Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US'tti dhukaasa banameen namoonni 18 ajjeefaman
Poolisiin US magaalaaa Lewiston, bulchiinsa Mee'in dhukaasa banameen namoonni 18 ajjeefamaniiru jedhe.
Kana hordofee hidhataan miliqee hin qabamiin jiru tokko waan jiruufis uummanni akka of eeggatuuf akeekkachiiseera.
Jiraattonni magaalattii, akkasumas kan magaalaa dhiyeenyarratti argamtu Lisban akka manaa hin baane itti himameera.
Poolisiin gocha kana duuba kan jiru nama maqaan isaa Roobert Kaard jedhamuufi umuriin isaa ganna 40 ta'uu himeera. Namni kun "akka hidhatee jiruufi hamaa ta'e" beekamuu qabas jedheera poolisiin.
Dhimmicharratti Joo Baayidan ibsa argachuu kan ibse Waayit Hawus, waan haaraa jirus yeroo yerootti isaan gaha jedheera.
Gabaasaaleen hedduu garoo ammoo hin mirkanoofne akka agarsiisanitti namoonni dabalataa 50 ta'an madaa'aniiru.
Poolisiin Isteeta Bee'in ibsa X, kan duraan Tiwiitara ture irratti baaseen akkas jedhe: "Lewiston keessa namni namatti dhukaasu jira."
"Namoonni akka bakka jiranii hin baaneef ni gaafanna. Maaloo karra keessan cufadhaatii mana keessan keessa turaa."
Komishinarri Qajeelcha Nageenya Ummataa Mee'in Mikaa'el Saawuzshuuk rippoortarotatti akka himetti, dhukaasni kan jalqabe 18:56 akka saatii bakka sanaatti (22:56 GMT) yoo ta'u, "lubbuun baayyee darbeera".
Wiirtuun Fayyaa Giddu-galeessa Mee'in "namoota jumlaan ajjeefamaniifi, dhukaasaan madaa'an" hospitaalota naannoo sana jiran waliin gargaaraa ture.
The Central Maine Medical Center said it was reacting to a "mass casualty, mass shooter event" and was coordinating with other hospitals in the area to treat the injured.
Qondaalli Nageenyaa Kaawonii Andiroskogin suurawwan shakkamaa lama gadhiisuun, uummanni shakkamaa kana arge akka eeruuf gaafateera.
Suurawwanirratti namni areeda qabuufi shurraaba daalacha uffate tokko qawwee baatee gamoo tokko seenu agarsiisu.
Namni taatee kana duuba jira jedhamee shakkamu kun inistiraaktara meeshaa waraanaa yoo ta'u, ofiisaa ammoo duraan humna waraanaa UStiin magaalaa Saakoo, Mee'im keessatti leenjifame.
Odeeffannoo waa'ee nama kanaa bahe akka himutti, kanaan dura ganna bara 2023 keessa wiirtuu wallaansa fayyaa samuutti kan dabarse yoo ta'u, bakka ture sana keessatti dhukaasa akka banu dhaadataa tureeera.
Lewiston uummata 38,00 kan qabdu yoo ta'u, magaalaaa Mee'in keessatti Poortilaanditti aantee lamaffaarratti argamti.