Fiiliis Omiidoo: Dubartii faalama naannoo mormuun doolaara mil. 12 injifatte

Miss Phylis Omido, a Kenyan environmental activist in Mombasa in 2018

Madda suuraa, CJGEA

Falmituun eegumsa naannoo Keeniyaa Fiiliis Omiidoo duula waggoota hedduu booda warshaa naannoo faalu mana murtiitti injifattee warra miidhamaniif doolaara miliyoona 12 argamsiifte.

Bara 2009 wayita warshaa ishee qaxaretti hojiin baatirii deebisanii tajaajila biraaf oolchuu 'namoota ajjeesuu' akka danda'u himtu, lammata waan akkasii akka hin dubbanne akeekkachiifamte.

Kuni yeroo jalqabaaf akka cal jettu kan itti himame yoo ta'u ergasii akeekkachiifni fi doorsisni adda addaa irra gahaa ture. Isheen garuu gurra hin kennineef.

Dubartiin ganna 31 kun akkuma yuunivarsiitii irraa eebbifamteen ture Warshaa Sibiila qulqulleessu magaalaa Mombaasaa jirutti kan qaxaramte.

Warshaan kun baatirii konkolaataa keessaa keemikaala Liidii jedhamu calala.

Warshaa itti qaxaramte kanaaf dhiibbaa hojiin isaanii naannoorratti qabu qorattee akka dhiyeessitu gaafatamtee, bu'aa qorannoo dhiyeessite dhaabbatichi callisee bira darbe.

Adeemsi baatirii konkolaataa baqsuu keemikaala summaawaa hawaasa naannoo warshichaa jiraatu Owiinii Uhuuruu jedhamanitti gadi dhiisa.

Bishaanis qilleensas faalee jiraattota dhukkuba maalummaan isaa hin beekamneef saaxilaa ture.

Hojjettoota warshichaa irrattillee rakkoo uumaa ture. Omiidoon bara 2009 miidhaan isaa hagana jabaa ta'uu hin hubanne ture.

Fiiliis Omiidoo daa'imman yoo dubbistu

Madda suuraa, Goldman Environmental Prize

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman akka fedhanitti taphachuu akka danda'an biyyoon naannoo sanii akka qulqullaa'u feeti Omiidoon

Daa'imummaa irraa kaastee naannoofi uumamaaf jalala addaa akka qabdu kan himtu dubartiin kun kanaan wal qabatee hojii tokko hojjechuu fedhiis qabdi turte.

Osooma warshichaaf hojjetaa jirtuu bara 2010 daa'imni ishii ganna 2 jalaa dhukkubsate. Yaaliif mana yaalaa deemus dhibeen isaa baramuu hin dandeenye.

Itti hammaatee hospitaala osoo ciisaa jiru, qaamni isaa keemikaala Liidii jedhamuun faalamuun qorannoon mirkanaa'e.

Faalamni kun karaa annan harmaa ta'uu akka hin oolle itti himamuun ammoo daranuu ishee rifaasise.

Ofii ishee fi daa'imman ishee sadi biroo qorachiiftee isaanis keemikaala kanaan faalamuun itti himame.

Ragaalee bu'aa qorannoo isheefi kan ijoollee ishee qabattee qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatuuf barreessuu eegalte.

Nama ishee dhagahu hin arganne ture.

Warshichaaf hayyama kan kenne Abbaan Taayitaa Biyyaalessaa Bulchiinsa Naannoo Keeniyaa "ni sobda, mana murtiitti dhiyaannee falmuuf qophiidha" jechuun deebii akka kennaniif himti.

Dhimmi kun akka qoratamuu hiriira mormii qindeessaa turte

Madda suuraa, CJGEA

Ibsa waa'ee suuraa, Dhimmi kun akka qoratamuu hiriira mormii qindeessaa turte

Dhimmicha gara mana murtii geessuuf wayita jettu bara 2012 to'annoo jala ooltee halkan tokkoof hidhamtee gadi dhiifamte.

Bara 2014 ammoo namni hin beekamne tokko mana ishee fuulduratti akka ishee dhaane himti.

Kana sodaattees yeroo murtaa'eef dhokattee turte.

Bu'aa bayii waggoota kudhanii booda manni murtii isheef murteesse.

Warshichi dhaabbilee mootummaa dhimmichaa keessaa harka qaban waliin ta'uun warra miidhamaniif doolaara miliyoona 12 akka kafalu manni murtii ajaje.

Mootummaan naannoo faalame sana baatilee afur jidduutti akka qulqulleessus manni murtii ajajeera.