Itoophiyaatti sagalee guddaan manneen amantaa keessaa ba'u jeequmsa sagaleen himachiisaa?

Madda suuraa, Social Media
Finfinnee dabalatee magaaloota Itoophiyaa hedduu keessatti sagaleen humnaa olii iddoo adda addaa irraa dhaga'amu boqannaa akka isaan dhorku jiraattootni irra deddeebiin himataa jiru.
Maddeen sagaleen kun heddumminaan irraa dhaga'aman ammoo manneen amantii Kiristaanaa fi Islamaa dabalatee hoteelota ykn manneen ragadaa halkanii, beeksisa daldalaa fi sagalee warshalee kessaa ba'aniif kanneen biroo ta'uu danda'u.
Jeequmsi sagalee amma magaalota biyyatti keessa jiru furmaata akkamii barbaadaa kan jedhu irratti BBC'n miseensa paarlamaa Itophiyaa kan ta'an Obbo Tolaa Hayiluu dubbiseera.
Akka obbo Tolaan jedhanitti, sagalewwaan kunneen hanga ta'uu maluu ol ta'uun hawaasaa naannoo fi tajaajila hawaasnii argatu irratti dhiibbaa guddaa geesissaa jira.
Haalli kun jiraattota irratti, turistoota irratti barattootaa fi dhukubsattoota mana wal'aansaa jiran dabalatee wajjira keessattillee hojjattootni tasgabbiin hojii isaanii akka hin hojjannee geessisuutti kan ga'e ta'uu eeran.
Kanaafis jeequmsa sagalee egeree biyyattiif yaaddoo ta'aa jiru seeran daangeffamuu akka barbaachisuufi wixineen isaa qophaa'aa jiraachuu dubbatan.
''Haalli sagalee amma magaalota Itoophiyaa keessatti halkanis ta'ee guyyaa dhaga'amanii baay'ee guddaa fi rakkoo fayya kan geessisu waan ta'eef furmaata kan barbaadudha,'' jedhan Obbo Tolaan
Hanga yoonaa seerri sagaleen tokko kana ol darbuu hin qabu jedhamee tumame hin jiru kan jedhan obbo Tolaan, kun garuu akkasitti itti fufuun kenniinsa tajaajila biroo fi fayya irrattillee rakkoo guddaa akka ta'u himan.
''Wixineen seera qophaa'aa akka jiru quba qaba garuu hanga yoonaa Paarlamaa irratti dhiyaatee waanti irratti mari'atame ykn raggasifame hin jiru. Isa dura hawaasni dhimma kana irratti hubannoo argachuun barbaachisaa ta'a'' jedhan
Labsiin To'annoo Faalama Naannoo Itiyoophiyaa lakk 300/2002 dhimma faalama naannoo kan ilaallatu yoo ta'u, garuu tumaalee faalama sagalee dangessu ifatti hin eerre.
Labsichi faalama jechuun haala fayyaa, nageenya, ykn nageenya namaatiif balaa ta'e kamiyyuu jechuun kan ibsu yoo ta'u, akkasumas haala amalootaa fiizikaalaa, keemikaalaa ykn kanneen biroo jijjiiruun uumamu kamiyyuu kan dabalatu akka ta'e labsicharratti ibsameera. Haa ta'uu malee, tarkaanfiiwwan to'annoo faalamaa waliigalaa fi ulaagaalee jiran kaasuurraa kan hafe addatti faalama sagalee irratti kan xiyyeeffate hin eeru.
Bilisummaa Amantaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miseensa paarlamaa Itophiyaa kan ta'an Obbo Tolaa Hayiluu labsii ykn dambiiwwaan jeequmsa kana dhorkuun mirga amantaa ofiii walabummaan gaggeeffachuu waliin kan walitti bu'u akka hin taane eeru.
''Amantaan keessodha, namni amantaa isaa daldala isaa gaggeefachuu kan danda'u bakka mirga nama tokkoo ykn dhaabbata biraa hin xuqnetti'.'
''Mirga nama tokkoo ni xuqa taanaan mirgi amantaa sanaa kan daangeffamu ta'a'' jedhu.
Itoophiyaa keessatti sagaleen amantaalee adda addaa walbiratti dhaga'amuun ykn dhabbileen amantaa adda addaa wal bira jiraachuun akka fakkeenya wal danda'uu amantaaleetti ibsama.
Hanga yoona komiin gama kanaan ka'u fiixatti bahee kan hin mul'anneef wal danda'uu guddaan waan jiruufi akka Obbo Tolaan jedhanitti.
''Hawaasni keenyas hawaasa amantii waan ta'eef, wal hubannannaa fi wal danda'uu guddan tureera. Amma garuu wal danda'uu kana bira darbee bifa doorgommii fakkatuun faalama naannoo qaqqabsiisurra ga'eera'' jedhan
Akkuma namni tokko amanta isaa gaggeeffachuuf mirga qabu, namni tokkos mana isaa keessa boqochuuf, barataan tasgabba'ee barachuuf akkasums hojjataan tasgabbaa'ee hojjachuuf mirga qaba jechuun ibsu
Ministirrri Muummee Abiy Ahimad marii bakka-bu'oota ummata magaalaa Finfinnee waliin jalqaba baatii Bitootessaa bara 2024 taasisaniin, dhimmi faalama sagalee dhimma hawaasni irratti mari'achuu qabuu fi furmaata waaraa barbaadu ta'uu kaasanii ture
''Barsiisawwan manneen amantaa Islaamaafi Kiristaanaa keessa jiran faayidaaf ta'uu qabu malee dhukkubsataan akka hin rafne kan dhorkuuf ta'uu hin qabuu'' jedhan
Gama sagalee guddaa gadidhiisuun waldaalee amantii gidduu waldorgommiin daangaa darbe akka jru kan eeran Dr Abiy, '' Biyya Musliimaa ykn biyya Kiristaanaa isa dhumaa warra jedhaman keessayyu shaakalli akkasii kun hin jiru'' jedhanii ture.
Kanaafis hawaasni akka irratti mari'atuu fi seeran akka daangeffamuu barbaachisullee eeruun kan yaadatamuudha
Seera qofa utuu hin taane teknolojii barbaada

Madda suuraa, Getty Images
'Faalama sagalee' jechuun sagalee hin barbaachifne, kan nama jeequ yoo ta'u, rakkoowwan fayyaa akka dhiphina sammuu, dhiibbaa dhiigaafi dhibeewwan jijjiirama hormooniitiin dhufaniif sababa akka ta'e qorannoon ni mul'isu.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ammoo biyyootni dhimma kanaaf xiyyeeffannoo hin kennine malee dhimma rakkoowwan fayyaa wal xaxoo yeroo gabaabaafi dheeraa fidan keessa tokko akka ta'e ibsa.
Rakkoowaan akka, hirriba nagaa hin qabne, rakkoowwan fayyaa onneefi hidda dhiigaan walqabatan, hojiifi barnootarratti si'aayina dhabuu, rakkoo dhaga'uu horachuu, kkf sababa kanaan muudachuu akka malu akeekachiisa.
Yeroo baayyee manneen-barnootaafi hospitaalonni bakkeewwan sagalee jeequu danda'an jedhaman dhiyootti waan argamaniif daa'immaniifi namoonni dhukkubsatan faalama sagaleetiif addatti saaxilamoo ta'uu ibsa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa.
Kana malees, daa'immaniifi namoonni dhukkubsatan mana jireenyaa keessattis taanaan kutaa hawaasaa kaan caalaa rakkoo kanaaf saaxilamoo akka ta'an qorannoon ni mul'isa.
Biyyoonni addunyaa hedduun rakkoo kana hubatanii hubannoo hawaasaa cimsuun, seerota baasuun, akkasumas tarkaanfiiwwan biroo fudhachuun haala rakkoon kun itti hir'achuu danda'urratti hojjechuun milkaa'aniiru.
Akka Obbo Tolaan jedhanitti, seera qofa baasuun utuu hin taane teknolojitti gargaaramuun yaada furmaataa ta'uu akka dand'u himan.
''Fakeenyaaf, qiddaasee mana amantaa Ortodoksii keessa ba'u ykn waamichi Azaanaa manneen amantaa Islaamaa keessa ba'u kana gara Appitti jijjiruun utuu faalamni hin ga'in horoftootni tajaajilicha akka argatan taasisuun ni danda'ama'' jedhan.
Kana jechuun, amootni saatiin salaataa ykn sagadaa ga'uu bilbila harka isaaniin hordofuun jeeqamni sagalee utuu hin uumamiin tajaajila waloo argachuun akka danda'amu ibsiu.
Muuxannoon biyyota faalama sagalee hiri'isanis kanuma kan agarsiisu ta'ullee dubbataniiru.
Dhimma kan irratti hubannoo uumuuf Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannawaa Itoophiya yeroo add addaa duula taasisaa tureera.












