Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TikTok mootummaan yoo jidduu gale malee boruurraa kaasee Ameerikaatti tajaajila akka dhaabu beeksiise
TikTok osoo dhorkaan irra kaa'ame hojiirra hin oolfamiin mootummaan jidduu yoo seenee malee Dilbata boru Amajjii 19, 2025 irraa kaasee Appichi hojii akka dhaabu akka dirqamu beeksiiseera.
Dhaabbatichi ibsa guyyaa Jimaataa Amajjii 17, 2025 kenneen, Waayit Hawusiifi qaamooleen haqaa, ''TikTok akka itti fufuuf miidiyaa hawaasichaatiif ibsa bu'uura jedhamu kennuu fi mirkanneessuu dadhabaniiru'' jedhe.
Mootummaan atattamaan dhorkaa appii miidiyaa hawaasaa ittiin viidiyoowwn gagabaaboon qoodaman irra kaa'ame cabsuudhaan akka hin adabamneef jidduu seenuudhaan wabii yoo kenneef malee Dilbata boruu irraa kaasee ''appichi cufamuuf dirqama'' jedhan.
Bu'urasaa Chaayinaa kan taasifate dhaabbanni haadhoon TikTok 'ByteDance' hanga Dilbata boruutti yoo gurgurame malee miidiyaan hawaasaa kun Ameerikaatti hojiirra akka hin oolfamne Manni Murtii Waliigalaa biyyattii guyyaa Jimaata kaleessaa murteessuu hordofeeti dhaabbatichi ibsa kana kan baase.
Bara darbe baatii Eblaa irratti 'ByteDance' dhorkaa kaa'ame hambiisuuf TikTok'n Ameerikaa qaama walabaatti gurguramu akka qabaatu seera tokko baasee ture.
TikTok gamasaatiin fayyadamtoonni biyyattii keessatti argaman miliyoona 70n yaadasaanii bilisaan akka hin ibsanneef mirgasaanii kan sarbuudha jechuun seericha cimsee mormee ture.
Haata'u malee Manni Murtii Waliigalaa biyyattii murtee dabarseen, TikTok'n Ameerikaa guyyoota ittaanan keessatti yoo gurgurame malee appichi mobaayila harkaa irraa buufamuuf akka dirqamu taasifama jedhameera.
Dhorkaan kun fayyadamtoota kanaan dura Appii TikTokii buufatan irratti dhiibbaa hin qabaatu ta'a jedhamee yaadamee ture. Haata'u malee dhorkichi tokkicha hojiirra oolfamnaan fooyya'insi (update)n appichaa argamu sababii hin dandeenyeefu adeemsa keessa miidiyaa hawaasaa kun hojiin ala ta'a jedhamee ture.
Ta'us TikTok ibsa Jimaata baaseen, tajaajiilli miidiyaa hawaasaa kanaa kanneen duraan fayyadamaa jiraniifis ta'e kanneen akka haaraatti appicha buufachu barbaadaniif tajaajiilli battalatti akka dhaabbatu ibseera.
Namoonni miidiyaa hawaasaa kanarratti beekkamtii qabanis dhorkamuu appii kanaatiin dura viidiyoowwna nagaa dhaabuu hordoftoota isanaiif qoodaa turaniiru.
Aangoon Pirezidantii Joo Baayidan Wiixata dhufaa xumurii hordoofee dhorkaa kana hojiirra oolchuuf itti gaafatamummaan pirezidantii filatamaa Doonaald Tiraamp irratti akka kufu Waayit Hawuus kanaan dura beeksiisera.
Jalqabarratti tarkaanfii kana deeggaranii kan turan Tiraamp dhorkicha akka morman kaasanii ture.
''Murteen TikTok irratti qabu dhiheenyattan ifa taasisan. Haata'u malee haalicha xinxaluudhaaf yeroon na barbaachisa'' jedhu guyyaa Jimaataa wayita dubbataniitti.
Tiraamp itti dabaluudhaanis Pirezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin TikTok dabalatee dhimmoota biroo irratti marii taasisuu isaa ibsaniiru.
Doonaald Tiraamp filannoo biyyattiin taasifteen filattoonni dargaggootaa bira gahuudhaaf TikTok'n akka isaan gargaare ibsaniiru.
Yaada Tiraamp kennaniin, bara aangoo saanii jalqabaatiin TikTok dhorkuudhaaf ejjannoo ajaja pirezidantummaa baasanii turan sana irraa baayyee fagoodha.
Dhaabbanni 'ByteDance' TikTok akka hin gurguruurree ibsuun tajaajila Ameerkaa jiru Dilbatarraa kaasee nan cufa jedheera.
Miseensoonni paarlaamaa Ameerikaa walitti dhufeenyi TikTok mootummaa Chaayinaa waliin qabu yaaddoorra nu buurseera jechuun Appichi akka dhorkamuuf sagalee kennuunsaani niyaadatama.
TikTok gamasaatiin mootummaa Chaayinaa waliin walitti dhufeenya omaatu akka hin qabne fi odeeffannoof akka hin qoodneef irra dedebiin beeksiseera.
Dhorkaan kun kaa'amuuf jiru kunis kan dhufe yeroo US keessatti waa'ee basaasummaa Chaayinaa yaaddoo guddaa keessaa jirtuttiidha.
Dhaabbileen nageenya saayibarii gamasaanitiin appichi waan TikTok irratti ilaalaniin alatti daataa fayyadamtootaa walitti qabuu akka danda'u yaada dhiyeessan.