Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baay'ee kan odeeffameef pirojektiin Dubaay ‘Addunyaa’ guddichi maalirra gahe?
Waggoota digdaman darbaniif Dubaayi pirojektoota gurguddaa ajaa'ibsiisoo ta'an addunyaa kanaa raawwattee jirti.
Gamoo dheeraan addunyaa kanaa Burj Kaaliifaa, Hoteelli ismaartii addunyaa kanaa Burj al-Arab fi ‘‘odolowwan Paalm’’ guddicha qarqara galaanaa kanneen ittiin addunyaa ajaa’ibsiifte keessaayi.
Haata'u malee, karoora pirojaktii doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu itti bahee tokkos ifa gootee ture. Kunis pirojektii baayyee walxaxaa boca ardiiwwan addunyaa kanaatiin ijaaramuu fi odolawwan nam-tolchee 260 qabuudh.
Pirojaktiin kunis erga hojiinsaa eegalee waggaa 20 ol lakkaaofsiisu illeen hanga ammaatti irra caalaansaa duwwaadhuma jira.
Ofii ''odolawwan Addunyaa'' maaltuu mudatee?
Yaadni pirojaktiin kanaas kan maddisiifame garee odolawwan boca ardiiwwan addunyaa: Afriikaa, Antaartiikaa, Eshiyaa, Awurooppaa, Kaaba Ameerikaa, Oshiiniiyaa fi Kibba Ameerikaatiin ijaaraman 260 kan hammatuudha.
Pirojektiin kunis kan hojjatamu qarqara galaanaarraa fageenya km 4 irrattidha.
Tokko tokkoo odolaatiis moggaasa maqaa qabu. Mogaasni kennameefis biyya, magaalaa ykn bulchiinsa ardiiwwan keessatti argamuniidha.
Karoorri isaas kubaaniyoonni dhunfaa addunyaarra jiran akka odolicha irratti dhaabbilee kan akka hoteelaa, reesitoraantii, riizooltiiwwan ykn manneen jireenyaa odolicharratti ijaaruun, dowwattoonni ammoo miira aadaa addunyaa garaagaraa argan gochuuf ture.
Dhaabbanni mootummaadhaan deeggaramuufi Naakheel Piropartis jedhamu, odola nam-tolchee 'Palm Jumeirah' jedhamu xumureerra. Odolicharrattis manneen baayyee qaalii ta'an 4,000 fi hoteeloota hedduu kan qabuudha.
Odoliwwan qarqara galaanaa ammoo misooma kana caalaa guddicha akka ta'uf yaadamu ture hojiinsaa kan eegalame.
Odoliwwan kunneenis Dubaayi dabalataa qarqara galaanaa dheerina km 230 kan kennaniifiidha.
Kunneen hundis lakkoofsa turistootaa akka dabalu abdatamee ture.
Pirojaktiin addunyaa Dubaayi kan labsame bara 2003 keessa bulchaa Dubaayi, Sheek Mohaammad Al Maaktuumiin ture.
Pirojaktiichi attamiin ijaarame?
Naakheel baruma walfakakataatti ijaarsa Odolawwan Addunyaa hojjachuu eegale.
Odoliwwan kunneenis ciracha meetiri kuubuu miiliyoona 321 qaloo galaana Faarisii dhufeen kan ijaaramaniidha.
Haata'u malee qorattoonni sirn naannoo (ecologists) hojiin qotiinsa galoo galaana Faarisiitti raawwatamen qaamoolee bishaan bakkichaa miidheera jedhan.
Naakheelis eddoowwan balaaf saaxilaman akka bayyanatan taasisuu oggeessoota baayiloojii galaanaa mindeesse.
Naakheel ijaarsa odolawwan kanneenii fi naannawasaa bara 2008tti ijaaree xumure. Isaan keessaayis kan parsantaa 70 ta'an misoomsota dhuunfaatti gurgureerra.
Haata'u malee, sababii hanqina maallaqaa bara 2007tti Dubaayi mudateefi hanga 2010ttis itti fufee jiruutiin ijaarsi pirojaktoonni odolawwan kanneen irratti karoorfaman osoo hin eegalamiin adda cite.
Yeroo ammaatti, Dubaayitti gatii manneenii haalaa gadi bu'eera. Kunis misoomtoonni dhuunfaa hedduun akka karoorasaanii dhaaban ykn akka haqan dirqisiiseera.
Naakheel gamasaatiin idaa doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu keessa gale.
Carraan pirojektichaatis rakkoo keessa wayita seenee bara 2009tti yeroo biyyi ollaa Abuu Daabiin qaqabuun invastimantii doolaara biiliyoona 10 Dubaayi keessatti taasifteetti rakkoo keessa ture.
Adu Daabinis maallaqicha kanfaluudhaan itti gaafatamummaa dhaabbata Naakheel irraa fudhatte.
Eeddichatti kan ijaarame maaliidha?
Pirojaktichaaf xiyyeeffannoo hawwachuudhaaf jedhames, Nakheel odola Laaplaand irratti bakka agarsiisaa qopheesse. Odola tokko ammoo mana xumura waliin, dorgommii konkoltaataan shaampiyoonaa addunyaa Formula-1 irratti kan ture Maayikiil Shumaakiriif kennaadhan kenne.
Bara 2012tti ammoo, Kilabii Qarqara Galaana Odolaa (Royal Island Beach Club) odola Leebaanoon irratti saaqe. Innis reezortii reestooraantiiwwanii fi mana dhugaatii qabuudha.
Bara 2022tti ammoo odoliwwan Addunyaa Antaartikaa saaqame. Riizoortiin kunis kutaa ciisichaa hoteelotaa, manneen viilaa fi ispaawwan kan qabudha.
Haata'u malee odoliwwan hunda jedhamun danda'amun sadarkaa cirracha uffateetti hafe.
''Rakkoo pirojaktii 'Addunyaa' kanaa inni guddaa tokko, faallaa Palm, Dubaayi waliin hidhata qamaa hin qabu'' jedhan Yunvarsitii UK. Niiwkaaslltti pirofesar Joograafii fi barreessaa kan ta'an, Alaastar Booneet.
''Namni tokko odolicha bira konkolaataan akka gahuuf riqichi hin jiru. Akkasumas daandiiwwan odolawwan kanneen walitti hidhanis hin jiran,'' jedha.
Misoomsitoonni hojjattootaa fi meeshaalee ijaarsaa bakka ijaarsaatti geejjibuudhaafi odoloota irratti bishaaniifi elektirika dhiyeessuuf rakkkataniiru.
Geejibni dowwattoonni gara odolawwan kanneenii ittiin dhaqan tokkichi bidiruu Paalm Jumeeraah irraa ka'u qofaadha.
Gara fuulduraatti maaltu ta'a laata?
Waggoota kurnan darban keessa, Gareen Kilaayindiiyast Dubaay keessatti bu'ureeffateefi nama hojii umuu lammii Awustiraaliyaa Jooseef Kilaayindiiyasitiin hundeeffameefi durfamu, pirojektii 'The Heart of Europe' jedhamu hojjataa jira.
Doolaara biiliyoona shan baasuudhaanis Jarman, Monaakoo, Siwiidiin fi Veenas (maqaa odolootaa) irratti hoteeloota bashannannaa, manneen jireenyaa dhunfaa fi viillaawwan bishaan irra bolola'an ijaaruuf karoorfameera.
Yeroo qilleens baayyee ho'uutti dowwattoonni kan ittiin rooba nam-tolchee keessa ittiin socha'an 'Daandii Roobaa' (Raining Street) qaba.
Pirojaktiin wal xaxaan kunis bara 2026tti tajaajilaaf banaa akka ta'u karoorfameera.
Naakheel odolawwan 260 hunda ''akka ardiitti'' walitti hidhuudhaaf bu'uraalee misoomaa akka hojjataniif kontraaktaroota mindeesee hojjachiisa.
Haala karoora jalqabaatti, tokkoon tokkoo odolaa madda ibsaa fi dhiyeessitii bishaan mataasaa akka qabaatu yaadamee ture. Haata'u malee kun baayyee qaaliifi hojiirra oolchuuf rakkiisaadha.
kanaafu karoorri tokko, odolawwan walitti hidhuudhaan akka tajaajila ibsaafi bishaanii jidduugala tokkoorraa argatan taasisuudha.