'Haadha koo torban lama booda akkan du'u itti himame'

Umurii waggaa 5tti intala qaama miidhamummaa tokko malee turte.

Halkan tokko hirribaa dammaqxee gara mana fincaanii deemuun itti dhaga'ame.

Kan nama ajaa'ibu garuu dhaabbachuu hin dandeenye. Achiis gargaarsa haadhashee gaafatte.

"Haatikoo siree irraa na kaasuuf waame, garuu ani mucaa quxisuu waanan ta'eef boo'icha dhiisii gara mana fincaanii akkan deemu natti himtee, ka'een kufe". jetti Zeena.

''Dandeettii dhaabbachuu dhabe, miilli koo guutummaatti dadhabe. Hunduu ajaa'ibsiifate, anilleen waan na mudachaa jiru naaf hin galle, ka'ee dhaabadhee akka waan miila hin qabneetti natti dhaga'ame.

Warri ishee ni rifatanii, gara mana yaalaa geessan. Furmaata barbaaduuf waan ishee mudate hubachuuf baay’ee rakkatan.

Qormaanni ogeessoota madda rakkoo Zeenaa adda baasuu hin dandeenyee. Haallishee hammachaa waan itti fufeef qarooshee dhabde. Doktoroonnis lubbuun jiraachuu ishee abdii kutatan.

"Doktorri tokko rakkoon kun maal akka ta'e hubachuu waan hin dandeenyeef torban tokkoo fi lama keessatti akkan du'uu danda'u haadha kootti hime".

''Haati koo rakkoo kootiif furmaata argachuuf baay'ee rakkatte. Akkan fayyuuf jechaa hospitaala, masjiidotaa fi bataskaana adda addaa deemte," jetti Zeena.

Imalli qaama miidhamummaa ishee akkasitti jalqabe, nama bakka hundatti baatamuu qabdu taate.

Jiraachuuf abdii dhabde, wanti deemaa ture isheef hin galle ture. Garuu gargaarsa hakiimotaatiin qarooshee argatte.

"Ija koo banannaan wanti jalqaban haadhakoo gaafadhe nyaata. Tarii kanaafidha nyaata bilcheessuu baay'ee kanan jaalladhuuf," jetti Zeenaan

"Warri koo fi obbolaan koo na jaallatanii na kunuunsan, abbaan koos obbolaan koo yoo deemsa deemuu barbaadan na fudhachuu akka qaban mana keessatti seera kaa'e."

“Yeroon akka ijoollee biroo taphachuu fi jiraachuu barbaadu ture, garuu haatikoo achi hin deemin of miita jettee na dhorkite, akkan hin miidhamneef akka na jaallattuu fi akka na eegdu arge.''

"Yeroo garii garmalee akkan namootatti hin makamne na dhowwiti turte. Garuu akkuma guddachaa dhufeen, “maaliif akkan jira?" jedhee haadha koo gaaffii baay'een dhiphisaa ture. Isheen akka na jaallattuu fi na kunuunsitu natti himuun na jajjabeessaa turte”. Jetti.

Akka Zeenaan jettutti haatishee jaalala irraa kan ka'e akkas goote. Boodarra garuu addunyaa kana keessa jiraachuuf akka ishee hin qopheessine hubatte. Sababiin isaas erga haati ishee duutee boodan Zeenaan akka qaama miidhamtoonni itti ilaalaman arge jetti.

Imalli gara qarqara galaanaa jireenya ishee jijjiire

Warri koo baay'ee na jaallatu turan, qormaanni tokkollee akka na mudatu hin barbaadan ture. Namni tokko maqaa badaan yoo na waame, na bira gahee hin beeku, haadhakootti dhaabbata. Kanaaf gaafa isheen duutuu baay’een dhiphadhe.

Baayyeen ofitti qaana'a ture, suuraas miidiyaa hawaasaa irratti hin maxxansitu, cidha ykn walga'ii irratti argamuu akka sodaattu dubbatti. Kanaaf, addunyaa irraa adda of baasuuf murteessite.

"Guyyaa tokko qofakoo mana ba’uuf murteesse. Otobusii fudhadhee gara qarqara galaanaa deemuun barbaade."

Yeroo qarqara galaanaa jirtutti qilleensa galaanaa sanatti baay'ee gammaddee yaadni ishee battalumatti jijjiirame.

Nyaata bilcheessuu

Beeksisa qaama miidhamtoota bilisaan barsiisu dhageennan nyaata bilcheessuu barachuuf carraa argatte.

"Nyaata bilcheessuun jaalladha ture, haati koos nyaata bilcheessuu akka malee dandeessi turte, kanaaf carraa kana yeroon argu yaaluun qaba jedheen murteesse".

Nyaata galaanaa baay'ee akka jaallattu dubbatti: "Nyaachuu nan jaalladha, yoon siif bilcheesse baay'ee itti gammada ammas deebi'uu barbaada".

Abjuun ishee hoteelota gurguddoo keessa hojjechuudha.

Kanaaf erga barnootashee xumurtee booda hoteelota gurguddoo Daari Salaam keessa jiran keessatti hojii barbaaduu eegalte, garuu sababa qaama miidhamummaa isheetiin didamte.

"Hoteelli jalqabaa gargaarsa hin dhiheessinu naan jedhe, inni lammaffaan namoota akka keetii waliin hin hojjennu naan jedhe, inni sadaffaan naannoon kun siif hin mijatu, maaliif huccuu hin hodhine naan jedhan?" jettee gaddaan ibsiti.

Haalli kun kaappitaala xiqqoo qofaan pirojektii nyaata bilcheessuu mataa ishee akka jalqabdu ishee godhe.

Nyaata galaanaa bilcheessuun jalqabde. Sana booda nyaata kana miidiyaa hawaasaa irratti maxxansite.

"Ani marsaalee hawaasaa irratti maqaa Chef Zeny jedhuun hojjechaa ture. Maqaankoo guddachaa dhufe. Kanneen natti amananii fi na deeggaran turaniiru, garuu kanneen biroo nyaatakoo keessa qaama miidhamummaan akka jiru itti dhaga'ama ture".

Miira adabbii keessa galuu

"Yeroo tokko nyaata gara namoota 50tti geessen ture, ariifadhu naan jedhame. Sababni isaas nyaanni kun nama akkamii irraa akka dhufe namoonni akka argan hin barbaannuu naan jedhan.”

Jechoota akkanatti qaama miidhamtoota duubatti deebisa jetti Zeenan. “Qurxummiin kee hin bilchaannee naan jedhaa malee sababa hir'ina qaamaa kootiin na balfuun gaari miti. Nyaanni qaama miidhamummaa hin qabu.”

Zeenaan sodaan jireenya ishee keessatti bakka akka hin qabne cimsitee kan dubbattu yoo ta'u, yeroo jalqabaaf qarqara galaanaa deemuuf erga murteessitee boodas sodaa ni didde.

Zeenan waa'ee nyaata fayya qabeessa sirrii ta'e nyaachuu kan akka sukkaara qaama keessa jiru to'achuu, qaama kee beekuu fi nyaata karoorfachuu irratti barnoota kenniti.

Barbaada hojii irratti yeroo hedduu waan didamteed Inistiitiyuutii Parachef jedhamu hundeessite. Dhaabbanni kun qaama miidhamtoota hojii adda addaa irratti nyaata bilcheessan walitti kan fiduu leenjii nyaata bilcheessuus ni kennu.

Yeroo ammaa kanas Zeenaan dhimma qaama miidhamtootaaf waltajjiiwwan adda addaa irratti hirmaachuudhaan dubbatti. Mirga qaama miidhamtoota Taanzaaniyaa keessaa fi alaatti kabachiisuuf carraa argatteetti.

"Walgahii Naayiroobitti godhame dhaqeen ture, achitti akkan dubbadhu affeeramee ture.". Akka qaama miidhamtootaatti murtoo nuuf hin murteessinaa, sirna keessa seennee ofuma keenyaan haa dubbannu jedheen.”

Bara 2023tti Zeenan yuunivarsiitii Ameerikaa fi Taanzaaniyaa waliin ta'uun pirojektoota dargaggoota qaama miidhamtootaan qophaa'an lama haala mijeessuun dorgommii addaa kan qopheessan. Kaayyoon isaas qaama miidhamtoonni dandeettii isaanii karaa toora miidiyaa hawaasummaatiin akka agarsiisan barsiisuu ture.

Gorsa

Ijoolleen eebba, daa'imni qaama miidhamummaa qabu akkuma daa'ima qaama miidhamummaa hin qabne mirga qaba.

"Qormaata addunyaa kanaa akkamitti akka fudhatan barsiisaa akkasumas mucaa keessan akkamitti akka of jaallatu barsiisaa. " jechuun xumurti Zeenan