Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dirooniin jiruu nuuf salphisuuf deemaa?
Dhiyeenya kana Itoophiyaa keessatti dirooniiwwan fayyadamuun talaalliiwwan garagaraa iddoowwan dhaqqabuuf rakkisoo ta’anitti geessuun akka danda’ame gabaafameera.
Tekinoloojiin diroonii fayyadamuun meeshaalee geejibsiisuu ALA bara 2013 keessa abbaa qabeenyaa beekamaa addunyaa Jeef Bezosiin erga beeksifamee booda xiyyeeffannoo idil addunyaa argate.
Abbaan qabeenyaa kun waqtii sanatti tekinoloojichi waggoota afur yookiin shan keessatti baay’inaan faayidaarra akka oolu hawwiifii abdii qaban dubbatanillee tekinoloojichi akka yaadametti hin babal’anne.
Dhaabbanni gorsaa McKinsey & Company jedhamu bara 2022 keessa akka addunyaatti dhaabbileen diroonii fayyadamuun meeshaalee geejibsiisan 10 akka turanfii dhaabbileen kunneen bara eerame keessatti ergaawwan 874,000 deddeebisuu himeera.
Kunis guyyaatti ergaawwan 2,395 jechuudha. Gama biraatiin immoo ALA 2020 keessa guyya guyyaan ergaawwan miliyoona 273 maloota geejibaa lafarraa fayyadamuun akka ergamaa turan ragaan dhaabbatichaa hima.
Kunis guddinni tekinoloojii dirooniin ergaawwan yookiin meeshaalee geejibsiisuu harkifataa ta’uusaa kan agarsiisudha.
Guddina harkifataa kanaaf sababni maali?
Tekinoloojii dirooniiwwan bifa balaa hin geesisnefii haala si’ataa ta’een balaliisuu danda’u hojjechuun qaalii ta’uunsaa sababoota guddinni tekinoloojichaa itti harkifate keessaa tokkodha.
Sababni inni biraan immoo seeronni fi dambiiwwan aviyeeshinii akka addunyaatti jiran babal’achuu tekinoloojii kanaaf gufuu ta’uu isaaniiti.
Kana malees yaaddoowwan icciitii dhuunfaafii nageenyaa namoota biraa ka’anis fudhatamummaa itti fayyadama dirooniiwwan meeshaa geejibsiisanii hir’iseera.
Miseensa Hawaasa Xin-sammuu Biriitish kan ta’an ogeessi xinsammuu Dr. Pool Maarisden, “yaadawwan haaraa ija shakkiin ilaaluun qaama uumama namaati” jedhu.
Yaaddoon namoonni heddun qabanis hanguma tekinoloojiin kun babal’atu namoonni hoji dhabaa ta’u kan jedhu akka ta’e ogeessi kun himu.
Yaaddoo miidhaa qabeenya uumamaa?
“Sagaleen dirooniiwwanii sagalee konkolaataatii ol ta’uu baatullee sagaleen diroonii caalmaatti kan nama jeequ akka ta’e qorannoowwan mul’isu” jedhu Dr. Maarisden.
“Sagaleen bookee tokkoo hirriiba kan sidhorku yoo ta’e, sagaleen hoomaa diroonii immoo hirriibakee akkam gochuu akka danda’an yaadi” jedhu doktarichi.
Kanaafis dhaabbileen diroonii fayyadamuun hojii meeshaalee geejibsiisuu hojjetan sagalee dirooniiwwan isaanii hir’isuuf hojjechaa jiru.
Kana malees qorannoon deeggaramuu baatus miidhaan kallattii yookiin alkallattii dirooniiwwan simbirroota balali’an irratti geesisuu malanis yaaddoo isa biraati.
Balalliiwwan lubbuu namaa oolchan
Namoonni meeshaalee jiruu guyyuuf barbaadan salphaatti bituun qe’ee isaaniitii osoo hinbahin akka argatan gochuun cinatti gumaachi dirooniiwwan gama lubbuu namootaa oolchuun qabanis olaanaadha.
Biyyoota Gamtoomanitti Dhaabbanni Fandii Hatattamaa Daa’immanii (UNICEF) akka himutti tibba weerare dhibee Covid-19 biyyoonni 18 dirooniiwwan fayyadamuun meeshaalee daran barbaachisoo ta’an geejibsiisaa turaniiru.
Samuudawwan medikaalaa, qorichoonni akkasumas wantoonni ittifayyadama guyyuuf oolan dirooniiwwan fayyadamuun hospitaalotaaf fi maneen jireenyaa dhuunfaaf geeffamaa akka turanis dhaabbatichi hima.
Bara faranjootaa 2019 keessammoo Ameerikaa keessatti kaleen arjoomaan argame diroonii fayyadamuun gara iddoo dhukkubsataan kalicha barbaadu itti argamutti geeffameera.
Kana malees ALA bara 2016 dhaabbanni Zipline jedhamu Ruwaandaa keessatti dirooniiwwan fayyadamuun dhiiga deddeebisuu eegaleera.
Nasa fi dirooniiwwan
Ragaan dhabbata McKinsey akka agarsiisutti tajaajilli geejibaa dirooniidhaan kennamu harkifataa ta’us guddachaa jira.
Kanaaf sababni immoo “moosaajiiwwan soorata, qoricha fi meeshaalee biroo fayyadamtootaaf dhiyeessuu dandeesisan baay’achuu isaaniiti” jedha dhaabbatichi.
Gama biraatiin dhaabbanni biyya Ameerikaa keessattuu tajaajila gabaa gama marsariitii kennuun beekamu Amazon, dhuma bara 2024’tti tajaajila meeshaalee dirooniidhaan geessuu biyyoota akka Xaaliyaanii fi Yunaayitid Kingidam (UK) keessatti akka eegalu beeksiseera.
Dhaabbata qorannoo hawaa biyya Ameerikaa kan ta’e NASA’n immoo dhaabbilee biroo lama waliin ta’uun dirooniiwwan meeshaalee deddeebisan omishuuf hojjechaa jira.
Pirojektiin kunis dirooniiwwan xixxiqqoofii xayyaarawwan fe’umsa meeshaatti qindoominaan fayyadamuun meeshaalee karaa si’ataafi saffisaa ta’een geejibsiisuu kan kaayyefatedha.