Abbaan alangaa Netaaniyaahufi Puutin akka hidhamaniif qabsaa'an Kariim Khaan eenyu?

Dhiyeenya Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC) Muummee Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuufi gaggeessitoota Hamaas irratti ajajni hidhaa akka bahuuf gaafatee ture.

Sana duras pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutin akka to'atamaniif ajaja dabarseera.

Manni murtichaa akka jedhutti gaggeessitoonni kun waraana keessatti hirmaataniin wal-qabatee yakka waraanafi namoomaa raawwachuun shakkamaniiti murteen kun irratti darbe.

Dhimma kana ammoo hordofaa kan jiran abbaa alangaa olaanaa Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa kan ta'an Kaarim Asaad Ahmad Khaan jedhamu.

Kaarim Khaan iyyata dhaddacha Mana Murtii Yakka Idil-addunyaarratti dhiyeessaniin, Muummen Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahufi gaggeessaa Hamaas kan ta'e Yaahyaa Siinwaar yakka waraanafi namoomaa raawwachuusaanii "ragaa amansiisatu jira" jedhan.

Gaggeessitoonni Hamaas kanneen akka Ismaa'el Haniyyaa, Mohaammad al-Masrii, akkasumas Ministiirri Ittisaa Israa'el Yo'aav Gaalant yakka waraanaafi namoomaan himatamaniiru.

Ofii abbaan alangaa Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa Kariim Khaan eenyudha?

Iskootlaandii hanga Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa

Kariim Khaan bara 1970tti Iskootlaand, magaala Edinbiraah keessatti dhalatan. Abbaansaanii Dr. Saa'id Ahmad lammii Paakistaan yoo ta'an haati Kariim lammii Biritaaniyaati.

Kariim Khaan bara 1992tti barnoota seeraan digrii argatanii hojii eegalan. Ogummaa seeraan muuxannoo waggaa 30 olii kan qaban yoo ta'u, ogeessa seera idil-addunyaafi abukaatoo mirga namoomaatis.

Abbaa alangaa ta'uunis waggoota hedduuf tajaajilaniiru. Sadarkaa biyyaafi idil-addunyaatti namoota miidhamaniif abukaatoo ta'uu mana murtii dhaabatanii falmaniiru; gorsaa seeraa ta'uunis tajaajilaniiru.

Mana Murtii Yakka Idil-addunyaatti dhaddacha akka dhaddacha idil-addunyaa Ruwaandaa, dhaddacha idil-addunyaa Yugozlaaviyaa, kan Koloombiyaa, Libaanosifi Seraaliyoon irratti hirmaataniiru.

Abukaatoo ilma Gadaafii

Kariim Khaan abbaa alangaa Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa ta'anii tajaajiluun alatti bara 2016 hanga 2018tti ilma pirezidaantii duraanii Liibiyaa Mohaammar Gadaafii kan ta'e Saayif al-Islaamif abukaatoo ta'uun hojjataniiru.

Bara 2017 hanga 2018tti pirezidaantii Mana Maree abukaatowwan Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC) akkasumas sadarkaa idil-addunyaatti ambsaaddara Waldaa Abukaatota Afrikaa ta'aniiru.

Bara 2018tti gorsaa barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guteerez ta'anii tajaajilan.

Bara 2021tti Walgahii walii galaa UN Niiw Yoorkitti gaggeeffamerratti abbaa alangaa Mana Murtii Yakka Idil-addunyaa ta'uun filaman.

Manni Murtii Yakka Idil-adunyaa bara 2002 erga hundaa'ee as abbaa alangaa sadaffaa ta'uun tajaajiluu isaaniti.

Kariim Khaan erga filamanii gaggeessan biyyaa yakkan himatamuun ajajni hidhaa ICC irraa irratti bahuun kan MM Beeniyaamin Netaaniyaahuu kan jalqabaa miti.

Bara darbe pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutin irratti ajajni hidhaa baheera. Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa ajaja kana Puutin irratti akka baasu namni gahee guddaa taphate abbaa alangaa Kariim Khaanidha.

Ajajni hidhaa Pirezidaant Puutin irratti bahuu hordofee Raashiyaan Kariim Khaanifi abbootii alangaa ICC biroo sadirratti qorannoo banuun abbootii alangaa murtee kana dabarsan "namoota yakkaan barbaadaman" jechuun ibsite.

Murtee ICC kana hordofee Puutin walgahii BRICS Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamerratti osoo hin hirmaatin hafan.

'Eenyuyyuu seeran ol miti'

Dhiyeenya kana miidiyaa Ameerikaa CNN waliin turtii godhanii kan turan Kariim Khaan, himannaa [Beeniyaamin Netaaniyahuu irratti dhiyaaterratti] jecha "sanyii balleessuu" jedhu maalif akka fayyadaman gaafatamanii ture.

"Qorannoon kun ammayyuu hin xumuramne" jechuun himanni dhiyaate duguuggaa sanyii (genocide) kan jedhu akka hin taane ibsan.

Gaazaa seenanii qorannoo gaggeessuf Israa'el hayyamuu diduu kan himan abbaan alangaa kun, tarkaanfin itti aanu abbootin alanagaa ICC walgahanii ajajni hidhaa bahuu qabamoo hin qabu kan jedhurratti akka murteessan dubbatan.

USfi Israa'el seera Mana Murtii Yakka Idil-addunyaatin hin gaggeeffaman. Ajajni hidhaa akka bahu gaafatamuun "gaddisiisadha" kan jedhan Baayidan, Israa'elifi Hamaas wal-dorgomsiisun tasumaa ta'uu akka hin qabne kaasanii ture.

Netaaniyaahun gamasaanin ajajni hidhaa akka isaan irratti bahu jedhamuutti "dogoggora seenaa" ta'uu himuun Israa'el sirna haqaa bilisa qabdi jedhan.

Yaada Netaaniyaahun kennan ilaalchisee CNN irratti dhiyaatanii kan gaafataman abbaan alangaa ICC Kariim Kaan, "eenyuyyuu seeran olii miti" jedhan.