Sababni ka'uumsa ibidda bosonaa Los Anjalas maali? Miidhaa hangamii geessise?

Sababa abidda bosonaa guyyootaaf Los Anjalas gubaa jiruun yoo xiqqaate namootni 11 du'aniiru. Gamoo fi manneen jireenyaa dhibbaa heddutti lakkaa'aman gubataniiru. Jiraattonni gara kuma 180 ta'an naannoo sana akka gadhiisan taasifameera
Namoonni abidda dhaamsan kumaatamaan lakkaa'aman carraaqqii godhanis, ammallee ibiddi hangi tokko hin to'atamne.
Haalli qilleensaa fi dhiibbaan jijjiirama qilleensaa balaan kun ammallee kan hin dhaabbannee fi itti fufu akka danda'u akka taasisutu eegama. Qophiin qondaaltonni balaa kana to'achuuf qaban irrattis qorannoon cimaan taasifamaa jira.
Lakkoofsi namoota balaa ibiddaa kanaan du'anii dabaluu akka hin hafnellee qondaaltootni kan himan.
Miidhaan hanga yoonatti ga'e hagami?
Jiraattonni magaalaa Los Anjeles gara 180,000 ta'an mana isaanii gadi dhiisanii akka ba'an ajajni kennameera. Baay'een isaanii meeshaa baachuu danda'an qofa qabatanii mana isaanii baqatan.
Jiraattonni kuma 200 ta'anis baqachuuf akka qophaa'an akeekkachiifni kennameera. Kana jechuun namoonni kun yeroo dhiyootti ajajni naannoo sanaa gadi dhiisaa ba'aa jedhu isaan qaqqabuu danda'a jechuudha. Namoonni 60,000 dabalataas balaadhaaf saaxilamaniiru.
Qondaaltonni akka jedhanitti yoo xiqqaate namoonni 11 lubbuun isaanii darbeera.
Ibidda kanaan gamoo kuma 10 ol kan barbadaa'e yoo ta'u, manneen jireenyaa gara 5300 ta'anis gubataniiru. Kun seenaa biyyatti keessatti kan ta'ee hin beeknedha. Kanaanis Kasaaraan doolaara biiliyoona 8 (£6.5bn) ol ta'u qaqqabeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka hogganaan poolisii Los Anjeles Robert Luna jedhanitti, saamichaa fi hanni naannoo tokko tokkotti babal'ateera. Hanga ammaatti namoonni 20 to'annoo jala oolaniiru.
Kamisa darbe naannoo magaalaa 'West Hills' keessatti ibiddi haaraan ka'ee ture. Namni tokko ibidda kana kaasuun shakkamee to'annoo poolisii jala ooleera.
Sababni ibiddaa kanneen biroo hanga ammaatti kan hin beekamnee fi qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.
Haalli ibiddaa Kibba Kaalifoorniyaa "garmalee hamaa" irraa gara "giddu galeessa"tti gadi bu'uun isaa namoota ibidda dhaamsuuf wal'aansorra jiraaniif abdii xiqqoo uumeera.
Akka ragaa raaga haala qilleensaa BBC Saaraa Keet-Luukaasitti yoo xiqqaate hanga torbee dhufutti naannoo sanatti roobni akka hin roobne dubbatti. Kun garuu ibiddaaf caalaatti akka mijatu ibsite.
Naannolee magaalattii irra caalaatti humni ibsaa addaan citee jira. Dhiphinni tiraafikaas uumameera. Manneen barnootaa hedduun fi Yuunivarsiitiin Kaalifoorniyaa, Los Anjelees (UCLA) cufamuuf dirqamaniiru.
Namoonni abidda dhaamsan bishaan dhabuu isaanii erga beeksisanii booda waldhabdeen siyaasaa uumameera.
Pireezidaantiin Ameerikaa haaraa filaman Doonaald Tiraamp qeeqa dhiyeessaniiru.
Hogganaan balaa ibiddaa kutaa Los Anjeles, Anthony Marrone ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin namoonni ibidda dhaamsan bishaan akka dhume ykn dhiibbaan bishaaniin rakkoon isaan mudachuu gabaasa tokkollee akka isaan hin qaaqabsiifne himaniiru.
Hogganaan balaa ibiddaa Paasadena Chaad Augustine akka jedhanitti naannoon kun yeroo gabaabaaf dhiibbaan bishaanii gadi aanaa ta'eera. Boodarra garuu rakkoon hundi furmaata argateera jedhan.
Itti dabaluudhaanis, mootoroonni hedduun yeroo tokkotti bishaan paampii gochuu fi humni ibsaa addaan cituun dhiibbaan bishaanii gadi bu'uuf sababa ta'uu ibsaniiru.
Ibiddi naannawa kam gubaa jira?
Qondaaltonni akka jedhanitti balaa ibiddaa Kaalifoorniyaa kun kallatti shaniin itti qabatee ture.
Palisades : Ibiddi jalqabaa Kibxata darbe dhohee fi naannicha keessatti isa guddaa yoo ta'u, seenaanaannawa sanaa keessatti ibidda barbadeessaa isa guddaadha.Lafa guddaa kan gube yoo ta'u, naannoo gabaa olaanaa Paasifik Paalisaades dabalatee lafa heekkara 21,000 ol gubeera . Hanga Jimaata ganamaatti %8 qofatu to'atame.
Eyatan: Ibiddi kun kutaa kaaba Los Anjeles kan qabate yoo ta'u magaalaa akka Altadena faa barbadeessera. Ibidda guddaa naannoo sanatti ka'e lammaffaa yoo ta'u, tilmaamaan lafa hektaara 14,000 gube. Dhibbeentaa sadii qofatu to'annoo jala oole.
Liidiyaa: Kibxata waaree booda naannoo gaarreen kaaba Los Anjeles keessatti eegale. Lafa gara hektara 400 ol gubeera Angawoonni akka jedhanitti dhibbeentaan 98 to'annoo jala ooleera
Kennet: Ibiddi haaraan kun Kamisa darbe naannawa daangaa Los Angeles fi Ventura irratti ka'e. Hanga ammaatti lafa eekkara 1,000 ol uwwiseera. Angawoonni akka jedhanitti, abiddi kun dhibeentaan 50 to'atamee jira.
Ibiddi kanaan dura Sunset, Woodley fi Olivas tti ka'ee ture to'atameera.
Jijjiiramni qilleensaa gahee akkamii qaba ture?

Madda suuraa, Getty Images
Qilleensi cimaa fi rooba dhabuun ibidda kanaa hammeessus walumaa galatti dhiibbaan haala qilleensaa carraa ibidda bosonaa dabalaa jira jedhu ogeeyyiin.
Ibidda bosona guddaa fi hamaa dhiha Ameerikaa keessatti mudate duuba jijjiiramni qilleensaa akka jiru qorannoon mootummaa Ameerikaa ifatti agarsiisa.
"Jijjiiramni qilleensaa, ho'i dabaluu, gogiinsa yeroo dheeraa fi naannoon hanqina bishaanii qabu balaa guddina uumamuu ibidda bosona Los Anjeles kanaaf sababoota ijoo ta'aniiru," jedha Bulchiinsi Galaanaa fi haala qilleensaa Biyyaalessaa Ameerikaa.
Keessattuu Kaalifoorniyaan ji'ootaaf hanqina roobaafi bonaa baayyee ho'aa ta'e hordofuun balaa ibiddaaf saaxilamtuu taateetti.
Kibba Kaalifoorniyaatti yeroon ibiddaa Caamsaa hanga Adoolessaatti akka turu eegama. Bulchaan kutaa biyyattii Gaavin Newsom kanaan dura ibiddi kun rakkoo itti fufiinsa qabu ta'uu agarsiisaniiru. "Ji'a ibiddaa miti, bara ibiddaati" jedhe.












