Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obboolaa lakkuun daa'imummaatti gurguraman Tiktokiin wal argan
Emiifi Anoon lakkuu wal-fakkaatoo (identical twins)dha. Haata'u malee, akkuma dhalataniin haadhasaanii irraa fudhatamanii maatii garaa garaatti gurguraman.
Shamarran lamaanuu yoo seenaa isaanii qorachuu jalqaban, daa'imman kumaatama Joorjiyaatti hospitaalaa hatamanii gurguraman keessaa tahuu baran.
Hamma bara 2005tti Joorjiyaa keessatti daa'imman hatamanii gurguramu ture. Ammas ijoolleen kunneen gaaffii hin deebiineef deebii barbaadaa jiru.
Emiin fi obboleettii ishee Anoon amma carraa wal-arguu isaanii fayyadamuun maaliif akka adda baafaman baruu barbaaddu.
Obboleettii Emiin Anoon barcumarra teessee viidiyoo TikTok daawwachaa, ''kan nu gurgurte dubartii kana ta'uu danda'a, '' jetti haala qoosaa fakkaatuun. Anoon baayyee aartee jirti.
Wal-arguun isaanii kun imala dheeraa ture. Joorjiyaa hanga Jarmanii deemanii dhiiga isaanii barbaadaa turan. Dhumarrattis haadha isaan deesse argataniiru.
Waggoota lamaan darbanitti maaltu akka uumame yeroo adda baasaa turanitti Joorjiyaatti hospitaala keessaa daa'imman kumaatamaan lakkaa'ama waggoota kurna darban keessatti hatamanii akka gurguramaa turan baran.
Dhimmicha irratti qorannoon ifaa gama mootummaan geggeeffamaa jiraatus hanga ammaatti garuu namni itti gaafatamaa tahe hin jiru.
Akkaataan Emii fi Anoon itti wal baranis, yeroo daa'ima umuriin lachuu waggaa 12 turan irraa eegala.
Emiin mana akkooshee teessee osoo TV ilaaltuu saganataa Taalant Shoo (Talent SHow) irratti shamarree daansii agarsiistu argiti. Isheenis, kan ishee fakkaattu qofa osoo hin taane, lakkuu ishee kan fakkaattu turte.
''Namoonni haadha kootti bilbilanii Emiin maqaa biraan maaliif daansii dorgomti?'' jedhanii gaafachaa turan.
Emiin maatiisheetti himtus maatiin garuu badaa dhimma kennanii ishee hin dhageenye ture.
Waggaa torba booda garuu bara 2021tti Emiin rifeensa halluu cuqulisaa dibattee, nyaara irratti faaya keewwattee viidiyoo TikTok irratti gadhiiste.
Magaalaa guddoo biyyattii Tibliisii irraa fageenya km 320 firratti kan jiraattu Anoo Sartaaniyaatti viidiyoon Emii itti ergama. Viidiyicha argitee, ''nama ana fakkaattu, namatti tola,'' jetteema itti dhiiste.
Anoon, Emii shamarree rifeensa cuqlisaa kana nyaara irratti faayaa keewwattu barbaaduu jalqabdus argachuu hin dandeenye. Boodarra viidiyoo sana garee WhatsApp yunivarsiitii irratti qoodde. Achinis namni Emii beeku Feesbuukii irratti wal isaan quunnamsiise.
Emiin shamarreen isheen Taalanti Shoow Joorjiyaa irratti daawwachaa baate sun Anoo tahuu battalumatti barte.
Emiin, ''yeroo dheeraaf si barbaadaan ture,'' jechuun isheef barreesiti. Anoo, ''anis akkasuma si barbaadaan ture,'' jechuun deebiftiifi.
Guyyoota ittaanan keessattis waan wal-fakkaatu baayyee akka qaban baran, garuu kun hundi isaaniif galuu hin dandeenye.
Lammaan hospitaala haadhoolii Kirtiskii jedhamutti dhalatan-hospitaalichi amma hojiirra hin jiru. Akka waraqaan ragaa dhalootasaanii agarsiisutti, garuu torban muraasa walirraa fagaaataniitu dhalatan.
Haala kanaan lakkuu dhiisii obbolaayyuu hin tahan. Garuu waanti wal isaan fakkeessu baayyeetu jira.
Muuziqaa wal-fakkaataa jaalatu, rifeensa isaanii akkatti qabsiifatanillee wal-fakkaataa. Dhukkuba lafee wal-fakkaataa akka qabanillee baruu danda'an.
Emiin, ''waa'ee Anoo waan tokko yeroon baruu, dhimmichi walumajalaan bulee haaraa tahuu jalqaba,'' jetti.
Tibiliisii buufata baaburaa Rustaaveeliitti yeroo jalqabaaf torbee tokko booda qaamaan wal-argan.
''Ishee gaafan argu hamman ofiin daawwitii keessatti argaa jiruutti, sagalee keenya tokkuma. Isheen ana, anis isheedha,'' jetti Emiin yeroosuma lakkuushee akka taate barte.
Anoon, ''nama hammachuu hin jaaladhu, ishee garuu nan hammadha,'' jetti.
Maatii isaanii gaafachuuf murteessuun, qofa qofatti garaa garumma torbanootaan bara 2002tti akka guddifachaan fudhataman baran.
Emiin akkaan gadditee jireenyishee marti soba akka ture yaadde. Miilaa hanga mataatti gurraacha uffattee. Imimmaan kuulii gurraacha qabu haqachaa, ''seenaa raajii taheedha, garuu dhugaan dhuma,'' jetti.
Anoonis maatiisheetii aarte garuu dhimma ulfaataa kana maatii wajjin haasa'uun akka darbu barbaaddi.
Lakkuun kunneen seenaa isaanii gadi fageenyaan qorachuun waraqaan ragaa dhalootasaanii ammaa kan sobaa akka tahe baran.
Haati Emii mucaa dahuu hin dandeenye. Kanaaf, hospitaal keessa daa'imni hin barbaadamne akka jirtu dhageesse. Doktaraaf kaffaltee manatti fudhattee akka kan ofiisheetti guddisuu akka dandeessu itti himame.
Haati Anoos akkasuma seenaa wal-fakkaataatu itti himame.
Maattiin lakkuu kana guddifachaan fudhatan lakkuu ta'uu isaanii hin beekan ture. Adeemsi itti isaan fudhatanis seeraan ala akka tahes hin beekan ture.
Ijoolleen kunneen argachuuf qarshii guddaa kaffaluu himanillee maatiin hamma qarshii ibsuu hin barbaanne.
Emiifi Anoon maatiin isaanii dhiigaa bu'aa argachuuf jedhanii isaan gurguranii yoo taheef yaadda'aa jiru.
Emiin dhimma kana baruuf haadha isaan deesse barbaaduu jalqabde. Anoo garuu shakki qabdi, ''nama si gante yoo tahee hin beekne argachuu barbaadda,'' jettee gaafateen.
Emiin garee Feesbuukii maatiifi ijoollee seeraan ala yeroo dhalatan fudhataman wal-quunnamsiisu irratti seenaa isaanii qoodde.
Achii shamarreen tokko Jarmanirraa haatishee bara 2002tti hospitaala haadholii Kirtiiskiitti dahuu fi akka du'an itti himamuu garee sanarratti deebii kenniti.
Qorannoon DNA erga taasifameen boodas shamarreen sun obboleettii Emii akka taate barame. Isheenis haadha isaanii dhiigaa wajjin Azaa -Jarman keessa jiraatti.
Emiin obboleettiishee Azaa argachuu barbaaddi. Anoon garuu ammas shakki qabdi. Tahus Emii wajjin gara Jarmanii deemuun ishee deeggarte.
Garee Feesbuukii miseensota 230,000 qabu kan Emiin seenaa isaanii irratti qoodde irratti dubartoonnii ijoolleen isaanii akka du'an itti himame biroon duuti isaanii galmeerra akka hin jirre gaafa baran, ijoollee isaanii lubbuun jiraachuu danda'an barbaadaa jiru.
Garee kanas, gaazexeessituu Taamunaa Museeridzee jedhamtutu bara 1970 hanga 2006tti gabaan gurraachaa daa'immanii (Children's black market) Joorjiyaa keessa akka ture baruun maatiin akka wal-argan bara 2021tti hundeessite.
Akka isheen jettutti, ''daa'imman hanga 100,000 ta'an hatamanii kan turan maatiisaanii waliin wal-arganiiru. Malli itti hanni kun raawwachaa ture jira.''
Gaazexeessituun kunis ofiisheetiin haaluuma wal-fakkataan maatii shee dhabde barbaadaa jiraattuus hanga ammaatti hin arganne.
Emiifi Anoon Jarman hoteel Leepziig'tti haadha isaanii dhiigaa waliin walbaruuf eegaa jiru. Anoo yaadashee jijjirachuun deebiitee deemuuf barbaadduulleen garuu, kun miira yerooti jechuun haadha ishee deessee eeguuf murteessite.
Haatisaanii Azaan ammoo achuma hoteelicha kutaa biraa keessa teessee isaaniin eegdi.
Kutaa bananii gaafa seenan haatisaanii kaatee lamman isaanii hammatte. Isaanis, daqiiqaawwaniif wal-hammachuun ala namni waa dubbatu hin jiru.
Emiin imimmaan qabachuu hin dandeenye, Anoo garuu homaa itti hin fakkaanne. Sirummaa iyyuu wanti tahaa jiru kan ishee aarse fakkatti.
Haatisaanii gaafa isaan deesse dhukkubsattee of wallaaltee akka ture itti himti. Yeroo dammaqxu ogeessonni ijoolleenshee akka du'an itti himuu dubbatte.
Anoo fi Emii baruun jireenyasheef hiikkaa haaraa akka kenneef himti. Walitti dhiyaachuu baatanillee wal-dubbisu.
Bara 2022 mootummaan Joorjiyaa daddabarsa daa'immanii kanarratti qorannoo eegaluuun namoota 40 ta'an dubbisuun booda, ''dubbiin kan baayyee turee fi odeeffannoonis akka badu ta'eera,'' jedhe.
Gaazexeessituu Taamuunaan odeeffannoo walitti qabdu qooddus, mootummaan garuu gabaasa dhiyeesse hin qabu.
BBC'n dhimma kanarratti Minsiteera Biyya Keessaa Joorjiyaa quunnamuuf yaalii taasisuulleen, qorannoo hanga ammaa taasifameerratti odeeffannoon namoota dhuunfaa akka hin baafamne himuun, odeeffannoo dabalataa hin kenniniif hafeera.
Taamunaan ogeettii seeraa mirga namoomaa waliin tahuun dhimmicha gara mana murtiitti geessaniiru.
Waraqaa ragaa dhalootasaanii argachuu barbaadu, kana gochuun garuu seera Joorjiyaa amma jiruun waan danda'amu miti.
Kunis yeroo dhumaaf sammuun ishee akka boqatu taasisa jedhanii yaadu. Anoo, ''yeroo hundumaa jireenya koo keessatti wanti ta'e tokko akka hanqatee jiru natti dhagahama,'' jetti.
''Mucaan xinnoon wayyaa gurraacha uffattu abjuu kootii na hordofaa waa'ee guyyaa koo na gaafatti,'' jetti.
Miirri sunis gaafa Emiin wal argattee akka irraa bade dubbatti.