Tarkiin imaltoota qubachuu xiyyaaraan dura teessoorraa ka'an adabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Imaltoonni gara Tarkiitti balal'in hundi osoo mallattoon qabattoo nageenyaa agarsiisu hin badiin dura teessoo isaaniirraa ka'an addabbiin kan isaan eeggatu ta'uu to'attoonni ibsaniiru.
Abbootiin Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Tarkii ajaja kana kan dabarsan erga imaltoota irraa komiin isa qaqqabee booda ta'uu beekiseera.
Seeroonni kunneen jalqaba baatii kanarraa eegaluun hojiirra kan oolfaman ta'uu hime.
Abbaan Taayitaa imaltoonni seericha cabsan adabbiin irratti muramu maal akka ta'e qajeelfamicha keessatti eeruu baatanilleen, gara doolaara 70 akka ta'e miidiyaaleen Tarkii gabaasaniiru.
Taateewwan akkasii kunneen, ''garmalee dabalaa jiraachuu'' kan akeekkachiise Abbaan Taayitichaa, xiyyaarrii osoo hin qubatiin dura imaltoonni baayyeen bakka shaanxaan keessa kaa'amu kan teessuuma namaatii olii akka saaqan komii hedduun na qaqqabeera jedheera.
Tarkiin waggaatti turistoota miiliyoon kudhaniin lakkaa'aman keessummeessiti.
Daandiiwwan qilleensaatiis beeksiisa mooraasaanii keessatti ajaja kana dabarsuu akka qabaniifi kanneen ajaja kana cabsan yoo jiraatanis beeksiisuu akka qaban Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii dubbateera.
Imaltoonni hanga mallattoon qabattoo teessumaa badutti qabattoo akka hin hiikne akka itti himamuufi bakka shaanxaan keessa kaa'amus banurraa akka of qusatan jedhameera.
Imaltoonni seeroota kanneen hin kabajne ammoo Abbaa Taayitichaaf gabaasa taasisuu qabus jedheera.
Daandiin Qilleensa Biyyaaleessa Tarkii beeksiisa balaliinsaa akka fooyyeesse Yuuroo Niiws gabaaseera.
''Imaltoonni seerichaaf hin aboomamne jeequmsaa kaasuudhaan daareektoreetii Siivil Aviyeeshiniiiif gabaasa taasifamu.
Haaluma seerichaatinis adabbiin bulchiinsaa isaan eeggata'' jechuun akeekkachiifini keessumeesitoota balaliinsaatiin himamuu midiyichi gabaaseera.
BBCn dhimma kanarratti yaada dabalataa argachuuf daandii qilleensaatiif gaaffii dhiyeesulleen hanga ammaatti deebii hin arganne.












