Dirree keessatti daanyaa, magaalatti poolisii -Murteessituu AFCON Arabaa jalqabaa

Bookraa Karboobii seera kabachiiftudha. Akkamitti yoo jettan ammoo dirree kubba miilaa yoo seentu seera kubbaa eeguun taphachiifti.

Murteessituu ykn daanyaa idil-adunyaa tahuun beekamti. Dirree keessatti fiishkaa fi kaardiin meeshaalee ittiin seera kabachiiftu.

Gara hawwaasa ishee ykn magaala keessa jiraattuutti yoo deebitu ammoo hojiin ishee poolisiidha. Cancala harka ittiin hidhan qabachuun hawwaasa keessa oolti. Yakkamaa ykn shakkamaa arginaan to’achuuf jechuudha.

''Poolisii tahuunkoo anaaf haqa hojiirra oolchuukooti,’’ jechuun BBC Sport Africaatti himte.

''Akka daanyaa kubba miilaatti anatu seericha hojiirra oolcha, lameenuu waan barbaachisaadha, sababni isaa tokkoon hojiidha, gama biraan ammoo hawwiikooti. Walitti hidhatee deema waan taheef.’’

Dorgommii Waancaa Afrikaa 2023 irratti dubartoota murteessummaa adda addaan ramadaman jaha keessaa daanyaa gidduu tahuun kan ramadamte Bookraa Karboobii qofa.

Bara 2022 Saliimaa Mukaansaangaa lammii Ruwaandaa taate dubartii jalqabaa kubba miilaa dhiiraa taphachiifte tahuun seenaa hojjette.

Tapha Naayijeeriyaa fi Giinii Bisaa’o taphatan irratti murteessitootni hundi dubartoota turan.

Achi irratti isheen ammoo murteessituu dirree keessaa ykn daanyaa tahuun taphachiifte.

Kun ammo dubartii Afrikaa Kaabaa jalqabaa kubba miilaa dhiirotaa taphachiifte ishee taasisa.

''Miira addaa qaba. Anaafis tahe maatiikoof akkasumas biyyakoo fi dubartoota Afrikaa hundaaf kabajaa guddaadha,’’ jette.

''Dhugaadha lafa hojiikoo idileetti poolisiidha, dirree keessatti ammo daanyaadha Garuu qe’eetti ammo dubartiidha, dubartii mana keessa hojjettu, haadha ijoolleeti.’’

Qoollifannaa cabsuu

Ijoollee taatee kubba miilaa taphachuu jaalatti ture, taphachaas turte. Garuu gareen kubba miilaa dubartootaa gurmaa’e waan hin jirreef dhaabde.

Kanarraa ka’uun gara daanyaa ykn murteessummaatti gorte. As keessas carraa hedduun jiraachuu isaa hubachuun.

''Karboobiin abjuu ishee kana galmaan gahuuf yoo tatteefattu mormii guddaan maatii isheerraa ishee mudateera.

''magaalaa xiqqoo safuu leellisan keessattin dhaladhee guddadhe. Kanaafuu abjuun ispoortii keessatti qabu milkeessuuf tattaafachuukoo maatiinkoo hin fudhanne ture,’’ jechuun 2021 UN Arab irratti dubbatte.

Gufuu guddaa kan isheetti tahan ammo obbolaa ishee dhiiraati. Guyyaa tokko gargaartuu daanyaa ykn erbee raastuu sarara irraa tahuun osoo taphachiiftuu arganii erbee sana harkaa fuudhanii ciran.

Isheenis ijoollee waan turteef boossee deebistee erbuun taphachiisuu itti fufte.

Garuu bara 2007 osoo isheen kubba miilaa dubartoota ataphachiiftu abbaan ishee ishee argan. Kanumaan jaalachuun akka objuu ishee milkeessituuf deeggarsa taasisuufii jalqaban.

Har’a dubartoota Arabaaf dirree keessatti fakkeenya jabduudha.

Bara 2020 keessa dubartii Arabaa jalqabaa kubba miilaa dhiirotaa taphachiifte tahuu ishee qofa osoo hin taane, dubartii Afrikaa jalqabaa ogummaa VAR gahumsa qabaachuun darbitedhas.

Afrikaa irraa liigota isaanii keessatti guutummaan guutuu tajaajila VAR hojiirra kan oolchan Morookoo fi Masirii qofaadha.

''Lammii Morookoo tahuukootti nan boone, sababni isaaMorookoon biyya Afrikaa jalqabaa VAR hojiirra oolchitedha,’’ jette.

''Bara 2021 xumura Waancaa Afrikaa irratti VAR irratti gargaartuu daanyaa tahee hojjechuukootti hedduun boona jette.

''Kana jechuun dubartootni akkuma dhiirotaa gosa hojii kamiyyuu keessatti hojjechuu danda’u jechuudha. Yeroo hundaa kana dhugoomsuuf qabsaa’aa turre. Akka gochuu dandeenyus kunoo isaanitti agarsiifneerra.’’

Karboobiin daanyaa idil-adunyaa tahun jalqaba kan taphachiifte Waancaa Afrikaa Dubartootaa 2018 Gaanaan qopheesite irratti ture.

Inispeektera poolisii

Daanyonni dubartoota adunyaa hojii isaanii miidhagaa kubba miilaa keessatti agarsiisaa jiru.

Bara 2022 lammiin faransaay Istiifanii Firaapparti dubartii jalqabaa Waancaa Adunyaa irratti taphachiifte taate. Tapha Koostaa Riikaa fi Jaramnii isheetu taphachiise.

Akkas tahee ammayyuu dubartootni gahumsa isaanii agarsiisuuf fageenya dheeraa deemuutu isaan irra jira jetti.

''Dhugaadha, sadarkaa kanarra gahuuf dubartootni cimanii hojjechuu qabu, hojii adda tahe tokko hojjechuu qabu. Jalqaba qaamaan, sababni isaas kubba miilaa dhiirotaa taphachiisuuf gahumsa qaamaa qabaachuu qabda,’’ jette.

''Sana booda ogummaa teeknikaa, seera taphaa irratti qabaachuun dirqama.’’

"Dhiirri yo dogogora hojjete, nama waan taheef ni uumama jedhu. Dubartiin garuu dogogora wal fakkaataa tokkoof dachaadhaan qeeqamti, dubartii waan taateef qofa.’’

Biyya ishee Morookootti Karbooniin hojii poolisii hojjetti. Waayillan ishee murteessummaa ishee jaalatan irraas deeggarsa gaarii argatti.

''Yaada xinnoo natti baay’isu: ‘Maaliif akkas hin goone? Maaliif akkas goota. Maaliif rukuttaa peenaaliitii kennuuf afuufte? Mee nuu ibsi. Maalumaaf kaardii diimaa sana kennite? na jedhu. Garuu ammoo yeroo hundaa na jajjabeessu, anis gargaarsa isaaniif nan galateeffadha,’’ jette.

Hojiin lameenuu wal deeggaru jettee amanti. ''Daanyaa tahuun koo gahumsa qaamaa akkan qabaadhu waan na taasiseef poolisummaa keessattis na gargaareera. Poolsii tahuunkoo ammo dirree keessatti dubartii cimtuu soda hin qabne akkan tahu na gargaareera,’’ jette.

Haati mucaa durbaa tokko qabdu kun, guyyaa tokko Waancaa Adunyaa Dhiirotaa irratti taphachiisuuf hawwii qabdi. Waancaa Adunyaa dubartootaa darbe irrattis hirmaatteetti.

Hojii isheen dirree kubba miilaa dhiirotaan guute keessatti agarsiifte dubartoota Arabaa hedduuf kaka’umsa kan uumu taha. Waanti nama daangessu tokkollee akka hin jirres ni barsiisa jettee amanti.

''Dubartootni fedha akkasii qabdan jabaattanii akka hojjetan isiniin dhama,’’ jette murteessituun kun.