Waa'ee Hajjii irratti qabxiilee shan beekuu qabdan

Musliimonni Kaabaatti naanna'uun sirna Tawaaf raawwatu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2024 namootni miliyoona 1.8 ta'an Hajjiif Makkaatti imalaniiru.

Hajjiin imala amantaa qulqullaa'aa yoo ta'u, hordoftootni amantaa Musliimaamiliyoonaan lakkaa'aman waggaa waggaan magaalaa Makkaa Saawdii Arabiyaatti imalu.

Hajjiin utubaalee amantaa Islaamaa shan keessaa tokko yoo ta'u, namni fayyaa qabu kamuu fi humna maallaqaa qabu kamuu jireenyasaa keessatti yoo xiqqaate yeroo tokko akka raawwatu eegama.

Hajjiin addunyaarratti ayyaanota namootni hedduun irratti hirmaatan keessa isa tokkodha. Makkaan bakka dhalootaa Nabii Muhaammadi. Dhugaa bahumsa Quraanaa isa jalqabaa bakka itti fudhataniidhas.

Makkaan Masjiida al-Haraam keessatti bakka Kaabaan itti argamuudha. Al-Haraam Masjiida guddicha Makkaa jedhamuun beekama. Masjiida qulqullaa'aa jedhamees beekama. Wantoota dinqisiisoo shan isin amma dura tarii hin beekne kunooti.

Kaabaa -Dhaala Nabii Ibraahiim

Imalli Hajjii utaabaalee amantaa Islaamaa keessaa tokko dha. Ammoo hundeessaa amantaa Islaamaa kan ta'an Nabii Muhaammad waliin qofa kan hidhata qabuu miti.

Musliimonni guutuu addunyaarraa waggaa waggaan gara Saawdii Arabiyaa, Makkaatti imalu.

Madda suuraa, Getty Images

Sirni kun baroota hedduu boodatti deebi'ee bara Nabii Ibraahiim waliin hariiroo qaba. Akka amantaan Islaamaa jedhutti Nabii Ibraahiim nama hundeeffama Kaabaa bu'uuresse dha.

Sirni kun Nabii Ibraahiim ajaja rabbii raawwachuuf ilma isaa aarsaa gochuuf wayita fiixeerra gahe san yaadata.

Nabii Ibraahiim kan amantaa Kiristaanaa keessatti Abrahaam jedhamuun beekamu.

Addaaddummaan Saala bu'uureffate hin jiru

Lammiilee Tuuniziyaa gara Hajjii imaluuf xiyyaara eeggatan

Madda suuraa, Yassine Gaidi/Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita Hajjii dhiirrii fi dubarri sirna walfakkaataa gaggeessu, bakka walfakkaatiifi yeroo walfakkaataattis raawwatu.

Sirna Hajjii irratti malee sagada kaan masjiidota keessatti godhamu irratti dhiirriifi dubarri bakka adda addaatti sagadu. Hajjii irratti garuu adda addummaan kun hin jiru.

Uffannaa addaa

Imaltootni Hajjii akkaataa uffannaa adda ta'e akka hordofan ajajama. Innis walqixxummaa afuuraa fi eenyummaa gadi of qabu uumuurratti bu'uureffama.

Hordoftootni Musliimaa Makkaatti sirna Umraa wayita raawwatan- bara 2023

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartootni Hajjiif imalan akka warra dhiiraa ufannaa adii miri kan uffatan .

Dhiironni Hajjiif imalan uffannaa adii Ihraam jedhamu uffatu. Innis garaagartummaan diingadee fi hawaasaa jiraatus walqixxummaa amantootaa agarsiisa.

Dubartootni Hajjiif imalan ammoo uffata dheeraa adii qaama isaanii haguugu uffatu. Mataa isaaniis haguuguu qabu. Hajjii irratti fuulli isaanii hin haguugamu.

Gaarreen lama

Sirna Hajjii keessaa inni addatti beekamu Tawaf jedhama. Kunis imaltootni Kaabaatti bitaa gara mirgaatti yeroo torba naanna'uudha.

Sirni kun jalqabbiifi xumura imala Hajjiirratti raawwata. Wanti biraa garuu gaara lama gidduu imala godhamudha.

Qaama Hajjii wanti ta'e kun gaarren Saafaa fi Marwaah jedhaman kan Masjiida al - Haraam keessa argaman gidduu yeroo torba miilaan imaluu dha.

Sirni kun yaadannoo dadhabbiifi jabina Hajar (Haadha warraa Nabii Ibraahiim) godhama. Hajar gaarreen lamaan kana gidduu marmaaruun daa'imasheef bishaan barbaadaa turte.

Fiixee gaara Arafaat

Kaabaan bu'uura sirna Hajjii yeroo ta'u, xumurri sirna afuuraa kanaa ammoo fiixee gaara Arafaat irratti raawwatama. Gaarri kun magaalaa Makkaadhaa xiqqoodhuma bahee dirree gammoojjii keessatti argama.

Hajjii bara 2023 irratti dubartii gaara Arafaat jalatti sagadaa jirtu.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Imaltootni Hajjii gaara Arafaat jalatti sagada guddaaf walitti qabamu

Asitti imaltootni Hajjii ganama bariirraa kaasanii hanga galgala aduun galtutti walitti qabamuun kadhannaa jabaa godhu, Quraanas qara'u.

Bakki kun Islaama keessatti iddoo hiika guddaa qabuudha. Sababnisaas bakki kun iddoo itti Nabi Muhammad tajaajila isa dhumaa itti gaggeessedha.