Hundaa’ol Kabbadaa: Injinara iddoo hojjetu suura eebbaan faayee ‘listiroo’ hojjetu

Hundaa’ol Kabbadaa dargaggeessa ganna digdamoota keessaa yoo ta’u, Shawaa Kaabaa magaalaa Garba Gurraachaatti dhalatee guddaate.

Abbaan isaa barsiisaa Fiiziksii waan turaniif Hundaa’olis barnoota Fiiziksii gosa barnootaa kaan caalaa jaalala qabaachaafii akka ture hima.

Barnoota isaatti barataa qaxalee akka ture kan himu dargaggoon kun, bara 2015 Yunvarsiitii Jimmaarraa muummee barnoota Injinariingiitiin eebbifame.

“Barnootakoorratti barataa cimaan ture. Fiiziksii waanin jaaldhuuf barnoota isaan walqabatu barbaadeen muummee Injinariingii baradhe. Hawwiin kiyya gosa barumsaa kanaan ofis fayyadee biyyaafis waa buusuu ture,” jedha.

Dargaggoo Hundaa’ol erga eebbifamee iddoowwan beeksisni hojii ni baha jedhee yaadu Finfinnee fi Adaamaa ji’ootaaf jooree hojii barbaadaa ture. Ta’ulleen akka itti hin milkoofne hima.

“Ergan eebbifamee bahee yoo xiqqaate ji’oota jaha kan ta’u Adaamaa taa’een hojii barbaadaa ture.

Magaalota biroottis deemee yaalaan ture. Waanin hanga ammaa hojiif iyyata galche keessaa bakkuma tokkoollee kan nawaame hin jiru,” jedha.

Gosti barnoota Injinariingii inni barate “Material Science and Engineering” jedhamus haaraafi hedduu kan hin baratamne ta’uun carraa hojii argachuu isaarratti dhiibbaa akka uumes hima.

Hojiin ani barbaadu erga dhabamee kan na barbaadun hojjedha…

Hundaa’ol yaalii hojii argachuu ji’ootaaf taasisee erga ijibbaatee booda gara maatii isaatti akka deebi’e hima.

“Maatiin kee barattee akka hojii qabaattu barbaada. Hojiin ammoo dhabameera. Maatiin kiyyallee haala jiru waan hubataniif nan dhiphisan.

Namootni naannoo garuu gaafa qe’eetti si argan ‘Asuma jirtaa?' 'Hojii hin jalqabnee?’ siinjedhu. Kun baayyuma nama dhiphisa,” jedha.

Dhiibbaa hojii malee taa’uu kana jalaa bahuuf jecha hojii uummachuu akka qabu yaade. Ji’ootaan dura gara Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sulultaa deemuun tokko jedhee hojii liistiroo yookan kophee qulqulleessuu eegale.

“Hojii malee qoodan taa’u maafin waanin danda’u hin hojjedhu jedheen naannoo birrii kuma lamaatin meeshaalee hojii kanaaf na barbaachisan bitadhee daandii cinaatti liistiroo jalqabe jedha.

Dargaggoo Hundaa’ol iddoo hojii listiroosaa kanatti suurasaa digiriin eebbifames maxxanfatee jira.

“Suura kiyya kanin maxxanse hojiin kabaja ta’uusaa agarsiisufani. Biyya akka keenyaa hiyyeessa kana keessatti gadi jedhanii hojjechuun dirqama akka ta’e namni haa baratu jedheeni,” jedha.

Namootni isa biratti kophee qulqulleeffatanis gariin yaada hamilee itti horu, gariin ammoo yaadota hamilee isa buusan dhagahuun jireenya guyyuusaa ta’eera.

“Namootni na jajjabeessan baayyeedha. Namni tokko waa’eekoo kana dhagahee jennaan teessoo maamilli irra taa’u kennaadhaan naaf kenneera. Namootni kaanimmoo digirii baatee gadi deebi’ee kana hojjetaa, maali kan akkanaa naan jedhu.”

“Namoota na jajjabeessan nan galateeffadha. Namootni yaadota hamilee na buusan naaf kennanis akkaatuma hubannaa isaaniiti jedhee waanin amanuuf isaaninis galatoomaan jedhaan” jedha Hundaa’ol.

Maatiin isaas akka hojii kophee qulqulleessuu kana jalqabe yeroo dhagahan ‘Jabaadhu hojiin nama hin tuffachiisu’ jedhaniituma na jajjabeessan. Keessa isaaniitti garaa hanqachuu akka malu nan beeka. Isaan garuu miira akkasii natti hin agarsiisne jedha.

Dargaggoo Hundaa’ol iddoo hojiif mijataa ta’e akka hin arganne himuun, fuula duratti bakka hojii kanaaf fooyya’aa ta’e yoo argate hojiisaa daran guddisee hojjechuuf akka yaade hima.

Fedhiin isaa ogummaa barateen hojjechuufi barnoota isaa itti fufee barachuu ta’ulleen hanga yaannisaa kun qaqqabamutti hojii kophee qulqulleessuu kana cimsee akka hojjetu turtii BBC waliin taasise irratti himeera.

Itoophiyaatti barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo irraa eebbifaman sababa carraa hojii hin arganneef rakkoo kana keessaa bahuuf jecha dargaggoonni hojiilee akka kophee qulqulleessuufi qonnaa irratti bobba’an irra deddeebiin waan mul’achaa jiru.

Baruma kana gara jalqabaarra Finfinneetti Injinara kophee qulqulleesitu BBC’n erga gaaffiifi deebii godheefiin booda namootni bakka adda addaa irraa gargaaruun ogummaa baratteen carraa hojii uummachuun hojii hodhaa uffataafi faashinii jalqabuushee gabaasnee turre.

Godina Walaayittaattis Doktara fayyaa carraa hojii dhabuun hojii qonnaa maatiisaa waliin hojjechuutti deebi’es kan gabaasne baruma kana keessa.