Dhaabbanni Tajaajila Awutoobisii Finfinnee hojjetoota 'ulaagaa hin guutan' jedhe 400 hojiirraa ari'e

Dhaabbanni Tajaajila Awutoobusii Magaalaa Finfinnee "sirreessuufi ramaddiitiin" hojjetoota 400 ta'an Amajjirraa kaasee hojiirraa gaggeessuu hojjetoonniifi dhaabbatichi himan.

A L I bara 2015 "tajaajila foyyaa'aa kennuu" maqaa jedhuun waggoota 70 ol tajaajila geejjibaa Finfinneef dhiyeessaa kan ture Anbassaa Baas fi Geejiba Ummataa Shaggar walitti makamuun dhaabbata misoomaa hudeessan.

Kana hordofee "rifoormii" gaggeessuu kan jalqabe Dhaabbatichi, sirreeffamaafi ramaddii gaggeesseen hojjettoota "karaa sirrii hin taanee"fi "akkuma argatti" hojiirraa ari'amneerra jechuun dubbatan.

Dhaabbanni Tajaajila Awutoobusii Magaalaa Finfinnee hojjetoota qormaata ga'umsaaafi dorgommii hin darbiin hojiirraa hir'isuu ibsuun "amaluma rifoormiiti" jechuun dhimmicharratti BBCf deebii kenneera.

Dhaabbatichi bara darbe "ramaddii hojii hoji-gaggeessitootaa, akkasumas raawwii" qajeelfama jedhu kan baase yoo ta'u, akka qajeelfama kanaati "qorannoodhaan" caasaa haaraa qopheessuu isaa hojjetoonni dubbataniiru.

Qajeelfamicha yeroo hojjetoonni akka hubatan godhametti qormaata kennee qormaaticha darbuu yoo baatanillee sadarkaa tokko gadi butamanii hojii isaanii akka itti fufan abdachiifamanii akka turan dubbataniiru.

Dhaabbatichi kana haa jedhu malee, qormaaticha warri darbanis, warri hin darbiini, hojjetoonni muuxannoo hojii qaban "akeekkachiisa tokko malee" hojiirraa akka isaan ari'e hojjetoonni ja'a BBCtti himaniiru.

Lakkoofsi hojjetoota hojiirraa ari'amanii 480 akka ta'u hojjetoonni himanillee, Dhaabbatichi garuu hojjetoota 382 ta'u jedhe.

Hojjetoonni hojiirraa ari'aman hojjetoota qulqulleessuufi eegumsarraa kaasee dhaabbaticha keessatti waggoota kurnaniifi hojjetoota umuriin isaanii sooramaaf dhiyaate keessatti akka argaman dubbateera.

"Ramaddii warri argattan rakkoon hin jiru, bakka ni qabaanna; ni ramadamtu," jedhamaa turre kan jedhaniifi hojjetoota ari'aman keessaa tokko kan taate, A L I Mudde 24, 2017 walga'ii hatattamaan ibsa kennuun akka gaggeeffaman ibsaniiru.

"Rakkoo qophii barnootaati akka hin jedhamnee, namoonni digirii qabnu baayyeen jirra. Muuxannoo hojiidha akka hin jedhamneef, hanga waggaa 34 dhaabbaticha keessa kanneen hojjetan nu waliin jiru," jechuun seeraan ala hojiirraa ari'amuu dubbatu.

Xalayaan ittiin gaggeeffaman, "ulaagaa waan hin guutneef" akka jedhu kan dubbatte hojjettuun kun, dhaabbata waggoota ja'aaf keessa hojjetan keessaa "haala akeekkachiifni hin kennamneef kessatti" ari'amuun isaanii akka bitaa itti gale BBCtti dubbatteetti.

Qormaata gahumsaa darabnii ''qophaa'inni barnootaa keessan hin hawwatu'' jedhamuun akka arii'aman kan himan hojjetaan biraa ''waan tasaa'' akka itti tahe dubbataniiru.

''Gad jettanii hojjettu jechuun nu mariisisuufi jennee otoo yaadnuu Amajji tokkorraa eegalee waliigalteen keessan addaan citeera jechuun ergaa du'aa nuu dabarasan,'' jedhaniiru.

''Miidhaa battalaa'' jechuun hojiirraa arii'amu isaanii kan ibsan hojjetaan biraa qoramaata darbuu isaanii himuun guddina miindaa otoo eegani hojiirraa arii'amuu isaanii ibsaniiru.

''Kan jedhamnee turre namni qoramaata darbe iddoo barbaadametti raamadamaa ture, kan qoramaata hin darbine ammoo sadarkaa isaarraa tokko gad buufamee hojjetaa dha, malee wabii hojii keenyaa hamma dhabnutti hin yaadne ture,'' jechuun qormaatichis maqaaf akka ture dubbataniiru.

Dhaabbaticha keessatti wagga 15f hojii eegumsaan kan dalagaa turaniifi hojjetaan arii'aman qoramaata darbanillee ''gahumsa hin qabdan'' jedhamuun akka geggeefaman himan.

Hojiirraa arii'amuu isaanii kana ''faayidaa argachuuf'' kan godhame jedhanii amanu.

''Dhaabbatichi qcarrii eegumsa kara ejansii dhaan godheera. Ejansiidhaa fideeti qacare. Ejansiiwwan isaan wajjin hidhata waan qabaniif faayidaa argachuufi,'' jechuun himatu.

Dhaabbatichi iddoo namoota hojiirraa arii'amanii ''ejansiiwwan'' irraa qacaruu itti gaafatamaan maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan dubbataniiru.

Hojjettoonni haala hin eegamneefi qaala'insi jireenyaa jiruun geggeefamuu isaanii jireenya isaanii irratti dhiibbaa gochuu dubbataniiru.

''Mindaan keenya xinnoo tahullee ishuma waliin geenyeetu jiraanna ture. Amma garuu akkaan ulfaata. Manni kiraa jiraa, namoonni ana caala rakkatan jiru. Haadha warraafi abbaan warraa waliin arii'amanis jiru,'' abbaan ijoollee afurii akka tahan kan himan haala jiru ibsaniiru.

''Kunis mindaa mana kiraa kaffalee, isa hafeen nyaadheen bula ture. Amma garuu kiraa manaayyuu kaffaluu hin danda'u,'' kan jedhan hojjetaan biraa dubbiin walxaxaa jalaa tahuu dubbataniiru.

Maatii akka bulchan kan himan hojjetaan biraa isaaniin dabalatee kanneen hojiirraa arii'aman kaan haala ''rakkisaa'' keessa akka jiran himu.

''Waan hundi qaalii dha,'' jechuun ''daandiitti nu baasuuf jira ykn wanbadee nu godha,'' jechuun haala isaanii ibsaniiru.

Dhaabbatichi sababa hojjettoota arii'eef gaaffii itti tahuu kan himan yoo tahu kanneen sadarkaa isaanii irraa gulantaa shank an gad buufaman jiru, mindaan isaanii walakkaan jala hir'ifame akka jiru himaniiru.

Tajaajila Otobisii Magaalaa Finfinneetti hojii geggeessaa ittaanaa Sabisibaachaw Mangistee dhaabbatichi Yunivarsiitii Kotobeetti qoramaata gahumsaa fudhatanii warri hin dabarre hojiirra hir'ifamuu himu.

''Gita hojii tokko irratti namni saddeet barbaadama taanaan kan iddichi barbaadu saddeet qofa galchina jedhan. Akka dorgomu kan affeerrus barumsaafi muuxannoon kan hawwatu yoo taheefi,'' jedhaniiru.

''Amaluma riifoormiiti'' jechuudhaan hojjattoota hir'isuu kana dandeettii fi dorgommii waliin wal qabsiisn Ittaanaan hojii gaggeessaa, ''hojiin hojjatame namoota dorgomsiisuudhaan bakka maluutti ramaduudha'' jechuun tarkaanfii dhaabbatichaa ibsaniiru.

Kanaaf agarsiiftuu yoo kaasan ammoo, ''Namoonni bulchiinsa Magaalaa irratti dorgoman qophaa'insi barnootasaanii kan biraa ta'u dana'a. Yoo namni qophaa'insa barnootaatiin kan itti dhiyaatu argame ammoo hojii dursa kennuufii hojjanneera'' jechuun, ''qorannoo caasaatiin durfamu'' dubbataniiru.

Osoo hojjattoota dhaabbatichaa hin gaggeessiin dura gara ramadiiwwan biraatti dabarsuu dabalatee filmaatawwan jiraan ilaaluusaanii gaafatamanii, dhaabbatichi kan misoomaa ta'usaa kaasuudhaan, ''filmaata biraa ilaaluun hin danda'amne'' jedhan.

Hojjattoonni gaggeeffaman ammoo mirgasaanii kabachiifachuuf dhaabbata Abbaagaarii fi Konfadareeshinii Waldaalee Hojjattootaatti iyyachusaanii dubbataniiru.

Odeeffannoon ''hojjattoonni ni hir'ifamu'' jedhu qofti isaan qaqabuu BBCtti kan dubbatan pirezidantiin Konfedereshinii Waldaalee Hojjattoota Itoophiyaa, Obbo Kaasaahun Fooloo, Konfidareshinichi haala adeemsa hojiirraa hir'isuu akka ilaaluu ibsaniiru.