Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan namoota humna waraanaa irratti qoosan doolaara mil 2 adabde
Gartuun koomeedi tokko erga waa’ee humna waraanaa qoosanii booda mootummaan Chaayinaa adabbii yuwaan miiliyoona 14.7 (doolara miiliyoona 2.1) irratti murteesse.
Baacoon kun dhaddacha Pirezdaant Shii Jinpiing haasa’an irratti kan hundaa’e ture.
Amala saree komeediyaanii tokkoo amala humna waraanaan wal fakkeessuun baacoo dubbachuun isaanii abbootii taayitaa dheekkamsiseera.
Angaa’onni akka jedhanitti, dhaabbati Miidiyaa Aadaa Shangihaay Shiyaagoo fi komeediyaaniin Lii Hawooshi, “humna waraanaa uummataa qaanessaniiru,”
Dhaabbatichi addabbii irratti murtaa’e simachuun, Obbo Lii ammoo hojiirraa ari’eera.
Baacoon dheekkamsa kaase kun kan dubbatame qophii koomeedii gaafa Sanbataa, Beejingitti taasifame irratti yoo ta’u, Obbo Liin wa’ee saroota isaa lamaan osolee ari’anii dubbachaa ture.
“Saarotni agartu biroon akka isaan babbareedoo ta’initti akka yaadu si godhu. Sarootni kun lamaan kun …’injifachuuf lolaa, amala fakkeenya ta’u qabaadhaa,’ kan jedhu qofa na yaadachiisu,” jechuun qoose Obbo Liin, kan maqaan waltajjii isaa Hawuus ta’e.
Sagalee qophii komeedii kanaa waraabamee, miidiyaa Chaayinaa Weibo irratti qoodamee irratti daawwattoonni yemmuu baacoo kanaan kolfan ni dhaga’ama.
Ta’us erga daawwattoota keessa tokko baacoo kana irratti komii kaasee booda, interneeta irratti badaa hin simatamne.
Abbootiin taayitaa Beejiing, gaafa Kibxataa qorannoo eegaluu isaanii ibsanii turani.
Akka miidiyaan mootummaa Xinhua gabaasettti, angaa’onni dhaabbata kanarra galii seeraan alaa jedhameeru yuwaan miiliyoona 1.32 to’achuun, adabbii yuwaanii 13.35 irratti murteesseera.
Dabalataanis hojiin dhaabbata Shangihaay Shiyaagoo magaalaa gudditti Chaayinaa keessatti yeroo ifa hin taasifamneef dhorkameera.
“Dhaabbati ykn namni dhuunfaa kamiyyu maqaa kabajamaa Humna Waraanaa Bilisuummaa Uummataa (PLA) magaalaa guddoo Chaayinaa akka waltajjiitti akka fayyadamuuf hin eeyyamnu,” jechuun Waajjirri Ministeera Aadaa fi Turiizimii Chaayinaa, Damee Beejing ibseera.
Sagaleen baacoo kanaa interneeta irratti hedduuminaan erga qoodamee booda, namootni tokko tokko mufachuu isaanii, miidiyaan biyyattiis dubbicha afarseera.
Namootni kaan garuu adabbiin kennamee fi deebiin jiru akka garmalee ol kaafametti ilaaluun gaaffii kaasaniiru.
“Ani biyyakootti nan boona, namootni biroo akka biyya keenya qaanessan hin fedhu…Garuu jechi waa’ee siiyaasaa hundi haala inni itti dubbii cimaa taasifamu hin jaalladhu,” jechuun barreeffamne maxxanfame si’a 1,200 jallatameera.
Weibo irratti hordoftoota 136,000 kan qabu Obbo Liin hordoftoota isaa dhiifama gaafateera.
“Baayyee gaabbeeras, qaana’eeras. Itti gaafatamummaa fudhachuun, hojii hunda nan dhaaba, gochakoos deebi’ee ilaaluun irraan baradha,” jechuun barreesseera.
Erga sanaa fuulli Weibo isaa yeroof haqameera.
Tateen kun haala cimaa komidiyaanonni Chaayinaa keessa jiran, xiyyeeffannoo abbootii taayitaa fi namoota interneeta irra jiraniin irra ga’u mul’isa.
Bara 2020 keessa, komeediyaaniin Yaang Lii wa’ee dhiiroota erga qoostee booda, “qoccollaa korniyaa irratti hundaa’ee fi “dhiira jibbuun” himatamteetti. Gartuun mirga dhiirotaa eegna ofiin jedhan, namootni interneetarra jiran angaa’ota Chaayinaa miidiyaa to’atanitti akka ishee himataniif waamicha dhiyeessaa turaniiru.