa kallattiin dhufee isaan loluun tokko akka ta'e kan kaasan Obbo Abbaa Caalaa, Ertiraan deebitee gaafa Itoophiyaa wajjin rakkoo keessa galtu ofiin ABO barbaacha akka deemte yaadatu.

"Garuu yeroo rakkoo ammoo fiiganii Adda Bilisummaa Oromootti dhufu. Guutummaan ABO dhabamsiisuuf socho'aa turan, bara 1998 Wayyaanen gaafa waraana irratti bantu, isa dura Wayyaanee bira dhaabbatanii nutti duulaa turan, nu barbaacha xayyaara chaartarii fudhatanii Moqadhishoo dhufan.

"Yeroo rakkoo nu barbaadu; yeroo isaanif ta'u ammoo nurratti duulu. Kuni amala isaaniti [amala Ertiraa]."

'ABOn Ertiraatti si'a lama akka gargar cabuuf tiki isaanii gahee guddaa qaba'

Dhaabi ABO erga mootummaa Chaartaraa keessaa baheen booda Ertiraatti waajjira banachuun waraanafi dabballoota leenjisaa ture.

Gama biraan ammoo Itoophiyaa keessatti lola mootummaa ADWUI waliin gaggeessaa tureen humnisaa rukutamee akkaan dadhabaa deeme.

Gaggeessitoota dhaabichaa Ertiraa turan gidduutti ammoo wal-dhabdee dhalateen gargar cabuufi walirratti duulun hammaatee ture.

Keessumaa gaggeessitoota dhaabichaa Ertiraa turan gidduutti garaa garummaan akka uumamuufi gargar cabuun akka dhalatuuf gaheen tika Ertiraa guddaa akka ta'e himu Koloneel Gammachuun.

"Erga lola Baadimmeetii as Wajjirri Adda Bilisummaa Oromoo teessumasaa Asmaraa erga godhatee booda Addi Bilisummaa Oromoo yeroo lama addaan cabe. Yeroo lamaansanayyuu harki tika isaanii bal'aadha.

"Keessumaa bara jijjiirama jedhamee Jeneraal Kamaal fa'aa bahan Kaapteen Darajjee Waltajjii fa'aarraa jalqabee namoota gara 50 ta'antu Ertiraa keessatti ajjeefame. Kaapteen Darajjee Waltajjii harka warra Isaayas [tika Ertiraa]tti ajjeefame. Kaapteen Darajjee Waltajjii humna qilleensaa Itoophiyaa keessatti beekamaa nama tureedha," jechuun Ertiraan gargar cabuu ABO keessaallee akka harka qabdu yaadatu.

Ertiraan qabdsoo Oromoo akka dadhabsiistu osoo beektanuu akkamiin achi turuu filattan? kan jedhuuf furmaanni biraa caalu yeroo sanatti akka hin turre himan Koloneel Gammachuun.