Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan Maanchister Siitii Erliingi Haalaandi fi Bukaayoo saakaa badhaasa taphataa cimaa PFA mo'atan
Taphataan sarara duraa Maanchister Siitii Erliingi Haalaand, taphataa cimaa Waldaa taphattoota Kubba Miilaa Pirofeshinaalaa [PFA] bara dorgommii darbee tahuun filatame.
Taphataan Arsenaal Bukaayoo Saakaan ammoo taphataa cimaa dargaggeesa [ol adeemaa] bara dorgommii darbee tahuun filatame.
Lammiin Noorwey kan tahe Haalaandi bara dorgommii darbetti waliigalaan galchii 52 lakkoofsisuun xumure.
Haalaandi kan filatame Keevin de Biruun, Joon Istoonsi, Bukaayoo saakaa, Maartiin Odeegaardii fi Haarii Keen caaluuni.
Haalaandi umuriin isaa amma ganna 23 yoo tahu rikardii galchii Piriimer Liigii bara dorgommii tokkotti 34 ture cabsuun 36 lakkoofsise.
Maan Siitiin bara dorgommii darbetti waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liifii fi FA Kaappii mo’ateera.
‘’Badhaasa kabajamaa kana mo’achuukootti ulfina guddaadha,’’ jedhe Haalaandi. Morkattootni kee beekamtii siif kennuun waan guddaadha. Kanneen sagalee isaanii naaf kennan hundaa nan galateeffadha jedhe.
‘’Naafis akka dhuunfaatti garee keenyaafis bara dorgommii hin dagatamnedha. Waancaawwan sadan mo’achuu waanuman hin yaadamne ture. Garee taphattootaa kanneen wlaiin tahuun kana milkeessuun waan raajiidha.
Yaadannoo adda tahe bara dorgommii darbetti galmeessine. Ammas bara kana seenaa kana irra deebiin galmeessuu barbaanna. Bara dorgommii kana haala gaariin jalqabneerra. Kanuma itti fufuu qabna,’’ jedhe haalaandi.
Haalaandi bara 2022 keessa Boorushiyaa Doortimoondi irraa paawondii miliyoona 51.2’n Maan Siitii gale.
Dabalataan Haalaandi badhaasa taphataa cimaa dargaggeessa jedhuufis kaadhimaamee ture.
Isa taphataa Arsenaal Bukaayoo saakaatu mo’ate. Saakaan galchiiwwan 14 lakkoofsisuun kubba 11 ammoo galchii kan tahan mijeessee kenneera. Arsenaal sadarkaa lammaffaan akka xumurus gargaareera.
Saakaan morkattoota isaa kan akka Moosis Kaayiseedoo fa’a mo’achuun badhaasicha argate.
Kaayiseedoon bara Biraayitan irraa paawondii miliyoona 115 caaluun Cheelsii gale.
Isaan waliin Gabri’eel Maartineelii, taphataa sarara gidduu Astoon Viilaa Jaakob Raamsee fi taphataa Biraayitan biraa Ivaan Fergusan caaluun badhaasicha fudhate.
Taphattoonni badhaasicha mo’atan lameen [Haalaandii fi Saakaa] garee jabaa PFA bara dorgommii darbee keessattis hammatamaniiru.
Dubartootaan ammoo taphattuun sarara duraa Aston Viilaa taphattuu cimtuu PFA bara dorgommii darbee tahuun yoo filatamtu, taphattuun Cheelsii Looren Jeemsi ammo taphattuu dargaggeettii [al adeemoo] cimtuu tahuun filatamte.
Garee jabaa bara dorgommii darbee keessatti karra eegaa cimaan Aaron Raamsideel [Arsenaal irraa filatame.
Ittisa irra Wiiliyaam Saaliibaa, Ruuben Diyaaz [Maan Siitii] Joon Istoonsi [Man Siitii], Keeraan Tiriipper [Niwkaastil], sarara gidduu irra Roodirii [maan Siitii], Maartin Odeegaardi [Arsenaal], Keevin de Biruun [Maan Siitii], fuuldura irra ammoo Bukaayoo Saakaa [Arsenaal], Haalaandi [Maan Siitii], fi Haarii Keen [tootenahaam] irraa filatamaniiru.