Kataar Hamaas fi Israa'el maaliif mariisisuu dhiiste ?

Ministirri dhimma alaa Kataar waraana Sulxaan bin Zaad Muraakii walgahii Joordanitti qophaa'etti hirmaataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri dhimma alaa Kataar waraana Sulxaan bin Zaad Muraakii walgahii Joordanitti qophaa'etti hirmaataniiru

Mootummaan Kataar marii nagaatiin Israa’elii fi Hamaas walitti dhiyeessuuf tattaaffii taasisaa ture yeroof dhaabu ibse.

Sababni ijoon Kataar ibsitemmoo gartuun lachuu mari’achuuf fedhii dhabanii kan jedhuudha.

Kana qofaa miti, Kataar waajjira Hamaas biyyattii keessa jiru akka cufuufis dhiibbaan US itti cimeera.

Biyya xiqqoofi dureetti taate Kataar, Baha Giddu Galeessaatti akka jaarsaa araaratti of ilaalti, garuu waldhabdee Israa’el fi Hamaas jaarsummaan furuun itti cimeera.

Kataar akkamiin jaarsummaan maqaa tolfatte?

Kataar biyya xiqqoo Galoo Galaana Pershiyaa keessa jirtu yoo taatu, kaaree kiiloo meetira 11,600 bal’atti.

Garuu biyya boba’aa baay’ee guddaa biyyoota birootti ergitu yoo ta’u, galii nama-tokkeetiin addunyaarratti sadarkaa 6ffaa irratti argamti.

Mootummaan biyyattii gahee nagaa buusuu filate.

Kataar waggoota 20’n darban keessatti qaamolee waraanaan walitti fiduun waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi waliigalteen nageenya akka malattaa’uuf Baha Giddugaleessaa, Awurooppaa fi Afrikaatti qooda jabaa gumaatte.

Kataar Sadaasa bara 2023 marii dhukaasa dhaabuu yeroo murtaa’eef Israa’elii fi Hamaas gidduu ture keessummeessiteetti.

Yeroo sanatti lammileen Israa’el butaman 105 hidhamtoota Filisxeem 240 waliin wal jijjiiran.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2020tti ammoo Kataar waliigaltee nagaa Taalibaan fi US keessummeessuun waraana Afgaanistaan keessatti waggoota 20’f ture goolabde.

Kunis US fi michoonni ishee loltootasaanii biyyattii keessaa baasuun, Taalibaan deebi’ee aangoo qabachuun xumurame.

Kataar bara 2023tti wal jijjiirraa hidhamtoota US fi Iraan gidduutti akka raawwatamu waliigalchiiftetti.

Baruma sanatti daa’imman Yukireen biyyattirraa gara Raashiyaatti fudhataman akka deebi’aniif Raashiyaa fi Yukireen walitti fiduu dandeesse.

Bara 2022tti Kataar mootummaa Chaad fi gareewwan mormitootaa 40 guutan dhukaasa akka dhaaban waliigachiifte.

Bara 2010tti waliigaltee nagaa mootummaa Sudaan fi gareewwan hidhatan kanneen bulchiinsa dhiha Daarfuur akka gaggeeffamu qindeessaa turte.

Mootummaan Kataar gahee biyyattiin nagaa buusuuf qabdu heera biyyattii keessatti barreesse.

Heerri biyyattii keewwatni Torbaffaan akkas jedha: “Imaammanni biyya alaa Kataar waldhabdee qajjeelfama nageenya fi tasgabbii sadarkaa idil-addunyaatti cimsuu fi waldhabbii karaa nagaa akka furamu jajjabeessuurratti hundaa’a” jedha.

Kataar michuu US qofa miti, loltoonni Ameerikaa kumaatamaan lakkaa’aman buufata xiyyaaraa Al Udeeyidii keessa jiru.

Garuu gareewwan finxaaleyyii akka Taalibaan fi Hamaasillee biyyattii keessatti waajjira akka banatan eeyyamteef.

Kunis gartuuwwan siyaasaa kallattiin walitti hin dubbanne gidduutti akka riqichatti akka tajaajiltu ishee dandeessisa jedhu Dr H.A. Helliyer.

Dr Helliyer dhaabbata UK keessa maadheffate 'Royal United Services Institute' jedhamu keessa hojjata.

“Kataar gareewwan akka Taalibaanii fi Hamaas iddoo itti hasofsiisuuf filatamtu.

''Sababiin isaas Kataar waliin takkaa wal dhabanii hin beekan,” jedhu.

Kataar marii waraana Ameerikaan Afgaanistaanitti gaggeessitu goolabe bara 2020 keessummeessite

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kataar marii waraana Ameerikaan Afgaanistaanitti gaggeessitu goolabe bara 2020 keessummeessite

“Sababa waraanni Ameerikaa biyyattii keessa jiraniif bakka bu’oonni gareewwan hidhattoota yaaddoo nageenyaa hin qaban.

“Yaaliin ajjeechaa otoo itti hin aggaamamiin, nageenyaan mari’achuu akka danda’anitti fudhatu” jechuun himu.

“Biyyattiin qabatamaan akka jaarsa araaraatti ilaaamu feeti’’ jedhu Dr Sanam Vakil, dhaabbata UK keessa maadheeffate, Chaataam Haawus keesssa kan hojjatan.

“Jaarsa araaraa nagaa buusu ta’uun Kataar, Ameerikaan michuu barbaadamtu akka taatu taasisera, akkasumas biyyoota Lixaaf tasgabbii uumti jechuudha.

"Biyyoota naannichaa tasgabbeessiti” jedhan.

Kataar garee dippiloomaatota qaxalee marii nagaa qindeessan qabdi jedhu Dr Vaakil.

Haata'u malee, yeroo hunda gareewwan wal waraanaan waliigaltee nagaa akka mallatteessan amansiisu ykn dhukaasa dhabsisuu hin dandeenye jedhu Dr Vaakil.

''Kataar yeroo marsaan lolaa xumuramee, gareen wal lolan barbaadanitti gara xumuraarratti marii nageenyaa qindeessuurrati ga’umsa qabdi,'' jetti.

‘’Yoo akkas ta’e malee lola dhaabuun ni cima.”

Israa'elii fi Gaazaatti nagaa buusuun Kataaritti maaf cime?

Ministeerri dhimma alaa Kataar biyyattiin qooda jaarsummaa marii nagaa Israa’elii fi Hamaas irratti gumaachaa turtee yeroof addaan kutuu ibse.

Haa ta’u malee, waajjira Hamaas Dohaatti argamu ni cufti gabaasa jedhu fudhatama dhabsiisan.

Mootummaan Israa’el ergasii Kataar Hamaas filatti, shororkeessitoota kunuunsiti jedhee qeeqe.

Dr Helliyer akkas jedhu: “Mootummaan Kataar hoggantoonni Hamaas bara 2012 mootummaa Sooriyaa waliin erga wal dhabanii booda waajjira isaanii Damaasqoorraa garasitti akka geessan affeere.

''Kana kan godhan US waliini dubbachuun, tarii Israa’el waliinillee ta’uu mala,” jedhan.

Kataar lola kanaan dura Israa’elii fi Hamaas dhukaasa akka dhaaban gargaartetti, “garuu yeroo sanatti gareen lachuu gara haala duraan tureetti deebi’uu barbaadu turan” jedhan.

''Kan amma kun garuu addadha,'' jedhu Dr Vaakil.

“Mootummaan Israa’el nagaa barbaadu caalaa wabii nageenya ishee mirkaneessuu barbaada. Waraanaan kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf yaalaa jiru. Hamaas garuu lubbuun jiraachuu qofaaf nagaa barbaada” jedhan.

Kana bu’uureeffachuun Hamaas Kataar keessaa bahee waajjirasaa gara Turkii ykn Iraanitti jijjiiruu mala jedhamee tilmaamame.

Garuu Dr Helliyer Kataar bakka hoggantoonni Hamaas nageenyaan turuu danda'ani, achi turuu danda'u jedheen yaada jedhu.

''Ismaa'el Haniyaan Dohaa gara Iraanitti battaluma imaletti humnoota Israa'eliin ajjeefame,'' jechuun dubbatan.