Israa'el haleellaa eegallan Hamaas namoota bute muraasa 'nan gadhiisa' jedhe

Haleellaa haaraa Israa'el giddugala Gaazaa Dir Al-Balaa keessatti raawwatte hordofee nama daa'ima baatee gara hospitaalaa geessu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa haaraa Israa'el giddugala Gaazaa Dir Al-Balaa keessatti raawwatte hordofee nama daa'ima baatee gara hospitaalaa geessu

Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa Gaazaa jalatti namoota Israa'elirraa bute dabalataan gadhiisuuf yaada dhiheesse.

Kunis erga mariin dhukaasa dhaabuu haaraan Sambata darbe kan taa'amu hordofeeti.

Mariin kun kan eegale waraanni Israa'el haleellaa guddaa haaraa Gaazaatti erga jalqabee sa'aatii muraasa booda.

Hamaas namoota bute sagal gadhiisuuf yoo ta'u, guyyoota 60f dhukaasi dhaabbachuun, Israa'el hidhamtoota Filisxeem hiidharraa hiikuuf waliigaluu qondaalli Filisxeem tokko BBC'tti hime.

Qondaalli kun akka jedhanitti, waliigalteen haaraan yaadame kun guyyaatti konkolaattonni gargaarsaa 400 Gaazaa akka seenan, akkasumas dhukkubsattoonni wal'aansa barbaadan Gaazaa keessaa akka baafaman kan hayyamu ta'uu ibsan.

Israa'el namoonni butaman lubbuu jiraachuusaanii mirkaneeffachuu barbaaddi, odeeffannoo bal'aa waa'ee namoota butamanii keessaa kanneen lubbuun hafanii gaafatteetti.

Mariin dhukaasa dhaabuu marsaa haaraan kun jaarsummaa Qaaxaar fi Ameerikaa Dohaatti taa'aamaa kan jiru yoo ta'u, Mariin kun Sambata waaree booda eegale.

Israa'el waliigaltee yaadame kanaaf ammallee ifatti deebii hin kennine, garuu marii kanaan dura loltoota Gaazaa keessaa akka hin baafne ykn waraana kana xumuruuf waadaa akka hin galle ibsite.

Yaadni dhihaate kun dhimmota kana hin hammatu.

Waraanni Israa'el haleellaa haaraa ji'oota muraasa keessatti haleellaa Gaazaa keessatti lubbuu namoota danuu galaafate "Operation Gideon's Chariots" jedhu jalqabuu Sambata beeksise.

Kamisa darberraa eegalee hospitaalotaa fi kaampii baqattootaa kaabaa fi kibba Gaazaa keessatti dabalatee iddoowwan garaa garaatti yoo xiqqaate namoonni 300 ajjeefamuu lubbu-baraartonni himan.

Israa'el waliigateen dhukaasa dhaabuu ji'a lamaaf ture diigamuu hordofuun, erga Israa'el Bitootessa 18 haleellaa deebiftee jalqabdee asitti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman du'aniiru.

Dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti, Israa'el dhiyeessii nyaataa fi gargaarsa biroo Gaazaa akka hin seenne ji'oota lamaa oliif dhorkaa waan turteef, rakkoleen namoomaa garmalee hammaatera.

Dubartii Filisxeem bakka xiyyaarri Israa'eel dunkaana namoota mana isaanii baqataniirratti raawwatte taa'aa jirtu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Filisxeem bakka xiyyaarri Israa'eel dunkaana namoota mana isaanii baqataniirratti raawwatte taa'aa jirtu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuun jalqaba baatii kanaa Gaazaa to'achuuf waraanaa guddaa akka banan himanii turan,

Gaazaa to'achuu ta'uu ibsuun, waraana kanaan ummanni Filisxeem gara kibba Gaazaatti akka godaansisu fi Hamaas "balleessuu" akka banan ibsanii turan.

Gaazexeessituun Gaazaa keessaa jirtu Gahadaa Al-Qurd jedhamtu BBCtti akka himetti, ''haleellaan xiyyaaraa, dho'insi boombii, haleellaan diroonii fi dhukaasi kaabaa fi bahaa Gaazaa keessaa akka dhagamu'' himte.

" Haleellaan kun sodaachisaa fi garmalee hamaadha," jette.

Gatiin nyaataa qaala'uu fi hanqina mudaterraa kan maddee maatiin ishee guyyaatti nyaata si'a tokko qofa akka argatan kan himte Gahadaa Al-Qurd.

Israa'el ''nyaata akka meeshaa waraanaatti itti gargaaramaa jirti'' jechuun himatte – himannaa kana qondaaltonni Dhaabbata bBiyyoota Gamtoomanii torban muraaasa darban keessa Israa'elirrratti dhiyeessan.

Dhaabbileen gargaarsaa beelli ummata Gaazaa miliyoona 2.1 mudachuu akka danda'u akeekkachiisan.

Uggura Israa'el jalatti daa'imman hanqina nyaataatiin rakkachaa jiruu mul'isan viidiyoon bahaa jiru.

Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Jimaata darbe Gaazaatti ''namoonni baay'een beela'aniiru'' jedhan.

Mootummaan Israa'el garuu Gaazaa keessatti hanqinni nyaataa jiraachuu irra deddeebiin haale.

Ogeettiin baqaqsanii yaaluu Biriteen hospitaala Naasir Kaan Yuunis keessa hojjettu Viiktooriyaa Rooz BBCtti akka himtetti, namoonni waliin hojjattu garmalee dadhabuu fi ulfaatinni qaamasaanillee hir'ateera.

"Ijoolleen huqqatootadha," jette. "Dargaggoota ilkaan irraa buqqa'e baay'ee qabna" jette.