Chaayinaan biyyoota US waliin waliigaltee daldalaa raawwatan akeekkachiifte

Chaayinaan biyyoota biroo US waliin dhimma daldalaarratti dubbachuun haala fedha Beejiing miidhuun waliigaltee waliin raawwatan irratti tarkaanfii fudhachuu akka maltu akeekkachiifte.

Ibsi Chaayinaa kun sodaa biyyootni diinagdee guddaa qaban lamaan kun gara waraana daldalaa guddaatti seenuu malu sodaa jedhu hammeesseera.

Chaayinaan ibsa kana baasuuf kan dirqamte US biyyootni kaan daldala Chaayinaa wliin qaban yoo daangessan qaraxa malee omishaaleesaaniii gara US akka glachan hayyamuuf karoorsiteetti gabaasni jedhu bahuu booda.

Olloonni Chaayinaa Jaappaaniifi Kooriyaa Kibbaa bulchiinsa Tiraamp waliin dubbachuutti jiru. Hooggantootni Jappaan torbe darbe Washingitan turan. Warri Kooriyaa Kibbaa ammoo torban kana mariiyatu.

Tiraamp gara Waait Haawus deebi'uu booda omishaalee Chaayinaarra qarxa guddoo kaahan. Biyyootni kaanis akkasuma gibirri irra kaahameera.

''Gammachiisuun nagaa hin fidu, fedha ofii dabarsuunii kennuun walkabajuu hin ta'u'' jedhan dubbii himaan Ministeera Daldalaa Chaayinaa.

''Chaayinaan qaama kamuu fedha Beejiing aarsaa gochuun waliigalteerra gahu ni mormiti, yoo raawwatame ammoo Chaayinaan tole jettee hin fudhattu deebii ni kenniti.''

Yaadni kun ejjennoo barruun China Daily kan muutummaan bulu baasee ture wajjin walfakkaata. Barruun kun torbee darbe keessa Gamtaan Awuroopaa USn ''gammachiisuuf''akka hin yaalle akeekkachiiseera.

US biyyootni hedduun daldala Chaayinaa waliin qaban irratti daangaa yoo godhan dhimma qaraxaa irratti waliigalteerra gahuuf karoorsuun gabaafameera.

Tiramp erga qaraxa kaahanii booda biyyootni 70 ta'an dhimmicharratti mariyachuuf isaan qunnamuu dubbataniiru.

Hojjetaan dhaabbata daldala online Jappaa Monex Group akka jedhutti ''lakkoofsasaa yoo kan ilaaltu ta'e bu'aan gabaa Jappaan harki 20 kan dhufu Yunaayitiid Isteets irraayi, 15% ammoo Rippaablika Uummata Chaayinaarraati''

Dabaluunis ''Jaappaan Ameerikaa fi Chaayinaa keessaa toko filachuu hin barbaaddu'' jedhna.

Jappaan dhimma qaraxaarratti US waliin marii kan eegalte torban darbe yoo ta'u jilli Riyoosii Akazawaan durfamu Waashingitanitti Pirezidant Tiraamp waliin walarganiiru.

Kun kanaan osoo jiru Pirezidantii itti aanaan US JD Vaansi torban kana gara Hindii imaluun Ministira Muummee biyyattii Naaridiraa Moodii waliin dubbatu. Ammoo dhimma daldalaarratti US waliin waliigalteerra hin gahan yoo ta'e biyyattiin omisha gara gabaa US ergiturratti qaraxni 26% ni kaahama.

Vaansi torbee darbe yaada kennaniin UK waliin waliigalteerra gahuun ''hiree guddaa qaba'' jedhaniiru.