Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yeroo maallaqni kufu warqee bituun amansiisaadhaa?
Ji'oota darban muraasa keessa gatiin warqee addunyaa kan kana dura barame irraa baayyee dabalaa dhufe.
Kunis sababii tasgabbii dhabiinsa gabaa addunyaatiin wal qabatee daldaltoonni gabaa keessatti filmaata amansiisaa barbaadaa waan jiraniifi.
Sibiilli gatii jabaa qabu kun akka aadaasaattis yeroo rakkoo akka maallaqaa ykn akka qabeenya amanamaa, qabatamaa ta'eetti ilaalama.
Garuu dhuguma warqiin hanguma yaadamu amansiisaadhaa?
Qaraxni prezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoota irra kaa'an gabaa addunyaa irratti jijjirama olaanaadha jedhame fideera.
Akkasumas jijjiramni imaammata daldalaa waggootaaf argamee hin beekamne mul'ataa jira.
Fakkeenyaaf gatiin warqee torban darbe haala ta'ee hin beekneen doolaara 3,167 ol galmeessisuun sadarkaa olaanaa irra gaheera.
Gatiin warqee bara kana wal jalaan dabaluudhaan rikardii cabseera, kunis yaaddoo waraana qaraxaa fi daldalaatiin kan ka'edha. Tasgabbii dhabuun yeroo baayyee gatiin warqee akka dabalu taasisa.
Yeroo gabaan faayinaansii gadi bu'u namoonni ariitiidhaan warqee kuufachuu waan barbaadaniif "gatiin warqee ni dabala.
Ofii eenyutu warqee bitaa jira?
Yunivarsitii Of Beelfaastiitti barsiisaa kan ta'an Dr Fiiliipp Faleers, warqee kan bitan mootummoota, abbootii qabeenyaa ykn kanneen raabsan akka ta'an dubbatu.
''Gahee ykn sheerii gabaa dhiisuudhaan warqee irratti xiyyeeffataa jiru. Gatinis kan dabalu sababii akkasitiin'' jedhu.
''Sun dhugaattis gatii Warqee haalaan akka dabalu taasisa.''
Warqeen akka aadaatti yeroo gabaa keessatti tasgabbiin dhabamuutti sibiila gatii jabaa hawwatu ture.
Bara 2020tti weerarri Covid-19 kufaatii diinagdee fiduudhaan gatiin warqee akka tasaa akka ol ka'u taasise.
Haata'u malee, gabaa faayinaansii keessattis tasgabbii dhabamuunsaa warqees miidhuu danda'a.
Amajjii bara 2020 keessa, weerarri Covid-19 akkuma mul'ateen gatiin warqee ol ka'ee, bara sana Bitooteessatti garuu gadi bu'uu jalqabe.
"Invastimantii ''nageenya qabudha' jechuunis balaa maleedha jechuu miti," jedhu Dr Filiirs.
Garuu warqeen ammallee yeroo tasgabbii diinagdee dhabamuutti isatti garagaluudhaaf invastimantii maqaa gaarii qabuudha. Kunis sababa gatii isaa qofa osoo hin taane, seenaa fi aadaa adda addaa keessattis gatii guddaa waan qabuuf salphaatti daldalamuu danda'a.
Haguuggii Warqee Tutaan kaahamun Masrii durii irraa kaasee hanga Mana Teessuma Asaante Gaanaa keessaa fi Teessoo Warqee Mana Qulqullummaa Paadmaanaabhaaswamy Hindiitti, sibiilli gatii jabaa kun seenaa keessatti barbaachisummaa amantii fi fakkeenyaa qabaataa ture.
Namoonni baay'een karaa amanamaa ta'en qabeenya isaanii kuufachuuf warqee ilaaluun isaanii nama hin ajaa'ibu.
Gatiin meeshaalee warqee fi faaya mana keessaa yeroo baayyee jijjiirama gabaa faayinaansii addunyaatiin hin miidhamu.
Haata'u malee, invastimantiiwwan gurguddoon kamiyyuu gocha taphattoota faayinaansii gurguddootiin tasgabbii ta'uu danda'a.
"Kana keessaa baay'een isaa," jedhu Dr Fileers, daballii gatii warqee dhiheenya kana eeruudhaan, "Baankonni giddugaleessaa mootummaa warqee bitachuudhaan kan oofu ta'uu nan shakka."
Yeroo baayyee yeroo tasgabbii dhabiinsi mudatuutti, invastimantii kaappitaalaa irraa waan fagaataniif kuufama isaanii jabeessuuf warqee hedduu bitu.
Kana jechuun sibiilli duraan ture irratti invastimantii gochuun balaa qabaachuu danda'a.
"Hanga ammaatti warqeen dabaluu isaa tilmaamuun tooftaa balaa qabudha sababiin isaas akkuma gabaan tasgabbaa'een, mootummoonni sammuu isaaniitti deebi'aniin namoonni deebi'anii warqee dhiisuuf jiru," jedhu Dr Fileersi.
"Ani wantoota akka warqee irratti invast gochuu nan jedha, yeroo dheeraaf akkas goota."