Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dammi osoo hin alaa'in akka yeroo dheeraa turu maaltu taasisa?
Dammi uumamaan mi'aa qaba; baakteeriyaan ammoo waan sukkaara qabu jaalata. Haa ta'u garuu dammi nyaata uumamaan baakteeriyaa ofirraa ittisuudha.
Kanaraa kan ka'e osoo hin alaa'in yeroo dheeraf turuu danda'a. Ofii dammi akka baakteeriyaa ofirraa ittisuufi osoo hin alaa'in turu maaltu taasisa?
Nyaati dhandama mi'aawaa qabaniifi saamsaman yeroo gabaabaa qofa turu. Haa ta'u garuu nyaati muraasni osoon hin alaa'in waggoota dheeraa turuun nyaataaf oolu.
Nyaata osoo hin alaa'in waggoota dheeraa turan keessaa tokko damma. Dammi saamsamee yoo taa'e dhamsi isaa osoo hin jijjiiramin, baakteeriyaan nyaatamee osoo hin alaa'in dandeettii waggoota dheeraa turuu qaba.
Icciitiin isaa ammoo keemistirii dammaa ykn akkaataa itti daammi uumamu wajjin al-qabata.
Nyaanni tokko alaa'e gaafa jedhamu, maayikiroo organizimiin ijaan hin mul'anne alaa gaafa itti galuudha. Kunis baakteeriyaa, faangasiifi wantoonni biroo seenuu agarsiisa.
Maayikiroo orgaanizimiiwwan kunneen meetaaboliziimii isaanii fayyadamuuf jiidhinsa, tempireechara olaanaa fi oksijiinii heddu barbaadu.
Nyaata akka foonii ykn fuduraawwanii jiidhinsi isaanii akka keessaa dhumu gochuun bishaan dhorkatu.
Kanaaf ammoo namoonni nyaati akka hin aloofneef erga bilchaatee booda cabbeessaa [firiijii] keessa kaa'u.
Gama biraan ammoo nyaata saamsanii kaa'un okisijiinin akka hin galle taasisa. Sababni isaa maayikiroo orgaanizimoonni oksijiinii fayyadamu waan ta'eef.
Haa ta'u garuu nyaatiwwan haala baay'ee qulqullina qabuun saamsanillee yeroon turtii isaanii kan daangeeffameedha.
Dammi garuu adda. Dammi akka hin aloofnefi yeroo dheeraa turu kan taasisu ammoo akkaataa inni hojjatamuudha.
Kanniisi damma dammeessitu nadhiii daraaraa funaanun gaagura keessatti kuusti, kana gochuuf ammoo bishansaa hamma tokko keessaa baasun qabiyyeen asiidii akka dabaluuf inzaamiwwan fayyadamti.
Kuni ammoo maayikiroo orgaanizimoonn akka baakteeriyaafi faangasii fa'aa akka hin uumamne godha. Gama biraan ammoo inzaamichi sukkaarri caccabu taasisuun qawwaa gagaa dammi itti dammeessa'u keessatti gala.
Ittaansuun, kanniisi waan addaa tokko hojjatti: baalleesheetiin dammatti afarsiti. Kuni ammoo bishaan damma keessatti hafe suuta hurkaan akka bahu taasisa.
Dammi duraan bishaan %70 hanga %80 of keessaa qabu, gaafa kanniisi baalleesheetiin itti afarsitu suuta bishaanichi keessaa hurkee baay'ee gadi bu'a.
Dammi qophaa'ee dhumate tokko bishaan %15 hanga %18 qaba. Adeemsa kanniisi fayyadamtuun yoo ta'een alatti, hangi molokiyuulota sukkaara baay'ee guddaa waan ta'eef, sukkaara hanga sana bishaan hanga guddaa ta'e sanatti caccabsuun tasumaa hin danda'mu.