Lammiin Itoophiyaa Loos Anjalas jiraatan waa'ee balaa abiddaa magaalattii mancaasee maal jedhu?

Balaan abiddaa Ameerikaa kutaa Los Anjalasitti erga mudatee torban guute lubbuu hedduu gaaga'ee qabeenya guddaa mancaasera.
Balaa abidda hamaa kutaa biyya Ameerikaa Loos Anjalas guyyootaaf hubaa jiruun hanga yoonaa lubbuun namoota 24 darbuufi 24 ammoo achi buuteen dhabamuu aangawootni himaniiru.
Abiddi akkaan saffisu qabeenya dolaara biiliyoona hedduun lakkaa'amu mancaase. Kumaatamni qe'eefi qabeenya isaanii dhiisanii lubbuu of oolchuf baqataniiru.
Lammiilen Itoophiyaa magaala Loos Anjalas keessa jiraatan haala itti jiran iyyaafanneera.
Dr Guddataa Hinikkaa magaalaa Loos Anjalas Giddugala Medikaalaa Hospitaala Kaaliforniyaa keessa hojjetu.
Ogeessa fayyaa beekamaa Itoophiyaa keessattis kollejjii fayyaa Nageellee Arsii jedhamu hundeessaniidha. Balaa abiddaa Loos Anjalas mudate kanaan hanga ammaa lammileen Itoophiyaa du'anis ta'ee miidhan irra gahe akka hin jirere BBCtti himan.
Balaan abiddaa magala Loos Anjalasitti mudate kun baay'ee hamaafi miidhaa guddaa kan qaqqabsiise ta'uusaa waan arganiifi haala jiraattonni magaalattii balichaan miidhaman keessa jiranis BBCtti himaniiru.
"Mana gubate baay'etu jira, [manneen gubatan] kana hundarra deemanii gaafa ilaalan namoota [du'an] baay'ee [argu] jennee yaanna. Qabeenyi biyyaa baay'ee barbadaa'e, namnis baay'ee xagarame [rakkate]," jedhu.
Lammiilen Itoophiyaa isaan beekan kan du'e ykn qabeenyi duraa manca'e yoo jiraatef gaafannee, "Balaa hamaa ture, garuu Waaqayyo bira nu dabarsee nu dandamachiisera. Namni Oromoo [kan miidhame] ka nu beeknu hin jiru.
"Garuu namni adiin namni biyyanaa kan waliin hojjannu, kan walitti dhufeenya hawaasaa keessatti beeknus, kan ollaa ta'es baay'ensaanii kan qabeenyi jalaa manca'e jira. Kan du'es namni tokko kan beeknu jira," jechuun haala magaalattii keessa jiru himu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsa Kaalifoorniyaa keessatti balaan abiddaa irra deddeebin ni mudata. Garuu kan alanaa baay'ee cimaafi mancaatii guddaa kan qaqqabsiisedha jedhama.
Balaa abiddaa baraa kanaa wantoonni hammeessan heddu jiraachuu kan himan Dr. Guddataan, haalli qilleensaa ijoo akka ta'e kaasu.
"Balaan baay'ee naannoo Kaalifoorniyaa kanatti kan hammaatuf waan baay'edha. Tokkoffaan lafti baay'ee gogaadha. Naannoon isaa manni walitti dhiyaatee ijaarama," jechuun bubbeen saffisa guddaan deemu caalmatti balaa abiddaa kana akka hammeesse dubbatu.
Bubbeen Santa Ana jedhamu Kaalifoorniyaa keessatti yeroo yeroodhaan kan ka'u yoo ta'u, balaan abiddaa yeroo mudatu ammoo abiddicha dhaamsuf haala rakkisaa uuma.
Bulchiinsa kana keessatti bubbeen Santa Ana yeroo tokko tokko waggaatti hanga si'a 20 yeroon itti mudatu jira.
Waktii gogiinsaa kanatti mudachuunsaa ammoo balaa abiddaa Loos Anjalasitti mudate garmalee akka hammaatu gochuusaa ragaan meetirolojii Ameerika ni ibsa.
Magaala Loos Anjalas kan jiraatan Dr. Guddataan ammoo saffisi bubbee Santa Ana bara kana kan durii caala dachaa heddu akka dabale dubbatu.
"Santa Ana kan jedhamu kun waggaa waggaan inuma dhufa. Kan baranaa ammoo bubbeen saffisnisaa baay'ee guddaa ta'ee dhufe, kanaan dura sa'aatii tokkotti saffisa maayilii 330 hanga 340 yoo ta'u baay'ee guddaadha jenna ture.
"Kan baranaa naannoo abiddichi itti qabatee dhaabuu dadhabanitti sa'aatii tokkotti maayilii 1010 deema. Rabbi sitti ha agarsiisu! Abidiichi mana tokko gubee mana biraatti akkuma rasaasaa dhuka'ee deemaa ture," jechuun dhaamsufillee rakkisaa akka ta'e kaasu.













